Hosea 14
Eebba Argachuudhaaf Qalbii Jijjiirrachuu
1Yaa Israaʼel, gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebiʼi.Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii!
2Dubbicha fudhadhuutii
gara Waaqayyoo deebiʼi.
Akkanas jedhiin:
“Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi;
akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf,
arjummaadhaan nu simadhu.
3Asoor nu oolchuu hin dandaʼu;
nu fardeen lolaa hin yaabbannu.
Nu siʼachi deebinee, waan harki keenya hojjeteen,
‘Waaqota keenya’ hin jennu;
daaʼimman abbaa hin qabne gara laafina sirraa argatuutii.”
4“Ani gantummaa isaanii nan fayyisa,
toluman isaan jaalladha;
aariin koo isaan irraa deebiʼeeraatii.
5Ani Israaʼelitti akkuma fixeensaa nan taʼa;
inni akkuma daraaraa ni daraara.
Inni akkuma gaattiraa Libaanoon
hidda isaa gad fageeffata;
6dameen isaa ni guddata.
Miidhaginni isaa akkuma muka ejersaa taʼa;
urgaan isaa akkuma gaattiraa Libaanoon.
7Namoonni ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala jiraatu.
Inni akkuma midhaanii lalisa.
Akkuma muka wayinii dagaaga;
maqaan isaas akkuma daadhii wayinii Libaanoon beekama.
8Yaa Efreem, ani kana caalaa waaqota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba?
Kan deebii siif kennee si eegu anuma.
Ani akkuma muka birbirsa lalisaa ti;
amanamummaan kee ana irraa dhufa.”
9Namni ogeessi eenyu? Inni waan kana ni beeka.
Qalbii qabeessi eenyu? Inni waan kana ni hubata.
Karaan Waaqayyoo qajeelaa dha;
namni qajeelaan isa irra deema;
finciltoonni garuu isa irratti gufatu.
Copyright information for
GazHAHl