Hebrews 11
Hojii Amantiin Hojjetu
1Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha. 2Jaarsoliifis kanaan dhugaa baʼameetii. 3Addunyaawwan akka ajaja Waaqaatiin uumaman, wanni mulʼatus akka waan mulʼatu irraa hin hojjetamin nu amantiidhaan hubanna. 4Abeel amantiidhaan aarsaa isa Qaayin dhiʼeesse caalu Waaqaaf dhiʼeesse. Inni yommuu Waaqni waaʼee kennaa isaa dhugaa baʼameefitti nama qajeelaa taʼuun isaa amantiidhaan dhugaa baʼameef. Abeel duʼu iyyuu hamma ammaatti amantiidhaan dubbachaa jira. 5Henook akka duʼa hin argineef amantiidhaan fudhatame; waan Waaqni isa fudhateef inni hin argamne. ▼ Inni utuu hin fudhatamin dura akka nama Waaqa gammachiiseetti dhugaa baʼameefii tureetii. 6Amantiidhaan malee Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba. 7Nohi waaʼee waan amma illee ijaan hin argaminii Waaqni isa akeekkachiifnaan sodaatee warra mana isaa jiraatan oolfachuuf jedhee amantiin doonii tolche. Amantii isaatiinis addunyaatti mure; dhaaltu qajeelummaa amantiin argamuus taʼe. 8Abrahaam gara iddoo dhaaluuf jiruu akka dhaqu yommuu waamametti, amantiidhaan ajajame; eessa akka dhaqu iyyuu utuu hin beekin kaʼee deeme. 9Innis akka keessummaa biyya ormaa jiruutti biyya isaaf waadaa galame sana keessa amantiidhaan qubate; akkuma warra isa wajjin waadaadhuma sana dhaalan, akkuma Yisihaaqii fi Yaaqoob dunkaana keessa jiraate. 10Inni magaalaa hundee qabdu kan Waaqni ijaaree fi tolche eeggachaa tureetii. 11Saaraan yoo umurii daʼumsaa dabartee, dhabduu turte illee isheen waan Waaqa waadaa isheef gale sana amanamaa gootee fudhatteef, amantiidhaan mucaa daʼu dandeesse. 12Kanaaf namicha akka waan duʼeetti ilaalamu tokkicha kana irraa sanyiin akka urjii samii baayʼattuu fi akka cirracha qarqara galaanaa kan hin lakkaaʼamne dhalate. 13Namoonni kunneen hundinuu utuu waan waadaa galameef sana hin argatin amantii isaanii immoo utuu hin dhiisin duʼan. Waadaa sanas fagootti ilaalanii simatan. Isaanis lafa irratti akka keessummootaa fi godaantota turan beekaniiru. 14Warri waan akkasii jedhan kunneen akka biyya ofii isaanii eeggachaa jiran mulʼisu. 15Isaan utuu waaʼee biyya keessaa baʼan sanaa yaadaa turanii silaa, biyya isaaniitti deebiʼuuf carraa ni argatu turan. 16Qooda kanaa isaan biyya wayyu tokko jechuunis biyya samii irraa sana hawwaa turan. Kanaafuu Waaqayyo Waaqa isaanii jedhamee waamamuutti hin qaanaʼu; inni magaalaa isaaniif qopheesseeraatii. 17Abrahaam yeroo Waaqni isa qoretti amantiidhaan Yisihaaqin aarsaadhaaf dhiʼeesse. Isuma waadaa argate sanatu ilma isaa tokkicha aarsaa godhee dhiʼeessuuf qophaaʼe; 18innis isuma Waaqni, “Sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamama” ▼ jedheen sana. 19Abrahaam akka Waaqni warra duʼan keessaa nama kaasuu dandaʼu illee hubatee ture; kunis karaa tokkoon inni ilma isaa Yisihaaqin warra duʼan keessaa deebisee argate jechuu dha. 20Yisihaaq amantiidhaan waan dhufuuf jiru irratti Yaaqoobii fi Esaawun eebbise. 