Habakkuk 1
1Raajii Anbaaqoom raajichi arge.Guungummii Anbaaqoom
2Yaa Waaqayyo, ani hamma yoomiittin gargaarsaaf sitti iyyadha?Ati garuu na hin dhaggeeffattu;
yookaan ani hamma yoomiitti, “Goolii!”
jedhee sitti booʼee ati garuu na hin oolchitu?
3Ati maaliif akka ani murtii dabe argu na goota?
Ati maaliif balleessaa namaa obsita?
Badiisnii fi gooliin fuula koo dura jiru;
lollii fi waldhabiinsi baayʼateera.
4Kanaafuu seerri laamshaʼeera;
murtiin qajeelaan dabsameera.
Akka murtiin qajeelaan jalʼifamuuf;
namoonni hamoon qajeelota marsu.
Deebii Waaqayyoo
5“Saboota hubadhaa ilaalaa;akka malees dinqisiifadhaa.
Ani bara keessan keessa
waan isin yoo isinitti himame illee
hin amanne tokko nan hojjedha.
6Ani warra Baabilon,
uummata gara jabeessaa fi ariifataa,
kan iddoo jireenya isaa hin taʼin qabachuuf
guutummaa lafaa keessa yaaʼu sana nan kaasa.
7Isaan saba sodaatamuu fi naasisuu dha;
isaan ofii isaaniitiifuu seera;
ulfina isaaniis ni guddifatu.
8Fardeen isaanii qeerransa caalaa saffisu;
yeeyyii galgalaa caalaa sodaachisu.
Namoonni isaanii kanneen farda yaabbatan ariitiidhaan gulufu;
abbootiin farda isaaniis fagoodhaa dhufu.
Isaan akkuma risaa waa nyaachuuf ariifatuu barrisu;
9isaan hundinuu jeequmsaaf dhufu.
Tuunni isaanii akkuma bubbee gammoojjii gara fuula duraatti qajeela;
namoota hidhamanis akkuma cirrachaa walitti qaba.
10Isaan mootota tuffatanii
bulchitootatti qoosu.
Daʼannoo hundatti ni kolfu;
biyyoos tuulanii isa qabatu.
11Ergasii namoonni yakka hojjetan kanneen humna isaanii waaqa isaanii godhatan,
akka bubbee lafa haxaaʼanii karaa isaanii itti fufu.”
Gungummii Anbaaqoom isa Lammaffaa
12Yaa Waaqayyo, ati bara baraa jalqabdee jirta mitii?Yaa Waaqa ko, yaa Qulqullicha ko, ati gonkumaa hin duutu.
Yaa Waaqayyo, ati akka isaan murtii kennaniif isaan muuddeerta;
yaa Kattaa ko, ati akka isaan nama adabaniif isaan ramaddeerta.
13Iji kee akka waan hamaa hin ilaalleef akka malee qulqulluu dha;
ati daba argitee obsaan dhiisuu hin dandeessu.
Yoos ati maaliif obsaan namoota hamoo ilaalta?
Ati maaliif yeroo namoonni hamoon
warra isaan caalaa qajeeloo taʼan liqimsanitti calʼistaa?
14Ati namoota akka qurxummii galaana keessaa,
akka uumamawwan galaanaa kanneen bulchaa hin qabnee gooteerta.
15Diinni hokkoodhaan isaan hunda ol baasa;
kiyyoo isaatiinis isaan harkisa;
kiyyoo isaa keessatti walitti isaan qabata;
kanaafuu inni ni gammada; ni ililchas.
16Inni sababii kiyyoo isaatiin bashannanee
nyaata isaa filatamaatti gammaduuf
kiyyoo isaatiif aarsaa dhiʼeessa;
kiyyoo isaatiif illee ixaana aarsa.
17Inni kiyyoo isaa keessaa garagalchuudhaan,
gara laafina malee ittuma fufee saboota balleessuu qabaa?
Copyright information for
GazHAHl