‏ Isaiah 3

Murtii Yerusaalemii fi Yihuudaa Eeggatu

1Kunoo Gooftaan,
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
Yerusaalemii fi Yihuudaa irraa
kennaa fi gargaarsa isaa
kan midhaaniitii fi kan bishaanii hunda irraa fudhata;
2gootaa fi loltuu,
abbaa murtiitii fi raajii,
hooda himaa fi maanguddoo,
3ajajaa shantamaatii fi nama ulfina qabu,
gorsituu, ogeessa hojii harkaatii fi

ogeessa waa dawweessuu beeku irraa fudhata.

4“Ani dargaggoota qondaaltota isaanii nan godha;
ijoolleen isaan bulchu.”

5Namoonni wal hacuucu;
namni tokko nama kaanitti, ollaanis, ollaa isaatti kaʼa.
Dargaggeessi jaarsatti,
tuffatamaanis kabajamaatti kaʼa.

6Namni tokko mana abbaa isaatti,
obboloota isaa keessaa tokko qabee,
“Ati qoloo qabda; kanaafuu bulchaa nuuf taʼi;
tuullaa waan diigamee kanattis itti gaafatama fudhu!” jedha.
7Inni garuu gaafas,
“Ani furmaata taʼuu hin dandaʼu.
Ani nyaata yookaan uffata tokko illee mana kootii hin qabu;
bulchaa sabaa na hin taasisinaa” jedhee iyya.

8Yerusaalem gatantaraa jirti;
Yihuudaan immoo kufteerti;
dubbii isaaniitii fi gochi isaanii Waaqayyoon mormuudhaan
ulfina argamuu isaa xureessa.
9Haalli fuula isaanii dhugaa isaanitti baʼa;
isaan akkuma Sodoom cubbuu isaanii ifa baasu;
isaan cubbuu isaanii hin dhokfatan.
Isaaniif wayyoo!
Isaan balaa guddaa ofitti fidaniiru.

10Akka wanni kun isaaniif tolu qajeeltotatti himaa;
isaan buʼaa hojii isaanii nyaatu.
11Hamaadhaaf wayyoo!
Badiisni isatti ni dhufa!
Inni gatii harka isaa ni argata.

12Dargaggoonni saba koo cunqursu;
dubartoonni isaan bulchu.
Yaa saba ko, qajeelchitoonni keessan karaa irraa isin jalʼisaniiru;
isaan irraa isin gorsaniiru.

13 Waaqayyo murtii kennuuf taaʼeera;
saba isaattis muruuf kaʼeera.
14 Waaqayyo akkana jedhee
maanguddootaa fi hooggantoota saba isaatti mura:
“Kan iddoo dhaabaa wayinii kootii balleesse isin;
wanni hiyyeeyyii irraa saamame mana keessan jira.
15Isin saba koo caccabsuun keessan,
fuula hiyyeeyyiis butuchuun keessan maal gochuu keessan?” jedha Gooftaan,
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.

16 Waaqayyo akkana jedha;
“Dubartoonni Xiyoon of tuulu;
isaan morma dheereffatanii yaaʼu;
ijaanis ni waammatu;
faaya miilla isaanii kilillisaa cillaanfachaa deemu.
17Kanaafuu Gooftaan mataa intallan Xiyoonitti qaaqee ni fida;
Waaqayyo gubbee mataa isaanii moleessa.”

18Gaafas Gooftaan faaya miidhagina isaanii: albuu, marata mataa, faaya mormaa kan baatii fakkaatu, 19amartii gurraa, bitawoo, haguuggii fuulaa, 20Marata mataa, faaya miillaa, sabbata, bilqaaxxii shittoo, kudhaama, 21qubeelaa chaappaa, amartii funyaanii 22wandaboo filatamaa, koofiyyaa, qoloo, korojoo harkaa, 23of ilaaleewwan, wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, gonfoo dubartootaatii fi uffata mormaa isaan irraa mulqa. 24Qooda urgaa, ajaa;
qooda sabbataa, funyoo;
qooda mataa sirriitti dhaʼamee, moluu;
qooda uffata miidhagaa, wayyaa gaddaa;
qooda miidhaginaa fokkisuutu dhufa.
25Namoonni keessan goraadeedhaan,
loltoonni keessanis lola keessatti dhumu.
26Karri Xiyoon faarsitee boossi;
isheen ontee lafa teessi.
Copyright information for GazHAHl