‏ Hosea 2

1“Obboloota keessaniin, ‘Saba koo’ obboleettota keessaniin immoo, ‘Jaallatamtuu koo’ jedhaa.

Adabamuu fi Haaromfamuu Israaʼel

2“Haadha keessanitti dheekkamaa; isheetti dheekkamaa;
isheen niitii koo mitiitii;
anis dhirsa ishee miti.
Isheen fuula ishee irraa ilaalcha ejjummaa haa balleessitu;
amanamummaa dhabuus harma ishee gidduudhaa haa balleessitu.
3Yoo kanaa achii ani wayyaa ishee irraa baasee
akkuma guyyaa isheen dhalatte sanaa qullaa ishee nan hambisaa;
akkuma gammoojjii ishee nan godha;
lafa goggogaatti ishee nan geeddara;
dheebuudhaanis ishee nan ajjeesa.
4Isaan ijoollee ejjummaa waan taʼaniif,
ani ijoollee isheetiif garaa hin laafu.
5Haati isaanii amanamummaa dhabdee
karaa salphinaatiin isaan ulfoofte.
Isheen, ‘Ani warra na jaallatu,
warra nyaata koo fi bishaan koo,
warra suufii koo fi wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame,
warra dibataa fi dhugaatii koo naaf kennan
duukaa nan buʼa’ jette.
6Kanaafuu ani haafa qoraattiitiin daandii ishee nan cufa;
akka isheen karaa ittiin baatu hin arganneef dallaa itti nan ijaara.
7Isheen michoota ishee duukaa buuti; garuu isaan hin qaqqabdu;
isaan barbaaddi; garuu hin argitu.
Ergasii isheen, ‘Ani akkuma duraa
gara dhirsa kootti nan deebiʼa;
amma caalaa yeroo sana wayya tureetii’ jetti.
8Isheen akka ani midhaan,
daadhii wayinii haaraa fi zayitii isheedhaaf kenne,
meetii fi warqee isaan Baʼaaliif dhiʼeessanis
kan ishee irratti dhangalaase anuma akka taʼe hin beekne.

9“Kanaafuu ani yeroo inni bilchaatutti midhaan koo,
daadhii wayinii koo haaraa illee yeroo inni qophaaʼutti

irraa nan fudhadha.
Ani suufii koo fi wayyaa koo kan quncee talbaa irraa hojjetame
kanan qullaa ishee dhoksuudhaaf kenneefis

amma ishee irraa nan fudhadha.
10Ani amma ijuma michoota ishee duratti
addaggummaa ishee nan saaxila;
namni tokko iyyuu harka koo keessaa ishee hin baasu.
11Ani ayyaana ishee hunda jechuunis,
ayyaana ishee kan waggaa, ayyaana ishee kan gaafa baatii haaraa,
ayyaana ishee kan Sanbataatii fi
ayyaanota ishee kanneen murtaaʼan hunda nan hambisa.
12Ani muka wayinii isheetii fi muka harbuu ishee
kan isheen michoota kootu naaf kenne jettu sana nan barbadeessa.
Ani daggala isaan nan godha;
bineensi bosonaa isaan dheeda.
13Ani guyyoota isheen itti
Baʼaaliif ixaana aarsite sanaaf ishee nan adaba;
isheen qubeelaa fi faaya garaa garaatiin
of miidhagsitee michoota ishee duukaa butee na irraanfatte”
jedha Waaqayyo.

14“Kanaafuu ani amma ishee nan sossoba;
gara lafa gammoojjiitti ishee geessee
jaalalaan itti nan dubbadha.
15Ani iddoo dhaabaa wayinii ishee deebisee nan kennaaf;
Sulula Aakooris balbala abdii nan godha.
Isheen achitti akkuma gaafa shamarrummaa isheetti,
akkuma gaafa biyya Gibxii baateetti sirbiti.

16“Ati gaafa sana” jedha Waaqayyo;
“ ‘Dhirsa koo’ jettee na waamta;
ati lammata deebitee, ‘Gooftaa koo’ naan hin jettu.
17Ani maqaawwan Baʼaal afaan isheetii nan balleessa;
maqaan isaanii lammata hin dhaʼamu.
18Ani gaafas bineensa bosonaatii fi simbirroota samii wajjin,
uumamawwan lafa irra munyuuqan wajjin
isaaniif kakuu nan gala.
Ani akka isin nagaadhaan bultaniif
xiyya, goraadee fi waraana
lafa irraa nan balleessa.
19Ani bara baraan ofii kootiif sin kaadhimadha;
ani qajeelummaa fi dhugaadhaan
jaalalaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha.
20Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha;
atis Waaqayyoon ni beekta.”

21 Waaqayyo akkana jedha;
“Ani gaafas deebii siif nan kenna;
ani samiif deebii nan kenna;
samiinis lafaaf deebii ni kenna;
22laftis midhaaniif, daadhii wayinii haaraa fi
zayitiif deebii kenniti;
isaanis Yizriʼeeliif deebii kennu.
23Ani ofii kootiif lafa irra ishee nan dhaabbadha;
ani kanan, ‘Ati jaalallee koo miti’ jedheen sana nan jaalladha.
Ani warra, ‘Isin saba koo miti’ jedhaman sanaan, ‘Isin saba koo ti’ nan jedha;
isaanis, ‘Ati Waaqa koo ti’ naan jedhu.”
Copyright information for GazHAHl