Hebrews 1
Dubbii Waaqayyoo Kan Xumuraa: Ilma Isaa
1Bara durii Waaqni yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin raajotaan abbootii keenyatti dubbatee ture; 2bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume. 3Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe. 4Akkuma maqaan inni dhaale sun kan ergamootaa caalaa guddaa taʼe sana innis ergamoota caalaa guddaa dha.Ilmi Ergamoota Caaluu Isaa
5Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Ati Ilma koo ti;ani harʼa si dhalcheera” ▼
Yookaan isa kamiin, “Ani isaaf Abbaa nan taʼa;
innis Ilma naa taʼa” ▼
jedhee beeka? 6Akkasumas Waaqni yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti, “Ergamoonni Waaqaa hundi isa haa waaqeffatan” ▼
jedha. 7Yommuu waaʼee ergamootaa dubbatus, “Inni ergamoota isaa hafuurota,
tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha” ▼
jedha. 8Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha; “Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata;
bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
9Ati qajeelummaa jaallatte; jalʼina immoo ni jibbite;
kanaafuu Waaqayyo Waaqni kee zayitii gammachuutiin si dibee,
hiriyoota kee si caalchise.” ▼
10Akkasumas inni akkana jedha; “Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite;
samiiwwanis hojii harka keetii ti.
11Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta;
hundumti isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu;
12ati akkuma wayyaatti isaan marta;
isaan akkuma uffataatti geeddaramu;
ati garuu sanuma;
umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.” ▼
13Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti,
gara mirga koo taaʼi” ▼
jedhe? 14Ergamoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?
Copyright information for
GazHAHl