Isaiah 1
1Mulʼata Isaayyaas ilmi Amoos bara bulchiinsa Uziyaan, bara Yootaam, bara Aahaazii fi bara Hisqiyaas keessa waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge.Saba Fincilaa Tokko
2Yaa Samiiwwan dhagaʼaa! Yaa lafa dhaggeeffadhu!Waaqayyo akkana jedhee dubbateeraatii:
“Ani ijoollee horadheen guddifadhe;
isaan garuu natti fincilaniiru.
3Qotiyyoon gooftaa isaa,
harreenis gola gooftaa isaa ni beeka;
Israaʼel garuu hin beeku;
sabni koo hin hubatu.”
4Yaa saba cubbamaa,
uummata balleessaan itti baayʼate,
ilmaan warra waan hamaa hojjetuu,
ijoollee xuraaʼummaadhaan guutamte isiniif wayyoo!
Isaan Waaqayyoon dhiisaniiru;
Qulqullicha Israaʼel sana tuffatanii
dugda isaanii itti garagalfataniiru.
5Isin siʼachi maaliif rukutamtu?
Maaliif fincila keessa jiraatu?
Mataan keessan guutuun miidhameera;
garaan keessan guutuunis dadhabeera.
6Faana miilla keessaniitii hamma gubbee mataa keessaniitti,
fayyaa hin qabdan;
madaa fi dirmammuun, madaan dhiigu,
kan hin qulqulloofne yookaan hin maramne
yookaan zayitiidhaan hin laafne.
7Biyyi keessan duwwaa hafteerti;
magaalaawwan keessan ibiddaan gubamaniiru;
alagoonni fuuluma keessan duratti
lafa qotiisaa keessan saamu;
akkuma waan ormi ishee saameettis onti.
8Intalli Xiyoon akkuma daʼannoo iddoo
dhaabaa wayinii keessaatti,
akkuma daasii lafa qotiisa buqqee keessaatti,
akkuma magaalaa marfame tokkootti dhiifamti.
9Utuu Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
hambaa muraasa nuuf hambisuu baatee,
nu silaa akkuma Sodoom taanee,
Gomoraas fakkaanna turre.
10Yaa bulchitoota Sodoom
dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa;
yaa saba Gomoraa,
Seera Waaqa keenyaa dhaggeeffadhaa!
11 Waaqayyo akkana jedha;
“Baayʼinni aarsaa keessanii anaaf maali?”
Ani aarsaa gubamu kan korbeeyyii hoolaatii fi horii gabbifamanii baayʼeen qaba;
ani dhiiga korommii looniitti,
kan xobbaallaawwan hoolaattii fi reʼeetti hin gammadu.
12Isin yommuu fuula koo duratti mulʼachuuf dhuftan,
akka oobdii koo dhidhiittan
eenyutu isin irraa barbaade?
13Kennaa faayidaa hin qabne fiduu dhiisaa!
Ixaanni keessan na jibbisiisa.
Ayyaana Baatii, Sanbataa fi yaaʼii keessan
jechuunis wal gaʼii keessan hamaa sana ani hin fedhu.
14Ayyaana Baatii keessanii fi
ayyaanota keessan bebbeekamoo lubbuun koo ni jibbiti.
Isaan baʼaa natti taʼaniiru;
anis obsuu dadhabeera.
15Yeroo isin kadhannaaf harka keessan balʼifattan,
ani ija koo isinan dhokfadha;
yoo isin kadhaa baayʼee kadhattan illee ani hin dhaggeeffadhu.
Harki keessan dhiigaan guutameera!
16Dhiqadhaatii of qulqulleessaa.
Hojii keessan hamaa sana fuula koo duraa balleessaa!
Yakka hojjechuus dhiisaa;
17waan qajeelaa hojjechuu baradhaa!
Murtii qajeelaa barbaadaa;
warra hacuucame jajjabeessaa.
Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa;
haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.
18 Waaqayyo akkana jedha;
“Kottaa wal qorraa;
cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu,
inni addaatee akka cabbii ni taʼa;
yoo akka alalaa diimate iyyuu,
akka suufii ni addaata.
19Isin yoo fedhii qabaattanii ajajamtan,
waan lafti baaftu filatamaa ni nyaattu;
20garuu yoo diddanii finciltan goraadeetu isin nyaata.”
Afaan Waaqayyoo waan kana dubbateeraatii.
21Akka magaalaan amanamtuun sun
sagaagaltuu taate ilaalaa!
Isheen dur murtii qajeelaadhaan guutamtee
qajeelummaan ishee keessa jiraata ture;
amma immoo namoota nama ajjeesantu ishee keessa jiraata!
22Meetiin kee ligidaaʼeera;
daadhiin wayinii kee filatamaan bishaaniin makameera.
23Bulchitoonni kee finciltoota;
michuu hattuuwwanii ti;
isaan hundinuu mattaʼaa jaallatu;
kennaas akka malee barbaadu.
Isaan ijoollee abbaa hin qabneef hin falman;
himata haadha hiyyeessaa hin dhaggeeffatan.
24Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
Jabaan Israaʼel sun akkana jedha:
“Ani amajaajota koo irraa boqonnaa nan argadha;
diinota koos haaloo nan baafadha.
25Ani harka koo sitti nan deebisa;
ligidaaʼummaa kees akka malutti sirraa nan haqa;
xurii kee hundas sirraa nan balleessa.
26Ani akkuma bara durii abbootii murtii iddootti,
akkuma jalqabaatti gorsitoota kee illee siifin deebisa.
Ergasii ati magaalaa qajeelummaa,
magaalaa amanamtuu jedhamtee ni waamamta.”
27Xiyoon murtii qajeelaadhaan,
qalbii jijjiirrattoonni ishee immoo qajeelummaadhaan furamu.
28Finciltoonnii fi cubbamoonni garuu ni caccabu;
warri Waaqayyoon dhiisanis ni badu.
29“Isin sababii muka qilxuu itti gammaddan sanaatiif ni qaanoftu;
sababii iddoo biqiltuu filattan sanaatiif immoo ni salphattu.
30Isin akka qilxuu baalli irraa harcaʼee,
akka iddoo biqiltuu bishaan hin qabnee ni taatu.
31Namni jabaan akkuma huubaa,
hojiin isaas akkuma qaanqee taʼa;
isaan lachuu walumaan gubatu;
namni ibidda sana dhaamsus hin jiru.”
Copyright information for
GazHAHl