‏ Isaiah 30

Saba Fincilaadhaaf Wayyoo

1 Waaqayyo akkana jedha:
“Ijoollee fincilan,
kanneen karoora karoora koo hin taʼin duukaa buʼan,
kanneen fedhii kootiin alatti walii galtee uuman,
kanneen cubbuu irratti cubbuu dabalaniif wayyoo;
2kanneen utuu anaan hin mariʼatin Gibxitti gad buʼan,
kanneen gaaddisa Gibxi daʼoof,
eegumsa Faraʼoon immoo
gargaarsaaf abdataniif wayyoo.
3Eegumsi Faraʼoon garuu qaanii isinitti taʼa;
gaaddisni Gibxis salphina isinitti fida.
4Isaan yoo Zooʼaan keessatti qondaaltota qabaatan iyyuu,
yoo ergamoonni isaaniis Haanees gaʼan iyyuu,
5tokkoon tokkoon isaanii sababii uummata isaan hin fayyadne
kanneen qaanii fi salphina malee
gargaarsa yookaan buʼaa hin kennine
sanaatiif ni qaaneffamu.”

6Raajii waaʼee bineensota Negeeb dubbatame: Ergamoonni qabeenya isaanii harreetti,
meeshaa isaanii gaalatti feʼatanii
biyya leenci kormii fi leenci dhalaan,
bofti summii qabuu fi bofti darbatamu jiraatan,
lafa rakkinaa fi dhiphinaan guute keessa baʼanii
gara biyya homaa hin fayyadnee
7gara Gibxi kan gargaarsi ishee gonkumaa buʼaa hin qabne sanaa dhaqu.
Kanaafuu ani, “Raʼaab, kan homaa hin fayyadne”
jedhee ishee nan waama.

8Amma dhaqiitii gabatee irratti barreessiif;
kitaaba maramaa irratti katabiif;
kunis akka baroota dhufuuf jiran keessa
dhuga baʼumsa bara baraa taʼuuf.
9Jarri kunneen uummata fincilaa, ijoollee sobduu dha;
ijoollee seera Waaqayyoo dhagaʼuuf fedhii hin qabnee dha.
10Isaan mulʼata argitootaan,
“Siʼachi mulʼata tokko illee hin arginaa!” jedhu;
raajotaanis akkana jedhu;
“Isin siʼachi mulʼata qajeelaa taʼe nutti hin himinaa!
Waan nama gammachiisu nutti himaa;
gowwoomsaa nuuf raajaa.
11Karaa kana gad dhiisaa;
daandii kana irraa jalʼadhaa;
Qulqullicha Israaʼel fuula keenya duraa
dhabamsiisaa!” jedhu.

12Kanaafuu Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Sababii isin ergaa kana diddanii
nama hacuucuu abdattanii
gowwoomsaatti irkattaniif,
13cubbuun kun, akkuma dallaa ol dheeraa
dhagaan ijaarame kan baqaqee bosose
kan utuu hin beekamin tasa jiguu isinitti taʼa.
14Dallaan sun akkuma miʼa supheetti,
hamma wanni ittiin cilee bobaʼu
iddoo ibiddaatii fuudhan iyyuu hin hafnetti
yookaan hamma wanni ittiin boolla bishaanii keessaa
bishaan budduuqsan hin hafnetti akka malee caccabee burkutaaʼa.”

15 Waaqayyo Gooftaan, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Deebiʼuu fi boqochuudhaan ni fayyitu;
tasgabbaaʼuu fi abdachuudhaan ni jabaattu;
isin garuu kana hin goone.
16Isinis, ‘Lakki, nu fardeeniin ni baqanna’ jettu.
Kanaafuu isin ni baqattu!
Isin, ‘Nu fardeen ariifatanii fiiganiin ni gulufna’ jettu.
Kanaafuu warri isin gugsan ni saffisu!
17Doorsisa nama tokkootiin, kumatu baqata;
doorsisa nama shaniitiin immoo,
isin hamma akkuma muka alaabaa fiixee tulluu irra jiruu,
akkuma faajjii gaara irra jiruu taatanii haftanitti
hundi keessan ni baqattu.”

