‏ Isaiah 13

Raajii Baabiloniin Mormu

1Raajii waaʼee Baabilon kan Isaayyaas ilmi Amoos arge: 2Tulluu homaa itti hin biqilin irratti
faajjii ol kaasaatii isaanitti iyyaa;
akka isaan karra namoota
bebeekamootiin ol galaniif harkaan itti himaa.
3Ani qulqulloota koo ajajeera;
akka isaan dheekkamsa koo hojii irra naa oolchaniif
ani loltoota koo kanneen moʼannoo kootti gammadan

waammadheera.

4Waca tulluuwwan irraa,
kan akka tuuta guddaa tokkoo dhaggeeffadhaa!
Guungummii mootummootaa
kan saboota walitti qabamanii dhaggeeffadhaa!
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
lolaaf jedhee loltoota qopheeffachaa jira!
5Isaan biyya fagoodhaa
daarii samiiwwaniitii dhufan;
Waaqayyoo fi miʼa lolaa kan dheekkamsa isaatiin
guutummaa biyyattii balleessuuf dhufu.

6Waan guyyaan Waaqayyoo dhiʼaateef booʼaa;
guyyaan sun akkuma badiisa
Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa ergameetti ni dhufa.
7Kanaafuu harki hundinuu ni laamshaʼa;
onneen nama hundaas ni baqa.
8Sodaan isaan qabata;
dhukkubbii fi gaddi isaan qabata;
akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti wixxirfatu.
Isaan rifatanii wal ilaalu;
fuulli isaanii akka ibiddaa diimata.

9Kunoo guyyaan Waaqayyoo,
guyyaan hamaan, dheekkamsaa fi aarii sodaachisaadhaan,
lafa onsuu fi cubbamoota ishee keessa jiraatan
barbadeessuuf ni dhufa.
10Urjiiwwan samiitii fi tuunni isaanii
ifa isaanii hin kennan.
Aduun baatu ni dukkanoofti;
jiʼis ifa ishee hin kennitu.
11Ani addunyaa kana sababii jalʼina isaatiif,
hamoota sababii cubbuu isaaniitiif nan adaba.
Ani of tuulummaa of jajjootaa nan balleessa;
of guddisuu gara jabeeyyii illee gadin deebisa.
12Ani akka namni warqee qulqulluu caalaa gati qabeessa,
warqee Oofiir caalaas muraasa taʼu nan godha.
13Kanaafuu ani akka samiiwwan hollatan nan godha;
gaafa aariin isaa bobaʼutti
dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin
lafti iddoo isheetii ni raafamti.

14Namni hundinuu akkuma kuruphee adamsamtuu,
akkuma hoolota tiksee hin qabnee
gara saba isaatti deebiʼa;
namni kam iyyuu biyya isaatti baqata.
15Namni boojiʼame hundinuu ni waraanama;
kan qabame kam iyyuu goraadeedhaan duʼa.
16Daaʼimman isaanii fuuluma isaanii duratti ni cicciramu;
manneen isaanii ni saamamu;

niitonni isaaniis humnaan gudeedamu.

17Kunoo ani warra Meedee
kanneen meetii irraa dhimma hin qabne
warra warqeen hin gammachiifne jarattin kakaasa.
18Iddaan isaanii dargaggoota fixxi;
isaan daaʼimmaniif hin naʼan;
ijoolleefis garaa hin laafan.
19Baabilon ulfinni moototaa,
miidhaginni of jaja warra Baabilon
akkuma Sodoomii fi Gomoraa
irree Waaqaatiin garagalfamti.
20Namni ishee keessa hin qubatu;
yookaan dhaloota hunda keessatti

namni ishee keessa hin jiraatu;
namni Arabaa tokko iyyuu dunkaana isaa achi hin dhaabbatu;
tikseen tokko iyyuu bushaayee isaa achi hin boqochiifattu.
21Garuu bineensonni bosonaa achi ciciisu;
waangoowwan mana ishee ni guutu;
urunguun achi jiraatti;
reʼeen diidaa achi keessa buburraaqxi.
22Waraabessi daʼannoowwan ishee keessaa yuusa;
waangoonis manneen ishee mimmiidhagoo kan mootummaa

keessaa iyyiti.
Yeroon ishee gaʼeera;
barri ishees hin dheeratu.
Copyright information for GazHAHl