‏ Isaiah 33

Dhiphinaa fi Gargaarsa

1Yaa barbadeessaa,
ati kan hin barbadeeffamin siif wayyoo!
Yaa gantuu, ati kan hin ganamin siif wayyoo!
Ati yommuu barbadeessuu dhiiftutti ni barbadeeffamta;
yommuu ganuu dhiiftuttis ni ganamta.

2Yaa Waaqayyo, nu maari; nu si eeggannaa.
Ati ganama ganama jabina keenya,
yeroo dhiphinaatti immoo fayyina keenya nuuf taʼi.
3Sagalee kakawwee keetiitiin, namoonni baqatu;
yeroo ati ol kaatutti, saboonni ni bittinnaaʼu.
4Yaa saboota, akkuma hawwaannisni walitti qabamu sana
boojuun keessan walitti qabama;
namoonnis akkuma tuuta hawwaannisaa irra uʼutaalu.

5 Waaqayyo ol ol jedha; inni ol gubbaa jiraataatii;
inni murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan Xiyoonin guuta.
6Inni bara keetiif hundee amansiisaa, kuusaa fayyinaa,
kan ogummaatii fi kan beekumsaa taʼa;
Waaqayyoon sodaachuun furtuu badhaadhummaa kanaa ti.

7Kunoo gootonni isaanii sagalee ol fudhatanii daandii irratti iyyu;
ergamoonni nagaas hiqqifatanii booʼu.
8Karaawwan gurguddaan onaniiru;
namni karaa irra deemu hin jiru.
Walii galteen diigameera;
dhuga baatonni ishee tuffatamaniiru;
namni tokko iyyuu hin kabajamu.
9Lafti ni boossi; ni barbadoofti;
Libaanoon ni qaanofti; ni coollagdi;
Shaaroon akka gammoojjii taati;
Baashaanii fi Qarmeloos baala isaanii harcaafatu.

10 Waaqayyo akkana jedha; “Ani amma nan kaʼa;
ani amma ol ol nan jedha;
ani amma nan kabajama.
11Isin habaqii ulfooftu; cidii deessu;
hafuurri isin baafattan ibidda gubee isin fixuu dha.
12Namoonni akkuma nooraa gubamu;
akkuma qoraattii cirameettis ibiddi itti qabsiifama.”

13Isin warri fagoo jirtan waan ani hojjedhe dhagaʼaa;
warri dhiʼoo jirtanis humna koo beekaa!
14Cubbamoonni Xiyoon keessaa ni sodaatu;
warri Waaqatti hin bulles hollachaa,
“Nu keessaa eenyutu ibidda waa balleessu wajjin jiraachuu dandaʼa?
Nu keessaa eenyutu
ibidda bara baraan hin dhaamne wajjin jiraachuu dandaʼa?” jedhu.
15Namni qajeelummaan jiraatee dhugaa dubbatu,
kan faayidaa karaa dabaatiin argamu lagatee
harka isaa mattaʼaa fudhachuu irraa eeggatu,
namni marii nama ajjeesuu irraa gurra isaa cuqqaallatee
jalʼina ilaaluu irraa ija isaa dunuunfatu,
16iddoo ol kaʼaa irra jiraata;
daʼannoon isaas kattaa jabaa taʼa.
Buddeenni isaaf ni kennama;
bishaanis isatti hin hirʼatu.

17Iji kee mooticha miidhagummaa isaatiin arga;
biyya fagoo jirtu illee ni ilaala.
18Atis akkana jettee garaa keetti raafama durii sana yaadda:
“Ajajaan ol aanaan sun eessa jira?
Namichi gibira fuudhu sun eessa jira?
Ajajaan itti gaafatamaan gamoowwanii eessa jira?”
19Ati siʼachi saba hamaa,
kan haasaan isaa namaaf hin galle,
kan afaan isaa haaraa taʼee fi hin hubatamne hin argitu.

20Xiyoon, magaalaa ayyaana keenyaa hubadhuu ilaali;
iji kee Yerusaalemin, iddoo jireenyaa nagaa qabu,
dunkaana hin buqqifamne arga;
qofoon ishee hin buqqifamu;
yookaan funyoon ishee tokko iyyuu hin citu.
21 Waaqayyo achitti Humna keenya taʼa.
Iddoon sunis akkuma lageen gurguddaatii fi burqaawwanii taʼa.
Dooniin waraanaa kan batoodhaan oofamu tokko iyyuu
isaan irra hin deemu;
dooniin jabaan tokko iyyuu isaan irra hin qaxxaamuru.
22 Waaqayyo abbaa murtii keenyaatii;
Waaqayyo seera nuuf kenna;
Waaqayyo mootii keenya;
inni nu fayyisa.

23Funyoon kee laafeera;
utubaan isaa jabaatee hin dhaabamne;
sharaanis hin diriirfamne.
Ergasii boojuun baayʼeen ni qoodama;
okkolaan iyyuu boojuu ni fudhata.
24Namni Xiyoon keessa jiraatu kam iyyuu, “Na dhukkuba” hin jedhu;
cubbuun warra achi jiraatanis ni dhiifamaaf.
Copyright information for GazHAHl