Hosea 5
Murtii Israaʼelitti Murteeffame
1“Isin luboonni waan kana dhagaʼaa!Israaʼeloonnis qalbeeffadhaa!
Yaa mana mootii dhaggeeffadhu!
Murtiin kun isinitti murama:
Isin Miisphaatti kiyyoo,
Taaboor irratti immoo xaxoo diriirsaa turtan.
2Finciltoonni ajjeechaatti jabaataniiru.
Ani isaan hunda nan adaba.
3Ani waaʼee Efreem hunda beeka;
Israaʼelis na duraa hin dhokattu.
Yaa Efreem, ati amma sagaagaltummaatti deebiteerta;
Israaʼelis xuraaʼeera.
4“Hojiin isaanii akka isaan gara Waaqa isaaniitti
deebiʼan hin eeyyamuuf.
Hafuurri sagaagaltummaa garaa isaanii keessa jira;
isaan Waaqayyoon hin beekan.
5Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isaanitti baʼa;
Israaʼeloonni, Efreem mataan isaa iyyuu cubbuu isaanii keessatti gufatu;
Yihuudaanis isaan wajjin gufata.
6Isaan yommuu Waaqayyoon barbaaduudhaaf
bushaayee fi loon isaanii fudhatanii deemanitti,
isa hin argatan;
inni isaan dhiisee deemeeraatii.
7Isaan Waaqayyoof amanamoo miti;
seeraan ala ijoollee godhatu.
Yeroo isaan Ayyaana Baatii Haaraa ayyaaneffatanitti
inni lafa qotiisaa isaanii ni balleessa.
8“Gibeʼaa keessatti malakata,
Raamaa keessatti immoo gaanfa afuufaa.
Beet Aawwen keessatti iyya lolaa dhageessisaa;
yaa Beniyaam, ati dura qajeeli.
9Guyyaa ifannaatti
Efreem ni ona.
Ani gosoota Israaʼel gidduutti
waan mirkanaaʼe nan labsa.
10Bulchitoonni Yihuudaa
akkuma nama dhagaa daarii dhiibu tokkoo ti.
Ani akkuma lolaa bishaanii
dheekkamsa koo isaanitti gad nan lolaasa.
11Efreem sababii waaqota tolfamoo
duukaa buʼuu jaallateef akka malee hacuucamee
murtiidhaan lafatti dhidhiitame.
12Ani Efreemitti akka bilii,
Yihuudaatti immoo akka daanaʼoo ti.
13“Yommuu Efreem dhukkuba isaa,
Yihuudaanis madaa isaa argetti,
Efreem gara Asooritti garagalee
mooticha guddaa gargaarsa kadhachuudhaaf nama itti erge.
Inni garuu isin fayyisuu,
madaa keessanis wayyeessuu hin dandaʼu.
14Ani Efreemitti akkuma leencaa,
Yihuudaattis akkuma saafela leencaa nan taʼa.
Ani gargar isaan ciccireen biraa deema;
ani isaan guureen deema; namni isaan oolchus hin jiru.
15Ergasii ani hamma isaan
balleessaa isaanii fudhatanitti
iddoo kootti nan deebiʼa.
Isaan fuula koo barbaaddatu;
rakkoo isaanii keessatti jabaatanii na barbaaddatu.”
Copyright information for
GazHAHl