Isaiah 35
Gammachuu Warra Furamanii
1Gammoojjii fi lafti gogaan ni gammadu;lafti onaan ni ililcha; ni daraaras.
Akka arfaasee, 2baayʼinaan daraara;
akka malee gammadees ililcha.
Ulfinni Libaanoon, surraan Qarmeloosii fi
Shaaroon ni kennamaaf;
isaan ulfina Waaqayyoo,
surraa Waaqa keenyaas ni argu.
3Harka dadhabe jajjabeessaa;
jilba laafes cimsaa;
4warra garaan isaanii sodaatuun akkana jedhaa:
“Jabaadhaa; hin sodaatinaa;
Waaqni keessan ni dhufa;
inni haaloo baasuuf dhufa;
gatii malu qabatee
isin oolchuuf ni dhufa.”
5Ergasii iji nama jaamaa ni banama;
gurri nama duudaas ni dhagaʼa.
6Gaafas namni naafti akkuma gadamsaa utaala;
arrabni hidhamaanis gammachuudhaan faarfata.
Bishaan gammoojjii keessaa,
burqaanis gammoojjii keessaa cabsee baʼa.
7Lafti nama gubu haroo,
lafti gogaan immoo burqaa bishaanii taʼa.
Boolla duraan waangoonni keessa ciisan irratti marga,
shambaqqoo fi dhallaadduutu biqila.
8Karaan guddaan tokko achi ni jiraata;
innis, Karaa Qulqullinaa jedhamee waamama;
inni warra Karaa sana irra deemaniif taʼa.
“Xuraaʼonni” isa irra hin deeman;
gowwoonni achiinuu hin baʼan.
9Leenci achitti hin argamu;
yookaan bineensi hamaan achi irra hin baʼu;
isaan achitti hin argaman.
Garuu warra furaman qofatu achi irra deema;
10warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu.
Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu;
gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata.
Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu;
gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
Copyright information for
GazHAHl