‏ Hebrews 5

1Tokkoon tokkoon luba ol aanaa namoota gidduudhaa filatamee waan Waaqa ilaallatu irratti namoota iddoo buʼee sababii cubbuutiif kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama. 2Inni mataan isaa iyyuu waan dadhabbii keessa jiruuf wallaaltotaa fi warra karaa irraa jallataniif garaa laafuu ni dandaʼa. 3Sababii kanaaf inni cubbuu ofii isaatiif, akkasumas cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuu qaba. 4Nama akkuma Aroonitti Waaqaan waamame malee, namni kam iyyuu ulfina kana ofii isaatiif hin fudhatu.

5Kiristoosis akkasuma luba ol aanaa taʼuuf of hin ulfeessine. Waaqni garuu, “Ati Ilma koo ti;
ani harʼa si dhalcheera”

jedheen.
6Iddoo biraattis, “Akkuma sirna Malkiiseedeqitti,
ati luba bara baraa ti”

jedha.

7Yesuus yeroo lafa irra jiraachaa turetti iyya guddaa fi imimmaaniin isa duʼa isa oolchuu dandaʼu sanatti kadhannaa fi waammata dhiʼeeffate; sababii inni sodaa Waaqaa qabuufis kadhannaan isaa ni dhagaʼameef. 8Inni Ilma taʼu iyyuu dhiphina isaa sana irraa ajajamuu barate; 9erga kan mudaa hin qabne taasifamee immoo warra isaaf ajajaman hundaaf burqaa fayyina bara baraa taʼe. 10Akka sirna Malkiiseedeqittis luba ol aanaa jedhamee Waaqaan waamame.

Akeekkachiisa

11Nu waaʼee isaa waan jennu baayʼee qabna; isin garuu waan hubachuutti dadhaboo taataniif isinii ibsuun rakkisaa dha. 12Isin yeroo kanatti barsiistota taʼuu qabdu ture; isin immoo nama waaʼee dhugaa dubbii Waaqaa kan jalqabaa irra deebiʼee isin barsiisutu isin barbaachisa. Nyaata jabaataas utuu hin taʼin aannan isin barbaachisa. 13Namni aannaniin jiraatu kam iyyuu waan amma illee daaʼima taʼeef dubbii qajeelummaa hin beeku. 14Nyaanni jabaataan garuu namoota bilchaatoo kanneen waan gaarii fi waan hamaa gargar baasanii beekuuf of leenjisaniif taʼa.
Copyright information for GazHAHl