Isaiah 17
Raajii Damaasqoodhaan mormu
1Raajii Damaasqoodhaan mormu: “Kunoo, Damaasqoon tuullaa diigamte taati maleesiʼachi magaalaa hin taatu.
2Magaalaawwan Aroʼeer ni onu;
bushaayeen achi ciciisu;
wanni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
3Magaalaan jabeeffamtee ijaaramte Efreem keessaa,
humni mootummaas Damaasqoo keessaa ni bada;
hambaan Sooriyaa akka ulfina Israaʼelootaa taʼa”
jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
4“Bara sana keessa ulfinni Yaaqoob gad deebiʼa;
furdinni dhagna isaas ni huqqata.
5Akkuma namni midhaan haamu tokko,
midhaan dhaabbatu walitti qabee irree isaatiin haamu sana
kunis akkuma yeroo namni tokko
Sulula Refaayim keessaa qarmii funaanuu ni taʼa.
6Taʼus akkuma yeroo mukni ejersaa dhaʼamuutti,
qarmii guuruun amma iyyuu jira;
fiixee ol aanu irratti gumaa lama yookaan sadiitu hafa;
damee gad aanu irratti gumaa afur yookaan shantu hafa”
jedha Waaqayyo, Waaqni Israaʼel.
7Gaafas namoonni gara Uumaa isaanii ilaalu;
ija isaaniis gara Qulqullicha Israaʼel deebifatu.
8Isaan gara iddoo aarsaa,
gara hojii harka isaanii hin ilaalan;
isaan galma waaqeffannaa Aasheeraa,
iddoo aarsaa ixaanaa kan quba isaaniitiin tolchanis wayittuu hin lakkaaʼan.
9Gaafas magaalaawwan jajjaboon isaan sababii Israaʼelootaatiif keessaa baʼan sun akkuma lafa bosona keessaa kan namni dhiisee deemee taʼu. Hundi ni onu. 10Ati Fayyisaa kee, Waaqa irraanfatteerta;
ati kattaa, daʼoo kee hin yaadanne.
Kanaafuu yoo biqiltuu akka malee gaarii dhaabbattee
muka wayinii kan alaa dhufe biqilfatte iyyuu,
11yoo guyyuma dhaabde sana akka inni biqilu goote iyyuu
ganama yeroo dhaabdetti akka inni daraaru goota;
garuu guyyaa dhukkubaa fi dhibee hin fayyineetti
wayinichi homaa hin fayyadu.
12Saboota baayʼee kanneen aaraniif wayyoo!
Isaan akkuma galaana aaruutti aaru!
Saboota wacaniif wayyoo!
Isaan akkuma bishaan guddaan huursutti huursu.
13Saboonni akkuma huursaa bishaan cabsee deemuu
yoo huurse iyyuu yommuu inni isaanitti dheekkamu isaan baqatanii badu;
akkuma habaqiin tulluu irraa fuula bubbee dura ariʼamu,
akkuma awwaarri fuula bubbee hamaa duraa bittinnaaʼu isaan ni bittinnaaʼu.
14Galgala sodaan akkuma tasaa isaan qabatti!
Isaan utuu lafti hin bariʼin ni dhabamu!
Kun qooda warra nu boojiʼee,
hiree warra nu saamee ti.
Copyright information for
GazHAHl