‏ Hosea 10

1Israaʼel muka wayinii dagaage ture;
inni matuma isaatiif ija naqata.
Akkuma iji isaa baayʼateen
inni iddoo aarsaa hedduu ijaarrate;
akkuma lafti isaa gabbatteen
utubaawwan waaqeffannaa isaa miidhagfate.
2Garaan isaanii gowwoomsaadhaan guutameera;
isaan amma yakka isaanii baadhachuu qabu.
Waaqayyo iddoo aarsaa isaanii ni diiga;
utubaawwan waaqeffannaa isaaniis ni barbadeessa.

3Ergasii isaan akkana jedhu;
“Nu sababii Waaqayyoon sodaachuu didneef mootii hin qabnu.
Garuu utuu mootii qabaanne iyyuu
inni silaa maal nuuf godha?”
4Isaan waan hedduu waadaa galu;
kakuu sobaas seenanii
walii galtee uummatu;
kanaafuu seera dhabeeyyiin
akkuma aramaa summii qabu kan lafa qotiisaa keessaatti latu.
5Namoonni Samaariyaa keessa jiraatan
sababii waaqa tolfamaa fakkii jabbii

kan Beet Aawwen keessaa sanaatiif sodaatu.
Sabni ishee isheedhaaf booʼa.
Luboonni ishee ejjitoonni
warri ulfina isheetiin gammadan sunis
sababii isheen isaan irraa boojiʼamteef ni booʼu.
6Jabbichis akka harka fuudhaatti
Yaariim mootichaaf Asooritti geeffama.
Efreem ni salphifama;
Israaʼel waaqota ishee kanneen muka irraa tolfamaniif ni qaanofti.
7Samaariyaa fi mootiin ishee
akkuma hoomacha bishaan irraatti fudhatamanii badu.
8Iddoowwan sagadaa kanneen Awween ni barbadeeffamu;
kunis cubbuu Israaʼel.
Qoraattii fi sokorruun irratti biqilee
iddoo aarsaa isaanii haguuga.
Yeroo sana namoonni tulluuwwaniin, “Nurratti jigaa!”
gaarraniin immoo, “Nu dhoksaa!” jedhu.

9“Yaa Israaʼel isin bara Gibeʼaatii jalqabdanii

cubbuu hojjettaniirtu;
ammas achumatti haftaniirtu.
Gibeʼaa keessatti waraanni kaʼee
jalʼoota hin fixuu?
10Ani yoon fedhe isaan nan adaba;
sababii cubbuu isaanii dachaa sanaatiif
hidhaa keessa isaan buusuuf

saboonni naannoo isaaniitti walitti qabamu.
11Efreem goromsa leenjifame
kan midhaan siribsiisuu jaallatuu dha;
kanaafuu ani morma ishee irra
waanjoo nan kaaʼa.
Ani Efreemin nan oofa;
Yihuudaan lafa qotiisaa qotuu qaba;
Yaaqoobis biyyoo bulleessuu qaba.
12Ofii keessaniif qajeelummaa facaafadhaatii
ija jaalalaa kan hin dhumne haammadhaa;
lafa keessan kan hin qotamin illee baqaqsaa;
yeroon kun yeroo hamma inni dhufee
qajeelummaa isinitti roobsutti
Waaqayyoon barbaaddataniitii.
13Isin garuu hammina facaafattanii
jalʼina haammattan;
isin ija sobaa nyaattaniirtu.
Sababii ati jabina keetii fi
loltoota kee baayʼee sana abdatteef,
14akkuma Shalmaan gaafa lolaatti Beet Arbeelin balleessee
haadhota ijoollee isaanii wajjin biyyootti makaman sana,
daʼannoowwan kee hundi ni barbadaaʼu;
huursaan waraanaas saba keetti ni kaʼa.
15Yaa Beetʼeel, sababii hamminni kee akka malee guddaa taʼeef,
wanni akkasii sittis ni dhufti.
Gaafa guyyaan sun bariʼutti
mootiin Israaʼel guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.
Copyright information for GazHAHl