‏ Isaiah 28

Hooggantoota Efreemiif Wayyoo

1Gonfoo of tuulummaa kan machooftota Efreem sanaaf,
daraaraa coollagu kan ulfina miidhagina isaaniitiif,
kan mataa sulula gabbataa irra jiruuf,
magaalaa warra daadhii wayiniitiin fudhataman

sanaatiif wayyoo!
2Kunoo, Gooftaan isa humna qabeessaa fi jabaa tokko qaba.
Inni akkuma cabbiitii fi bubbee waa balleessuu,
akkuma bokkaa jabaatii fi bishaan guutee irra dhangalaʼuu,
humnaan lafatti gad ishee darbata.
3Gonfoon of tuulummaa,
machooftonni Efreem miilla jalatti dhidhiitamu.
4Daraaraan harcaʼu, miidhaginni isaa kabajamaan,
kan mataa sulula gabbataa irra jiru sun,
akkuma muka harbuu utuu bonni hin gaʼin bilchaatu sanaa taʼa;
namni isa argu hundi akkuma isa harka keessa galfateen

isa nyaatee fixa.

5Bara sana Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
hambaa saba isaatiif,
gonfoo ulfinaa,
miʼa miidhaginaa ni taʼa.
6Inni nama murtii kennuuf taaʼuuf hafuura murtii qajeelaa taʼa;
warra karra irraa waraana deebisaniif immoo

madda jabinaa taʼa.

7Jarri kuni daadhii wayiniitiin gatantaru;
dhugaatii jabaadhaan dogoggoru;
luboonnii fi raajonni dhugaatii jabaadhaan gatantaru;
daadhii wayiniitiin fudhatamu;
isaan dhugaatii jabaadhaan karaa irraa badu;
yeroo mulʼata arganittis ni dogoggoru;
yeroo murtii kennanittis ni dogoggoru.
8Maaddiin hundinuu diddigaan guutameera;
iddoon hin xureeffamin tokko iyyuu hin jiru.

9“Namni inni waa barsiisuu yaalu kun eenyu?
Inni eenyuuf ergaa isaa ibsaa jira?
Ijoollee aannan dhiifteef moo
ijoollee harma guuteef?
10Ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja;
sirna irratti sirna; sirna irratti sirna;
asitti muraasa; achitti muraasa” taʼaatii.

11Yoos Waaqni afaan alagootaatiin,
afaan hin beekamneenis saba kanatti ni dubbata;
12inni akkana isaaniin jedhe;
“Kun iddoo boqonnaa ti; warri dadhaban haa boqotan;
kun iddoo aara galfannaa ti.”
Isaan garuu dhagaʼuu didan.
13Yoo akkasii dubbiin Waaqayyoo akkana isaanitti taʼa;
ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja;
sirna irratti sirna; sirna irratti sirna;
asitti muraasa; achitti muraasa;
kunis akka isaan dhaqanii dugda duubatti kufanii fi
akka isaan caccabanii kiyyoodhaan qabamaniif.

14Kanaafuu isin qoostonni
warri uummata Yerusaalem bulchitan dubbii

Waaqayyoo dhagaʼaa.
15Isin akkana jettanii of tuultu; “Nu duʼa wajjin kakuu galleerra;
siiʼool wajjinis walii galtee gooneerra.
Sababii nu soba daʼoo godhannee,
sobas iddoo itti dhokannu godhanneef,
balaan hamaan yeroo dhufee lafa balleessutti
nu tuquu hin dandaʼu.”

16Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Kunoo ani dhagaa tokko, dhagaa qoratame,
dhagaa golee gati jabeessa tokko
hundee mirkanaaʼaadhaaf Xiyoon keessa nan kaaʼa;
namni amanu kam iyyuu hin qaanaʼu.
17Ani murtii qajeelaa funyoo ittiin safaran,
qajeelummaa immoo madaalii nan godhadha;
soba isin daʼoo godhattan sana bokkaan jabaan ni balleessa;
bishaanis lafa isin itti dhokattan keessa ni lolaʼa.
18Kakuun isin duʼa wajjin godhattan ni diigama;
walii galteen isin siiʼool wajjin godhattanis

ni barbadeeffama.
Yeroo balaan hamaan dhufee lafa balleessutti
isin lafatti gad dhidhiitamtu.
19Inni yeroo dhufu hunda isin fudhatee deema;
ganama ganama halkanii fi guyyaas,

inni waa balleessa.”

Ergaa kana hubachuun
naasuu guddaa namatti fida.
20Sireen irratti diriirfachuuf baayʼee gabaabaa dha;
uffata halkanii ofitti marachuuf baayʼee dhiphaa dha.
21 Waaqayyo hojii isaa, hojii isaa haaraa sana hojjechuuf,
gocha isaa, gocha isaa kan hin beekamne sana hojjechuuf,
akkuma Tulluu Pheraaziim keessatti godhe sana ni kaʼa;
akkuma Sulula Gibeʼoonitti godhe sana ni kaʼa.
22Amma qoosaa keessan dhiisaa;
yoo akkas hin taʼin foncaan keessan isinitti jabaata;
Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
labsii guutummaa biyyattii balleessuuf labse natti himeera.

23Dhaggeeffadhaatii sagalee koo dhagaʼaa;
qalbeeffadhaatii waan ani dubbadhu dhagaʼaa.
24Qonnaan bulaan tokko yeroo sanyii facaasuuf lafa qotatutti,

ittuma fufee qotaa?
Inni ittuma fufee biyyoo caccabsee bulleessaa?
25Inni yeroo lafa wal qixxeessutti
dimbilaalaa fi kamuunii hin facaasuu?
Inni qamadii toora tooraan,
garbuu iddoo isaa irratti,
honboriis lafa qotiisaa isaa irratti hin facaasuu?
26Waaqni isaa isa barsiisa;
karaa qajeelaa irras isa buusa.

27Abasuudni gangalchaadhaan hin dhaʼamu;
kamuunii irras gommaan gaarii hin oofamu;
abasuudni uleedhaan,
insilaalli immoo shimalaan dhaʼama.
28Midhaan buddeena tolchuuf daakamuu qaba;
kanaafuu namni tokko bara baraan midhaan hin dhaʼu.
Inni gommaa gaarii kan midhaan dhaʼu midhaan sana irra oofu iyyuu
fardeen isaa midhaanicha hin bulleessan.
29Wanni kun hundinuu Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu,
isa mariidhaan dinqisiisaa,
ogummaadhaanis guddaa taʼe biraa dhufa.
Copyright information for GazHAHl