Isaiah 34
Murtii Saboota Eeggattu
1Yaa saboota, isin as dhiʼaadhaatii dhaggeeffadhaa;yaa namoota, isinis qalbeeffadhaa!
Lafti haa dhageessu; kan ishee keessa jiraatu hundis,
addunyaa fi wanni ishee keessaa baʼu hundinuu haa dhagaʼan!
2 Waaqayyo saboota hundatti aareera;
dheekkamsi isaa loltoota isaanii hunda irra buʼeera.
Inni guutumaan guutuutti isaan barbadeessa;
inni akka qalamaniif dabarsee isaan kenna.
3Isaan keessaa warri duʼan alatti gad darbataman;
reeffi isaanii ni ajaaʼa;
tulluuwwan dhiiga isaaniitiin tortoru.
4Raayyaawwan samii hundinuu ni baqu;
samiinis akkuma kitaaba maramaa ni marmarama;
raayyaan urjiiwwanii hundinuu akkuma baala wayinii coollagee,
akkuma harbuu muka harbuu irraa harcaʼuutti harcaʼu.
5Goraadeen koo samii keessatti hamma quufutti dhugeera;
kunoo inni Edoomitti muruuf,
gara saba ani guutumaan guutuutti barbadeesseetti gad buʼeera.
6Goraadeen Waaqayyoo dhiiga keessa cuuphameera;
inni coomaan, dhiiga xobbaallaawwan hoolaatii fi reʼootaatiin,
moora kalee korbeeyyii hoolaatiin haguugameera.
Waaqayyo Bozraa keessatti aarsaa,
Edoom keessatti immoo qalma guddaa qopheesseeraatii.
7Gafarsi isaan wajjin,
jiboonnis korommii gurguddaa wajjin dhumu.
Lafti isaanii dhiigaan jiiti;
biyyoon isaaniis moora quufa.
8 Waaqayyo guyyaa itti haaloo baʼu,
waggaa itti waaʼee Xiyoon falmu qabaatii.
9Burqaawwan Edoom leeleetti,
biyyoon ishees dinyii bobaʼutti geeddarama;
lafti ishee immoo leelee bobaʼu taʼa!
10Inni halkan yookaan guyyaa hin dhaamu;
aarri isaas bara baraan ol baʼa.
Lafti sun dhalootaa hamma dhalootaatti ontee hafti;
namni tokko iyyuu deebiʼee ishee keessaan hin darbu.
11Cululleen gammoojjiitii fi dhaddeen lafa sana ni fudhatu;
urunguu fi arraagessi mana isaanii achitti ijaarratu.
Waaqni Edoom irra, funyoo jeequmsaatii fi
madaalii badiisaa ni diriirsa.
12Gurguddoonni ishee waan mootummaa jedhamee waamamu achii hin qabaatan;
ilmaan mootota ishee hundi ni badu.
13Masaraa ishee qoraattii,
daʼannoo ishee doobbii fi sokorruutu dhaala.
Isheen boolla waangoo,
iddoo urunguun jiraattu ni taati.
14Uumamawwan gammoojjii waraabessa wajjin wal gaʼu;
hafuuronni hamoo reʼee diidaa fakkaatan wal waamu;
uumamawwan halkanii achi boqotan;
ofii isaaniitiifis iddoo aara galfannaa argatu.
15Urunguun achitti manʼee ijaarrattee hanqaaquu hanqaaqxi;
cuucii yaaftees qoochoo jalatti kunuunfatti;
allaattiinis dhirsaa fi niitii taatee achitti walitti qabamti.
16Kitaaba Waaqayyoo keessaa ilaalaatii kan akkana jedhu dubbifadhaa: Isaan kanneen keessaa tokko iyyuu hin dhabamu;
tokkittiin iyyuu dhirsa ishee hin dhabdu.
Afaan Waaqaa ajajeeraatii;
Hafuurri isaas walitti isaan qaba.
17Isatu qooda isaanii hiraaf;
harki isaa safartuudhaan isaaniif qooda.
Isaan bara baraan qooda kana ni qabaatu;
dhalootaa hamma dhalootaattis achi jiraatu.
Copyright information for
GazHAHl