‏ Isaiah 21

Raajii Baabiloniin Mormu

1Raajii Gammoojjii Galaana bira jirtuun mormu: Akkuma bubbeen hamaan biyya kibbaa haxaaʼu sana,
weeraraan tokko gammoojjiidhaa,
biyya sodaachisaa keessaa ni dhufa.

2Mulʼanni hamaan tokko natti mulʼateera:
gantuun ni ganti; saamtuunis ni saamti.
Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedee marsii qabi!
Ani aaduu isheen fidde hunda nan xumura.

3Kana irratti dugdi na cite;
akkuma dubartii ciniinsifattuu muddamni na qabe;
ani waanan dhagaʼeen nan holladhe;
waanan argeenis nan raafame.
4Qalbiin koo ni raafame;
sodaan na hollachiise;
dimimmisni ani hawwe sun
sodaatti na jalaa geeddarame.

5Isaan maaddii qopheessu;
afaa diriirsu;
ni nyaatu, ni dhugu!
Isin qondaaltonni kaʼaa;
gaachanas zayitii dibaa.

6Gooftaan akkana naan jedha: “Dhaqiitii eegduu tokko ramadi;
innis waan argu haa himu.
7Inni yommuu warra farda yaabbatan
kanneen lama lamaan yaaʼan,
warra harree yaabbatan
yookaan warra gaala yaabbatan argutti,
haa dammaqu;
guutumaan guutuutti haa dammaqu.”

8Eegduun sunis akkana jedhee iyye; “Yaa gooftaa ko, ani guyyuma guyyaan
qooxii eegumsaa irra nan dhaabadha;
halkan hundas ani hojii koo irra nan tura.
9Kunoo, warri farda yaabbatan,
lama lamaan dhufaa jiru;
inni akkana jedhee deebise:
‘Baabilon jigdeerti; jigdeerti!
Fakkiiwwan waaqota ishee hundinuu
burkutaaʼanii lafa dhaʼaniiru!’ ”

10Yaa saba koo warra oobdii midhaanii irratti dhaʼamtan,
ani waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
Waaqa Israaʼel irraa dhagaʼe isinittin hima.

Raajii Edoomiin mormu

11Raajii Duumaan mormu: Namni tokko Seeʼiirii na waamee,
“Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?
Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?” jedhe.
12Eegduun sunis,
“Bariʼuu gaʼeera; garuu deebiʼee dhiʼa.
Yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa;
garuu deebiʼaa kottaa” jedhee deebisa.

Raajii Biyya Arabaatiin Mormu

13Raajii biyya Arabaatiin mormu: Isin imaltoonni Dedaan
kanneen bosona Arabaa keessa qubattan,
14warra dheeboteef bishaan fidaa;
isin warri Teemaa keessa jiraattan,
baqattootaaf waan nyaatan fidaa.
15Isaan goraadee jalaa,
goraadee luqqifame jalaa,
xiyya aggaamame jalaa,
hoʼa waraanaa jalaa baqataniiruutii.

16Gooftaan akkana naan jedhe: “Akkuma waggoota hojjetaa qaxaramaa tokkootti ulfinni Qeedaar hundinuu waggaa tokko keessatti ni dhuma. 17Warra xiyya darbatan keessaa kanneen hafan, gootonni Qeedaar muraasa taʼu.” Waaqayyo Waaqni Israaʼel dubbateeraatii.
Copyright information for GazHAHl