‏ Isaiah 14

1Waaqayyo Yaaqoobiif garaa ni laafa;
inni amma illee Israaʼelin filatee
biyya isaanii keessa isaan qubachiisa.
Ormoonni isaanitti dabalamu;
mana Yaaqoob wajjinis tokko taʼu.
2Saboonni isaan fudhatu;
iddoo ofii isaaniitti isaan deebisu.
Manni Israaʼel immoo akkuma hojjettoota dhiiraa fi dubartiitti
lafa Waaqayyoo keessatti dhaala godhanii isaan fudhatu.
Isaan boojitoota isaanii boojiʼanii
warra isaan hacuucanis bulchu.

3Guyyaa Waaqayyo itti dhiphina, rakkinaa fi hojii hamaa isin itti garboomfamtanii turtan sana jalaa isin boqochiisutti, 4akkana jettee mootii Baabilonitti ni qoosta: Cunqursichi akkamitti bade!
Aariin isaas akkamitti isa irraa gale!
5 Waaqayyo ulee hamootaatii fi
bokkuu bulchitootaa,
6kan dheekkamsa wal irraa hin cinneetiin
uummata rukute;
kan gara laafina tokko malee ariʼee
saboota dhaʼe sana caccabseera.
7Lafti hundi boqonnaa fi nagaa argatti;
faarfachuuttis kaati.
8Gaattiraawwanii fi birbirsawwan
Libaanoon iyyuu isinitti burraaqanii,
“Amma ati kufteerta;
namni tokko iyyuu nu muruuf hin dhufu” jedhu.

9Siiʼool isheen gadii yeroo ati dhuftutti si simachuuf kaati;
isheen akka isaan si dubbisaniif hafuurota warra duʼanii,
warra addunyaa irratti hooggantoota
turanii hunda dammaqsiteerti;
isheen warra mootota sabootaa turan hunda
teessoo isaanii irraa kaafti.
10Isaan hundinuu deebisanii akkana jedhu;
“Atis akkuma keenya dadhabdeerta;
akkuma keenya taateerta.”
11Ulfinni kee hundinuu, sagalee baganaa keetii wajjin
awwaala keessa buufameera;
ilmaan raammoo si jala afamanii
raammoon si haguugdi.

12Yaa bakkalcha barii, ilma barii barraaqaa,
ati akkamitti samii irraa lafa dhoofte!
Ati kan duraan saboota gad qabde,
lafatti gad darbatamteerta!
13Ati garaa keetti akkana jette;
“Ani samiitti olin baʼa;
ani urjiiwwan Waaqaatii olitti
teessoo koo olin baafadha;
ani tulluu wal gaʼii irra,
fiixee tulluu qulqullichaa irra teessoo irra nan taaʼa.
14Ani fiixee duumessootaa gara irraatti ol nan baʼa;
ani akka Waaqa Waan Hundaa Olii ofin taasisa.”
15Garuu ati siiʼool keessa,
boolla qilee keessa buufamteerta.

16Warri si argan ija babaasanii si ilaalu;
akkana jedhaniis dinqisiifatu:
“Kun namichuma lafa sochoosee
akka mootummoonni raafaman godhe,
17namicha addunyaa kana gammoojjii godhe,
kan magaalaawwan ishee gaggaragalchee
akka warri boojiʼaman mana isaaniitti hin deebine godhe sanaa?”

18Mootonni sabootaa hundi,
ulfinaan awwaala isaanii keessa ciciisaniiru.
19Ati garuu akkuma damee jibbame tokkootti,
awwaala kee keessaa baafamtee gatamteerta;
ati warra ajjeefamaniin,
warra goraadeen waraanamaniin,
warra gara dhagaa boollaatti gad buʼaniin haguugamteerta.
Akkuma reeffaa miillaan dhidhiitamteerta;
20ati sababii biyya kee balleessitee
namoota kee fixxeef,
isaan gidduutti hin awwaalamtu.

Maqaan sanyii hamootaa
lammata hin dhaʼamu.
21Sababii cubbuu abbootii isaaniitiif
iddoo ilmaan isaa itti qalaman qopheessaa;
isaan biyya dhaaluudhaaf,
magaalaawwan isaaniitiinis lafa guutuuf hin kaʼan.

22“Ani isaanitti nan kaʼa,”
jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
“Ani Baabilon keessaa maqaa isheetii fi hambaa ishee,
ilmaan isheetii fi sanyii ishee nan balleessa”
jedha Waaqayyo.
23“Ani iddoo urunguun keessa jiraattuu fi
lafa caffee ishee nan godha;
ani hartuu badiisaatiin ishee nan haxaaʼa”
jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.

Raajii Asooriin Mormu

24 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhee kakateera; “Dhugumaan akkuma ani duraan karoorfadhe sana

wanni kun ni taʼa;
akkuma ani yaade sanas ni dhaabata.
25Ani biyya koo keessatti Asoorota nan barbadeessa;
tulluuwwan koo irratti ani isa gad dhidhiita.
Waanjoon isaa saba koo irraa ni fuudhama;
baʼaan isaas gatiittii isaanii irraa ni buʼa.”

26Karoorri guutummaa addunyaatiif murtaaʼe kanaa dha;
kun harka saboota hunda irratti diriirfamee dha.
27 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
waan kana yaadeeraatii, eenyutu isa garagalcha?
Harki isaa diriirfameeraa;
eenyutu duubatti isa deebisuu dandaʼa?

Raajii Filisxeemotaan Mormu

28Raajiin kun bara Aahaaz mootichi duʼe keessa dhufe: 29Yaa Filisxeemota, uleen isin dhaʼe waan cabeef,
isin hundinuu hin gammadinaa;
hidda bofa sanaa keessaa buutiitu baʼa;
iji isaa bofa darbatamaa summii qabu ni taʼa.
30Hiyyeessi gadadamaan iddoo itti bobbaʼu argata;
rakkataanis nagaadhaan ciisa.
Hidda kee garuu ani beelaan nan barbadeessa;
beellis hambaa kee ni fixa.

31Yaa karra, ati booʼi! Yaa magaalaa, iyyi!
Filisxeemonni hundi baqaatii badaa!
Duumessi aaraa tokko karaa kaabaatiin ni dhufa;
raayyaa waraana isaa keessas kan citee hafu tokko iyyuu hin jiru.
32Ergamoota saba sanaatiif
deebii akkamiitu kennamuu mala?
Waaqayyo jabeessee Xiyoonin dhaabeera;
ishee keessattis namoonni isaa kanneen miidhaman

daʼannoo ni argatu.”
Copyright information for GazHAHl