Hosea 7
1yeroo ani Israaʼelin fayyisutticubbuun Efreem saaxilamee
yakki Samaariyaas ifatti baafama.
Isaan nama gowwoomsu;
hattuun cabsitee mana seenti;
saamtonni daandii irratti nama saamu;
2isaan garuu akka ani jalʼina isaanii hunda
yaadadhu hin hubatan.
Cubbuun isaanii isaan marseera;
yeroo hundas fuula koo dura jira.
3“Isaan hammina isaaniitiin mootii,
soba isaaniitiin immoo ilmaan mootii gammachiisu.
4Isaan hundinuu ejjitoota,
akkuma badaa ibiddaa
kan tolchituun tokko yeroo bukoo sukkuumanii jalqabee
hamma inni bukaaʼutti itti tuttuquu hin barbaannee ti.
5Guyyaa ayyaana mootii keenyaatti
ilmaan moototaa daadhii wayiniitiin finiinan;
innis qoostota wajjin harka isaa diriirsa.
6Akkuma badaa ibiddaatti garaa isaanii qopheessaniiru;
isaan dabaan gara isaatti dhiʼaatu.
Aariin isaanii halkan guutuu irraa hin galu;
ganama immoo akkuma arraba ibiddaa balaliʼa.
7Hundi isaanii akkuma badaa ibiddaa hoʼu;
bulchitoota isaaniis ni fixu.
Mootonni isaanii hundinuu ni dhumu;
tokkoon isaanii iyyuu na hin waammatan.
8“Efreem sabootaan walitti makama;
Efreem maxinoo gara hin galfaminii dha.
9Namoonni ormaa humna isaa nyaatan;
inni garuu hin hubatu.
Arriin isatti baʼe;
inni garuu hin beeku.
10Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isatti baʼa;
inni garuu utuu wanni kun hundi akkana taʼee jiruu,
gara Waaqayyo Waaqa isaatti hin deebiʼu
yookaan isa hin barbaaddatu.
11“Efreem akkuma gugee
gowwaa sammuu hin qabnee ti;
isaan Gibxin waammatu;
isaan gara Asooritti deebiʼu.
12Yommuu isaan deeman ani kiyyoo koo isaan irra nan buusa;
ani akkuma simbirroo samii gad isaan nan harkisa.
Ani yommuun akka isaan walii wajjin yaaʼan dhagaʼutti,
isaan nan qaba.
13Waan narraa goraniif
isaaniif wayyoo!
Waan natti fincilaniif
badiisni isaaniif mala!
Ani isaan furuu nan barbaada;
isaan garuu waaʼee koo soba dubbatu.
14Isaan garaa isaanii guutuudhaan gara kootti hin iyyatan;
garuu siree isaanii irra tataaʼanii booʼu.
Isaan midhaanii fi daadhii wayiniitiif walitti qabamu;
garuu natti fincilu.
15Ani leenjiseen irree isaanii jajjabeesse;
isaan garuu waan hamaa natti yaadu.
16Isaan gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti hin deebiʼan;
isaan akkuma xiyya jalʼatee ti.
Hooggantoonni isaanii sababii soba dubbataniif
goraadeedhaan dhumu.
Sababii kanaaf isaan biyya Gibxitti
ni tuffatamu.
Copyright information for
GazHAHl