18Taʼus Waaqayyo isiniif arjoomuu barbaada;
isiniif naʼuufis ni kaʼa:
Waaqayyo Waaqa murtii qajeelaa ti.
Warri isa eeggatan hundi eebbifamoo dha.

19Yaa saba Xiyoon, warri Yerusaalem keessa jiraattan, isin siʼachi hin boossan. Yeroo isin gargaarsa barbaachaaf gara isaatti iyyattanitti inni dhugumaan isiniif arjooma! Akkuma dhagaʼeenis deebii isiniif kenna. 20Gooftaan buddeena rakkinaatii fi bishaan dhiphinaa siif kennu illee barsiisaan kee siʼachi hin dhokatu; ati ijuma keetiin isa argita. 21Ati yeroo gara mirgaatti yookaan gara bitaatti gortutti, dugda kee duubaan sagalee, “Karaan kana; isa irra deemi” jedhu tokko gurri kee ni dhagaʼa. 22Ati ergasii waaqota kee tolfamoo kanneen meetiin irra dibamee fi fakkiiwwan kee kanneen warqeen itti uffifame sana ni xureessita; akkuma huccuu xuraaʼummaas of irraa isaan darbattee, “Asii badaa!” jettaan.

23Inni sanyii ati lafatti facaafattuuf bokkaa siif kenna; midhaan lafti baaftus kan misee fi kan akka malee baayʼate taʼa. Bara sana keessa loon kee lafa dheedaa balʼaa irratti bobbaʼu. 24Qotiyyoo fi harreen qotiisaa okaa filatamaa qorbii fi afarsaadhaan qulqulleeffame nyaatu. 25Guyyaa badiisa guddaatti, yeroo qooxiiwwan eegumsaa jijjiganitti yaaʼawwan bishaanii tulluuwwanii fi gaarran ol dhedheeroo hunda irra yaaʼu. 26Gaafa Waaqayyo cabaa saba isaa hidhee warra madeesse illee fayyisutti jiʼi akkuma aduu ifa; ifni aduus akkuma ifa guyyaa torbaa dachaa torba ni ifa. 27Kunoo Maqaan Waaqayyoo aarii bobaʼuu fi
duumessa gobbuu aaraatiin fagoodhaa dhufaa jira;
afaan isaa dheekkamsaan,
arrabni isaas ibidda gubee balleessuun guutameera.
28Hafuurri inni baafatu akkuma laga guutee
hamma morma gaʼutti ol kaʼuu ti.
Inni gingilchaa badiisaatiin saboota gingilcha;
inni luugama karaa irraa isaan balleessu
haʼoo sabootaa keessa kaaʼa.
29Isin akkuma halkan ayyaana qulqulluu ayyaaneffattanitti,
faarfannaa ni faarfattu;
garaan keessan
akkuma yeroo namoonni ulullee afuufaa
gara tulluu Waaqayyootti,
gara Kattaa Israaʼelitti ol baʼan sanaa ni gammada.
30 Waaqayyo akka namoonni sagalee isaa surra qabeessa sana dhagaʼan ni godha;
inni akka isaan irree isaa
kan aarii guddaa fi ibidda gubee balleessuun,
bokkaa hamaadhaan, bakakkaa fi cabbiidhaan

dhufaa jiru argan ni godha.
31Sagaleen Waaqayyoo Asoorin ni caccabsa;
bokkuu isaatiinis isaan barbadeessa.
32Adabbiin ulee kan Waaqayyo
isaan irra buusu hundi sagalee dibbeetii fi
sagalee kiraaraa of keessaa qaba;
innis rukuttaa irree isaatiin waraana keessatti isaan lola.
33Toofet dur qopheeffame;
inni mootichaaf qopheeffame.
Boolli ibiddaa isaa gad fageeffamee balʼifamee hojjetame;
innis ibiddaa fi qoraaniin guutameera;
hafuurri afaan Waaqayyootii baʼus
akkuma dinyii dhangalaʼuu akka inni bobaʼu godha.
Copyright information for GazHAHl