Habakkuk 3
Kadhannaa Anbaaqoom
1Kadhannaa Anbaaqoom raajichaa shigiyonootiidhaan. ▼▼Shigiyootiin gosa muuziiqaa ti.
2Yaa Waaqayyo, ani oduu kee dhagaʼeera;yaa Waaqayyo, ani gochawwan kee nan sodaadha.
Bara keenya keessa isaan haaromsi;
jabana keenya keessa isaan beekkamsiisi;
yeroo dheekamtutti araara yaadadhu.
3Waaqni Teemaan irraa,
Inni Qulqullichi Tulluu Phaaraaniitii dhufe.
Ulfinni isaa samiiwwan haguuge;
galanni isaas lafa guute.
4Miidhaginni isaa akkuma baʼiisa aduu ti;
gaanfawwan lama harka isaatii baʼu;
humni isaas achi dhokateera.
5Fuula isaa dura dhaʼichatu deeme;
golfaanis isa duukaa buʼe.
6Inni dhaabatee lafa raase;
ilaalee akka saboonni hollatan godhe.
Tulluuwwan durii ni burkutaaʼan;
gaarran bara hedduu jiraatanis ni diigaman.
Karaan isaa kan bara baraa ti.
7Ani utuu dunkaanonni Itoophiyaa dhiphatanuu nan arge;
golgaawwan Midiyaaniis ni hollatu.
8Yaa Waaqayyo, ati lageenitti aartee turtee?
Burqaawwanittis dheekkamtee?
Ati yeroo fardeen keetiin guluftetti,
yeroo gaariiwwan moʼannaa kee yaabbatetti
galaanatti dheekkamtee turtee?
9Ati iddaa kee luqqifattee
xiyya itti dhaabbatte.
Lafas lageeniin gargar baqaqsite;
10tulluuwwan si arganii hollattan.
Dhaʼaawwan bishaanii achiin darban;
tuujubni ni huurse;
dambalii isaas ol kaase.
11Sababii xiyya kee calaqqisaa fiigu sanaatii fi
sababii ifa eeboo keetii sanaatiif aduu fi
jiʼi samii keessa dhaabatanii hafan.
12Ati dheekkamsaan lafa irra marmaarte;
aariidhaanis saboota lafatti dhidhiitte.
13Ati saba kee furuuf,
dibamaa kee oolchuuf dhufte.
Hoogganaa biyya hamootaa ni daakte;
mataadhaa hamma miillaatti qullaa isa hambifte.
14Yeroo loltoonni isaa nu bittinneessuuf kaʼanii,
akkuma waan rakkattoota dhokatanii jiran
fixuu gaʼaniitti gammadanitti,
ati eeboo ofii isaatiin mataa isaa waraante.
15Ati fardeen keetiin bishaanota gurguddaa
hoomacheessaa galaana irra deemte.
16Ani dhagaʼeen garaan koo raafame;
hidhiin koo sagalee sanaan hollate;
tortorri lafee koo seene;
miilli koos ni hollate.
Taʼus ani hamma guyyaan badiisaa
saboota nu weeraranitti dhufutti obsaan nan eeggadha.
17Yoo mukni harbuu daraaruu baatee
iji wayinii muka wayinii irra jiraachuu baate iyyuu,
yoo mukni ejersaa ija naqachuu didee
lafti qotiisaa midhaan dhowwate iyyuu,
yoo hoolonni gola keessaa,
loonis dallaa keessaa dhabaman iyyuu,
18ani garuu Waaqayyotti nan gammada;
Waaqa isa na fayyisutti nan gammada.
19 Waaqayyo Gooftaan jabina koo ti;
inni miilla koo akka miilla borofaa godha;
lafa ol kaʼaa irras na deemsisa.
Dura buʼaa faarfannaatiif. Meeshaa koo kan ribuutiin kan faarfatame.
Copyright information for
GazHAHl