‏ Hosea 9

Adabbii Israaʼelitti Dhufu

1Yaa Israaʼel hin ililchin;
akka saboota kaanii hin gammadin.
Ati Waaqa keetiif amanamaa hin turreetii;
ati oobdii hunda irratti gatii
sagaagaltummaadhaaf baafamu jaallatteerta.
2Oobdiiwwanii fi iddoon cuunfaa wayinii saba hin sooran;
daadhiin wayinii haaraan isaaniif hin tolu.
3Isaan biyya Waaqayyoo keessatti hin hafan;
Efreem gara Gibxitti deebiʼee
Asoor keessatti nyaata xuraaʼe nyaata.
4Isaan dhibaayyuu daadhii wayinii Waaqayyoof hin dhibaafatan;
yookaan aarsaan isaanii isa hin gammachiisu.
Aarsaan akkasii akkuma buddeena warra gaddaa isaanitti taʼa;
namni buddeena kana nyaatu hundinuu ni xuraaʼa.
Nyaanni kun kanuma mataa isaanii taʼa;
mana qulqullummaa Waaqayyoos ol hin seenu.

5Isin guyyaa ayyaana keessan murteeffameetti,
guyyoota ayyaana Waaqayyoo sanatti maal hojjetu?
6Yoo isaan badiisa jalaa baʼan iyyuu
Gibxi walitti isaan qabdi;
Memfiis immoo isaan awwaala.
Qabeenyi meetii isaanii sokorruudhaan liqimfama;
dunkaana isaanii immoo qoraattiitu haguuga.
7Guyyoonni adabbii dhufaa jiru;
guyyoonni itti gatii baasan dhiʼaataniiru.
Israaʼel waan kana haa beeku.
Sababii cubbuun kee akka malee baayʼatee
hamminni kees akka malee guddaa taʼeef,
raajiin akka raatuutti ilaalame;
namni Hafuura Waaqaatiin qajeelfamu immoo

akka maraatuutti hedame.
8Raajichi Waaqa koo wajjin
eegduu Efreem taʼe;
taʼus daandii isaa hunda irratti kiyyoon isa eeggata;
mana Waaqa isaa keessattis jibbi isa eeggata.
9Isaan akkuma bara Gibeʼaa keessatti taʼe sana
xuraaʼummaa keessa dhidhiman.
Waaqni hammina isaanii yaadatee
sababii cubbuu isaaniitiif isaan adaba.

10“Yeroo ani Israaʼelin argetti,
inni akkuma ija wayinii gammoojjii keessatti argamee ture;
yeroo ani abbootii keessan argetti,
isaan akkuma waan ija jalqabaa harbuu irratti argamee turan.
Isaan garuu yommuu gara Baʼaal Pheʼoor dhufanitti,
waaqa tolfamaa qaanessaa sanaaf of qulqulleessanii
akkuma waan jaallatan sanaa jibbisiisoo taʼan.
11Ulfinni Efreem akkuma simbirroo barrisee bada;
dhalchuun, garaatti baachuun, ulfaaʼuun hin jiru.
12Yoo isaan ijoollee guddifatan iyyuu
ani jalaa fixee ilmaan malee isaan nan hambisa.
Gaafa ani isaan irraa garagalu
isaaniif wayyoo!
13Ani Efreemin isaa akkuma Xiiroos
lafa namatti tolu irra dhaabatee jiru nan arge.
Sabni Efreem garuu ijoollee isaa gad baasee
warra gogorraʼutti kenna.”

14Yaa Waaqayyo isaaniif kenni;
ati maal isaaniif kennita?
Gadameessa ulfa hin baannee fi
harma goggogaa kenniif.

15“Sababii hammina isaanii kan Gilgaal keessatti hojjetame sana hundaatiif,
ani achitti isaan nan jibbe.
Sababii hojii isaanii kan cubbuudhaan guutamee sanaatiif
ani mana koo keessaa isaan ariʼa.
Ani siʼachi isaan hin jaalladhu;
bulchitoonni isaanii hundinuu finciltoota.
16Efreem rukutameera;
hiddi isaanii goggogeera;
isaan ija tokko illee hin godhatan.
Yoo isaan ijoollee godhatan iyyuu
ani sanyii isaanii jaallatamoo isaan jalaa nan qala.”

17Sababii isaan isaaf hin ajajaminiif,
Waaqni koo isaan dida;
isaan warra asii fi achi saboota gidduu jooru taʼu.
Copyright information for GazHAHl