‏ Isaiah 32

Mootummaa Qajeelummaa

1Kunoo mootiin qajeelummaadhaan moʼa;
bulchitoonnis murtii qajeelaadhaan bulchu.
2Tokkoon tokkoon namaa akkuma daʼannoo bubbee jalaa itti daʼatanii,
akkuma iddoo itti jabaa jalaa baqataniitti,
akkuma bishaan gammoojjii keessa yaaʼuutii fi
akkuma gaaddisa kattaa guddaa kan lafa gogaa keessaa ni taʼa.

3Ergasiis iji warra waa arguu hin dunuunfatu;
gurri warra waa dhagaʼuus ni dhaggeeffata.
4Qalbiin nama jarjaru tokkoo ni beeka; ni hubata;
arrabni giingees qajeelchee qulqulleessee dubbata.
5Siʼachi gowwaan ulfina qabeessa hin jedhamu;
addaggeenis baayʼee hin kabajamu.
6Gowwaan sababii gowwummaa dubbatuuf
qalbiin isaa hammina hojjeta;
inni waan Waaqni hin jaallanne hojjeta;
waaʼee Waaqayyoos dogoggora odeessa;
inni nama beelaʼe beela hin baasu;
nama dheebote illee bishaan dhowwata.
7Malli addaggee hammina;
inni utuma iyyanni rakkattootaa qajeelaa taʼee jiruu
sobumaan hiyyeeyyii balleessuuf jedhee jalʼina yaada.
8Namni ulfina qabeessi garuu karoora ulfaataa baasa;
hojii ulfina qabeessa sanattis ni jabaata.

Dubartoota Yerusaalem

9Yaa dubartoota akka malee boontan
kaʼaatii na dhaggeeffadhaa;
yaa intallan waan nagaa qabdan of seetan
waan ani jedhu dhagaʼaa!
10Isin warri waan nagaa qabdan of seetan
erga waggaan tokko xinnuma darbee booddee ni hollattu;
wayiniin ija hin kennu;
yeroon itti iji walitti qabamus hin dhufu.
11Yaa dubartoota boontuuwwan isin holladhaa;
intallan waan nagaa qabdan of seetanis raafamaa!
Uffata keessan of irraa baasaatii
wayyaa gaddaa mudhii keessanitti hidhadhaa.
12Lafa qotiisaa gaariif,
muka wayinii ija naqatuufis laphee keessan dhaʼaa;
13lafa uummata koo kan qoraattii fi
sokorruun irratti guddatuuf laphee keessan dhaʼaa;
dhugumaan manneen gammachuu hundaa fi
magaalaa fandalaltuu kanaaf booʼaa.
14Daʼannoon ni ona;
magaalaan namni keessa guutes duwwaa hafti;
magaalaan jabduunii fi qooxiin eegumsaa bara baraan ni onu;
iddoo harreen diidaa keessa burraaqxuu fi iddoo bushaayeen itti bobbaʼan taʼu;
15kunis hamma Hafuurri Qulqulluun

gubbaadhaa nurratti dhangalaafamuu fi
hamma gammoojjiin lafa qotiisaa gabbataa taʼee
lafti qotiisaa gabbataan immoo bosona fakkaatutti taʼa.
16Murtii qajeelaan gammoojjii keessa jiraata;
qajeelummaan immoo lafa qotiisaa gabbataa keessa jiraata.
17Buʼaan qajeelummaa nagaa dha;
faayidaan qajeelummaa immoo utuu hin birʼatin
tasgabbiin bara baraan jiraachuu dha.
18Sabni koo iddoo jireenyaa nagaa qabu,
manneen bultii sodaa hin qabne
iddoo boqonnaa jeequmsi hin jirre keessa jiraata.
19Yommuu cabbiin bosona irratti buʼu,
magaalattiin guutumaan guutuutti gad deebiti;
20isin warri qarqara laga hundaatti sanyii facaafattanii
loon keessanii fi harroota keessan
nagaan bobbaafattan akkam eebbifamoo dha.
Copyright information for GazHAHl