‏ Isaiah 24

Waaqayyo Lafa Ni barbadeessa

1Kunoo, Waaqayyo lafa ni onsa;
ishees ni barbadeessa;
inni ishee gaggaragalchee
warra ishee irra jiraatan bittinneessa;
2Kan saba irra gaʼu luba irra,
kan garbicha irra gaʼu gooftaa irra,
kan garbittii irra gaʼu giiftii irra,
kan bitataa irra gaʼu gurgurataa irra,
kan isa ergifatu irra gaʼu, isa ergisu irra,
kan liqeeffataa irra gaʼu, isa liqeessu ni gaʼaatii.
3Lafti guutumaan guutuutti ni onti;
guutumaan guutuuttis ni saamamti.
Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.

4Lafti ni gogdi; bifti ishees ni geeddarama;
addunyaan ni bututti; bifti ishees ni geeddarama;
gurguddoonni saba lafaas ni bututu.
5Lafti saba isheetiin xuroofteerti;
isaan seeraaf ajajamuu didan;
sirnaan buluu didanii
kakuu bara baraa sana cabsaniiru.
6Kanaafuu abaarsi lafa balleessa;
sabni ishees balleessaa isaatiif adabama.
Kanaafuu jiraattonni lafaa ni gubatu;
nama muraasatu hafa.
7Daadhiin wayinii haaraan ni goga;
mukni wayiniis ni coollaga;
warri gammadan hundinuu ni aadu.
8Dibbeen sagaleen isaa namatti tolu ni calʼisa;
wacni fandalaltootaa qabbanaaʼeera;
baganaan nama gammachiisus calʼiseera.
9Isaan siʼachi sirbaa daadhii wayinii hin dhugan;
dhugaatiin jabaan warra isa dhuganitti ni hadhaaʼa.
10Magaalaan diigamte sun ontee hafti;
akka namni tokko iyyuu ol hin seenneef manni hundi ni cufama.
11Isaan daadhii wayinii dhabanii daandii irratti booʼu;
gammachuun hundi gaddatti geeddarama;
ililchuun hundis lafa irraa dhabama.
12Magaalaan sun diigamtee hafti;
karri ishees ni caccaba.
13Akkuma yeroo mukni ejersaa dhaʼamuu fi
akkuma yeroo wayiniin galfamutti qarmiin hafu taʼu sana,
lafa irratti saboota gidduuttis
akkasuma ni taʼa.

14Isaan sagalee ol fudhatanii gammachuun iyyu;
gama lixa biiftuutti ulfina Waaqayyoo labsu.
15Kanaafuu isin baʼa biiftuu irraa Waaqayyoof ulfina kennaa;
qarqara galaanaattis maqaa Waaqayyo
Waaqa Israaʼel leellisaa.
16Nu moggaa lafaa irraa faarfannaa,
“Isa qajeelaa sanaaf ulfinni haa taʼu” jedhu dhageenya.

Ani garuu akkanan jedhe;
“Ani bade, ani bade! Anaaf wayyoo!
Gantoonni ni ganu!
Gantoonni gantummaa isaaniitiin ganu!”
17Yaa uummata lafa irraa,
sodaan, qilee fi kiyyoon si eeggatu.
18Namni sagalee goolii baqatu kam iyyuu
qilee keessa buʼa;
namni qilee keessaa ol baʼu kam iyyuu
kiyyoodhaan qabama.

Foddaan samiiwwanii banameeraatii
hundeewwan lafaa ni raafamu.
19Lafti baqaqxeerti;
lafti gargar baateerti;
lafti akka malee raafamteerti;
20Lafti akkuma nama machaaʼee gatantarti;
isheen akkuma daasii bubbeedhaan raafamti;
yakki fincila ishee akka malee itti ulfaateera;
isheen ni jigdi; deebitees hin kaatu.

21 Waaqayyo gaafas
humnoota samii, samii irratti,
mootota lafaa immoo lafa irratti ni adaba.
22Isaan akkuma hidhamtootaa
boolla keessaatti walitti qabamu;
manni hidhaa itti cufamee
guyyaa hedduu booddee adabamu.
23Jiʼi ni burjaajofti; aduunis ni qaanofti;
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
Tulluun Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti
fuula maanguddootaa duratti ulfinaan ni moʼaatii.
Copyright information for GazHAHl