‏ Isaiah 26

Faarfannaa Galataa

1Bara sana faarfannaan kun biyya Yihuudaa keessatti faarfatama: Nu magaalaa jabaa qabna;
Waaqnis fayyina,
dallaa eegumsa isheetii fi daʼannoo ishee taasisa.
2Akka sabni qajeelaan,
sabni amanamummaadhaan jiraatu ol seenuuf,
karrawwan banaa.
3Inni sitti irkateeraatii,
nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru,
ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.
4Sababii Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa,
Kattaa bara baraa taʼeef, bara baraan Waaqayyoon amanadhaa.
5Inni warra iddoo ol kaʼaa irra jiraatan gad qaba;
magaalaa tabba irra jirtu gad buusa;
lafatti gatees awwaaratti ishee maka.
6Miilli, miilli warra hacuucamee,
faanni hiyyeeyyii ishee dhidhiita.

7Daandiin nama qajeelaa wal qixxaataa dha;
yaa Isa Tolaa, ati qajeeltotaaf karaa baafta.
8Yaa Waaqayyo,
nu karaa seera keetii irra deemaa si eegganna,
maqaan keetii fi beekamuun kee
hawwii garaa keenyaa ti.
9Halkan lubbuun koo si yaaddi;
ganamas hafuurri koo baayʼisee si barbaada.
Yeroo murtiin kee gara lafaa dhufutti,
uummanni addunyaa qajeelummaa barata.
10Namni hamaan gara laafinni godhamuuf iyyuu,
qajeelummaa hin baratu;
biyya qajeelummaan jirutti iyyuu inni ittuma fufee jalʼina hojjeta;
surraa Waaqayyoos hin hubatu.
11Yaa Waaqayyo, harki kee ol kaafameera;
isaan garuu isa hin argan.
Isaan hinaaffaa ati saba keetiif qabdu arganii haa qaanaʼan;
ibiddi diinota keetiif kuufame sun isaan haa balleessu.

12Yaa Waaqayyo, ati nagaa nuuf kenniteerta;
ati hojii keenya hunda nuuf hojjetteertaatii.
13Yaa Waaqayyo Waaqa keenya,
si malee gooftonni biraa nu bulchaniiru;
nu garuu maqaa kee qofa ulfeessina.
14Isaan amma duʼaniiru; siʼachi hin jiraatan;
isaan gaaddidduu dha; deebiʼaniis hin kaʼan.
Ati isaan adabde; isaan balleessites;
yaadannoo isaanii hundas ni barbadeessite.
15Yaa Waaqayyo, ati saba baayʼisteerta;
ati saba baayʼisteerta;
ati ofii keetiif ulfina argatteerta;
daarii biyyaa hunda balʼifteerta.

16Yaa Waaqayyo, isaan yeroo dhiphinaatti si barbaaddatan;
yeroo ati isaan adabdetti
isaan kadhannaa gad roobsan.
17Akkuma dubartiin ulfaa yeroo daʼuu geessutti,
ciniinsuudhaan wixxirfattee iyyitu sana,
yaa Waaqayyo, nus fuula kee duratti akkasuma taaneerra.
18Nu ulfoofnee, ciniinsuudhaan wixxirfanne;
nu garuu bubbee deenye.
Nu lafaaf fayyina hin fidne;
nu uummata addunyaa hin deenye.

19Garuu namoonni kee kanneen duʼan ni jiraatu;
dhagni isaaniis duʼaa ni kaʼa.
Isin warri biyyoo keessa jiraattan,
dammaqaatii gammachuudhaan ililchaa.
Fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti;
laftis warra duʼan of keessaa baafti.

20Yaa saba ko, kutaa mana keetti ol galiitii
duubaan balbala ofitti cufi;
hamma dheekkamsi isaa darbutti,
yeroo muraasaaf of dhoksi.
21Kunoo, Waaqayyo sababii cubbuu isaaniitiif
uummata lafa irraa adabuuf

iddoo jireenya isaatii baʼee dhufaa jira.
Lafti dhiiga ishee irratti dhangalaafame sana ifa baafti;
siʼachi warra ishee irratti qalaman hin dhoksitu.
Copyright information for GazHAHl