‏ Isaiah 27

Furamuu Israaʼel

1Bara sana, Waaqayyo goraadee isaatiin,
goraadee isaa sodaachisaa, guddaa fi jabaa sanaan,
Lewaataan boficha mirmirfamu,
Lewaataan boficha marmaramu sana ni adaba;
inni jawwee galaana keessa jiraatu ni kukkuta.

2Bara sana akkana jedhama; “Waaʼee iddoo dhaabaa wayinii kan namatti tolu sanaa faarfadhaa;
3ani Waaqayyo isa nan eega;
ani yeroo hunda bishaan nan obaasa;
akka namni tokko iyyuu isa hin miineef
ani halkanii fi guyyaa isa nan eega.
4Ani hin aaru.
Sokorruu fi qoraattiin waraanaaf utuu natti baʼanii!
Ani silaa isaanitti nan duula;
walitti qabees isaan nan guba.
5Yoo kanaa achii isaan kooluu natti haa galan;
isaan na wajjin nagaa haa uuman;
eeyyee, isaan na wajjin nagaa haa uuman.”

6Bara dhufuuf jiru keessa Yaaqoob hidda baasa;
Israaʼel latee daraara;
ijaanis addunyaa hunda guuta.

7 Waaqayyo akkuma warra ishee rukutan sana rukute,
ishee illee rukuteeraa?
Akkuma warri ishee ajjeesan sun ajjeefaman,
isheenis ajjeefamteertii?
8Ati waraanuu fi ariʼuudhaan isheedhaan wal falmite;
inni guyyaa bubbeen baʼaa bubbisutti,
bubbee isaa sodaachisaa sanaan ishee balleessa.
9Yommuu inni dhagoota iddoo aarsaa hunda
akkuma dhagaa nooraa caccabsamee godhutti,
siidaan asheeraa yookaan iddoon aarsaa ixaanaa tokko iyyuu

dhaabatee hin hafu.
Akkasiinis balleessaan Yaaqoob ni haqamaaf;
kunis cubbuun isaa guutumaan guutuutti haqamuu isaa mirkaneessa.
10Magaalaan dallaa jabaa qabdu ni onti;
akka gammoojjii gatamteetii fi dhiifamtee taati;
jabboonni achi dheeddi;
achis ni ciciifti;
jabboonni damee ishee qorqanii qullaa hambisu.
11Dameen ishee yeroo gogutti irraa caccaba;
dubartoonnis dhufanii ibiddatti naqatu.
Uummanni kun hubannaa hin qabuutii;
kanaafuu Tolchaan isaanii garaa hin laafuuf;
Uumaan isaaniis isaaniif hin araaramu.

12Bara sana Waaqayyo Laga Efraaxiisii hamma laga Gibxitti midhaan dhaʼa; yaa Israaʼeloota, isin tokko tokkoon walitti ni qabamtu. 13Bara sana malakanni guddaan tokko ni afuufama. Warri Asoor keessatti badanii turanii fi warri Gibxi keessatti faffacaʼanii turan dhufanii tulluu qulqulluu irratti Yerusaalem keessatti Waaqayyoon waaqeffatu.
Copyright information for GazHAHl