21Yaaqoob yeroo duʼetti amantiidhaan ilmaan Yoosef tokko tokkoon eebbise; mataa ulee isaatti irkatees sagade. 22Yoosefis yeroo duʼetti amantiidhaan waaʼee Gibxi keessaa baʼuu ijoollee Israaʼel dubbate; waaʼee lafee isaas ajaja kenne. 23Yeroo Museen dhalatetti abbaa fi haati isaa mucaa miidhagaa taʼuu isaa arganii utuu labsii mootichaa hin sodaatin amantiidhaan jiʼa sadii isa dhoksan. 24Museen yeroo guddatetti ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu amantiidhaan dide. 25Inni gammachuu cubbuutiin yeroo gabaabaaf gammaduu irra saba Waaqaa wajjin dhiphachuu filate. 26Inni waan badhaasa isaa of duratti ilaaleef, Kiristoosiif jedhee salphachuu akka qabeenya Gibxi caalaa gatii guddaa qabuutti fudhate. 27Innis utuu dheekkamsa mootichaa hin sodaatin amantiidhaan Gibxi keessaa baʼe; isa hin mulʼanne sana akka waan argeetti obsee eeggate. 28Akka ergamaan hangafa ajjeesu sun hangafoota saba Israaʼel hin tuqneefis amantiidhaan akka Faasiikaan ayyaaneffamu, dhiignis akka facaafamu godhe. 29Sabni Israaʼel akkuma nama lafa gogaa irra deemuutti amantiin Galaana Diimaa ceʼe; warri Gibxi garuu yommuu akkuma sanatti ceʼuu yaalanitti ni liqimfaman. 30Dallaan Yerikoo erga guyyaa torba marfamee booddee amantiidhaan jige. 31Sagaagaltuun Rahaab jedhamtu basaastota simachuu isheetiin amantiidhaan hafte malee warra hin amanin wajjin hin ajjeefamne. 32Ani egaa kana caalaa maalin jedha ree? Waaʼee Gedewoon, waaʼee Baaraq, waaʼee Saamsoon, waaʼee Yiftaa, waaʼee Daawit, waaʼee Saamuʼeelii fi waaʼee raajotaa odeessuuf ani yeroo hin qabu; 33isaan amantiidhaan mootummoota moʼatan; murtii qajeelaa kennan; waan waadaa galame argatan; afaan leencotaa cufan; 34amantiidhaan ibidda jabaa dhaamsan; qara goraadee jalaa baʼan; dadhabbiin isaanii jabinatti geeddarame; waraana keessatti humna argatanii loltoota diinaa ariʼan. 35Dubartoonnis namoonni isaanii kanneen duʼan duʼaa kaafamaniifii deebisanii fudhatan. Warri kaanis duʼaa kaʼuu wayyu argachuuf jedhanii gad dhiifamuu didanii dhiphatan. 36Warra kaanitti ni qoosame; ni garafamanis; akkasumas foncaan hidhamanii mana hidhaatti darbataman. 37Dhagaadhaanis ni tumaman; iddoo lamatti baqaqfaman; goraadeedhaan ajjeefaman. Deeguudhaan, ariʼatamuu fi dhiphachuudhaan gogaa hoolotaatii fi reʼootaa uffatanii jooran; 38addunyaan isaaniif hin maleetii. Isaanis gammoojjii fi gaara irra, holqaa fi boolla keessa jooraa turan. 39Warri kunneen hundinuu yoo sababii amantii isaaniitiif jajaman iyyuu isaan keessaa namni tokko iyyuu waan waadaa galame sana hin arganne. 40Waaqni akka isaan nu qofa wajjin warra mudaa hin qabne taʼaniif duraan dursee waan nuuf wayyu argeera.
Copyright information for
GazHAHl