‏ Hebrews 3

Yesuus Musee Caala

1Kanaafuu yaa obboloota qulqulloota, warra waamicha samii keessatti hirmaattan, Yesuus ergamaa fi luba ol aanaa amantii keenyaa sana ilaalaa. 2Akkuma Museen mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture sana innis isa isa muudeef amanamaa ture. 3Akkuma namni mana ijaaru tokko mana sana caalaa kabaja guddaa qabu, innis Musee caalaa kabaja guddaa qaba. 4Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Waaqa. 5Museen waan fuul duratti dubbatamuuf jiru dhugaa baʼuuf akka tajaajilaa tokkootti mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture. 6Kiristoos garuu akka Ilmaatti mana Waaqaa irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.

Akeekkachiisa Amantii Dhabuu Irratti Kenname

7Kanaafuu akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu: “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,
8akka yeroo qorumsaa gammoojjii
keessatti finciluun gootan sana,
mataa hin jabaatinaa;
9abbootiin keessan achitti na qoranii na ilaalan;
waggaa afurtamas waan ani hojjedhe argan.
10Kanaafuu ani dhaloota sanatti aaree,
‘Yeroo hunda qalbii isaaniitiin dogoggoru;
isaan karaa koo hin beekne’ jedhe.
11Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin,
‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe.”

12Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Waaqa jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa. 13Garuu isin keessaa akka namni tokko iyyuu gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa hin taaneef utuu “Harʼa” jedhamaa jiruu guyyuma guyyaan wal jajjabeessaa. 14Nus yoo amantii keenya isa jalqabaa sana hamma dhumaatti jabeessinee qabanne Kiristoos wajjin hirmaattota ni taanaatii. 15Kunis akkuma, “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,
akka yeroo fincilaa sana,
mataa hin jabaatinaa”

jedhamee barreeffamee dha.

16Warri dhagaʼanii fincilan sun eenyu? Warra Museen qajeelchee Gibxii baase sana hunda mitii? 17Waaqni waggaa afurtama eenyu faatti aare? Warruma cubbuu hojjetanii reeffi isaanii gammoojjii keessatti kukkufe sanatti mitii? 18Yoo warruma ajajamuu didan sana taʼe malee Waaqni akka isaan gonkumaa boqonnaa isaatti hin galleef eenyu faatti kakate ree? 19Kanaafuu akka isaan sababii amantii dhabuu isaaniitiif boqonnaa sanatti galuu hin dandaʼin argina.
Copyright information for GazHAHl