‏ Isaiah 37

Bilisoomuun Yerusaalem Himame

37:1‑13 kwf – 2Mt 19:1‑13

1Hisqiyaas mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti, uffata isaa tarsaasee wayyaa gaddaas uffatee mana qulqullummaa Waaqayyoo seene. 2Innis Eliiyaaqiim bulchaa masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaa fi luboota dura buʼoota hundi isaanii wayyaa gaddaa uffatan Isaayyaas raajicha ilma Amoos sanatti erge. 3Isaanis akkana jedhanii isatti himan; “Hisqiyaas akkana jedha: Guyyaan kun akkuma yeroo daaʼimni tokko dhalachuu gaʼee garuu dubartiin humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduutti guyyaa lubbamuu, kan dheekkamsaatii fi kan salphinaa ti. 4Waaqayyo Waaqni kee dubbii ajajaa waraanaa kan gooftaan isaa mootichi Asoor akka inni Waaqa jiraataatti qoosuuf erge sanaa dhagaʼee dubbii Waaqayyo Waaqni kee dhagaʼe sanaaf jedhee isatti dheekkama taʼa. Kanaafuu ati hambaawwan hamma ammaatti jiraniif kadhadhu.”

5Yommuu qondaaltonni Hisqiyaas Mootichaa gara Isaayyaas dhufanitti, 6Isaayyaas akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa gooftaa keessanitti himaa; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati waan dhageesse jechuunis dubbii garboonni mootii Asoor ittiin na arrabsan sana hin sodaatin. 7Dhaggeeffadhaa! Ani akka inni oduu wayii dhagaʼee gara biyya ofii isaatti deebiʼuuf hafuura tokko isa keessa nan kaaʼa; achittis akka inni goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.’ ”

8Ajajaan waraanaas yommuu akka mootiin Asoor Laakkiishii baʼee deeme dhagaʼetti, duubatti deebiʼee utuu mootichi Libnaa lolaa jiruu argate.

9Senaaheriibis akka Tiirhaaq mootichi Itoophiyaa sun isa loluuf dhufaa jiru dhagaʼe. Innis yommuu waan kana dhagaʼetti, akkana jedhee Hisqiyaasitti ergamoota erge: 10“Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin akkana jedhaa: Waaqni ati abdattu sun, ‘Yerusaalem dabarfamtee harka mootii Asooritti hin kennamtu’ jedhee si hin gowwoomsin. 11Ati waan mootonni Asoor guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaan biyyoota hunda godhan dhageesseerta. Ati immoo ni haftaa ree? 12Waaqonni saboota abbootiin koo barbadeessan sanaa jechuunis waaqonni Goozaan, waaqonni Kaaraan, waaqonni Rezefii fi waaqonni namoota Eden kanneen Telaasaar keessa turan sanaa isaan oolchaniiruu? 13Mootiin Hamaati yookaan mootiin Arfaad eessa jira? Mootiin magaalaa Seefarwaayim, mootiin Heenaa yookaan mootiin Iwaa eessa jira?”

Kadhannaa Hisqiyaas

37:14‑20 kwf – 2Mt 19:14‑19

14Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼee xalayaa sana fuula Waaqayyoo duratti diriirse. 15Hisqiyaas akkana jedhee Waaqayyoon kadhate: 16“Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel, kan Kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta. 17Yaa Waaqayyo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi; yaa Waaqayyo, ija kees banadhuu ilaali; dubbii Senaaheriib kan inni Waaqa jiraataa arrabsuuf erge kana hunda dhaggeeffadhu.

18“Yaa Waaqayyo, mootonni Asoor uummata kana hundaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha. 19Isaan waaqota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqota hin turreetii. 20Kanaafuu yaa Waaqayyo Waaqa keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu akka ati qofti Waaqayyo Waaqa taate beekaniif, harka isaatii nu baasi.”

Kufaatii Senaaheriib

37:21‑38 kwf – 2Mt 19:20‑37; 2Sn 32:20‑21

21Sana booddee Isaayyaas ilmi Amoos akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Sababii ati waaʼee Senaaheriib mooticha Asoor na kadhatteef, 22dubbiin Waaqayyo isaan mormuudhaan dubbate kunoo kanaa dha: “Intalli Xiyoon durbi qulqullittiin
si tuffattee sitti qoosti.
Intalli Yerusaalem
yeroo ati baqattutti mataa ishee sitti raafti.
23Kan ati itti qoostee arrabsite sun eenyu?
Ati eenyutti sagalee kee ol fudhattee
of tuulummaadhaan ija ol qabatte?
Qulqullichuma Israaʼel sanatti mitii!
24Ati karaa ergamoota keetiitiin,
Gooftaatti qoosteerta.
Ati akkanas jetteerta;
‘Ani gaariiwwan koo hedduudhaan
fiixee tulluuwwaniitti,
fiixee Libaanoon kan akka malee ol dheeratuttis ol baʼeera.
Ani birbirsawwan isaa akka malee dhedheeroo,
gaattiraawwan isaa filatamoo sanas ciccireera.
Ani fiixeewwan isaa kanneen akka malee ol fagoo,
bosonoota akka malee mimmiidhagoo qaqqabeera.
25Ani biyya ormaatti boolla bishaanii qotadhee
achitti bishaan dhugeera.
Ani faana miilla kootiin
lageen Gibxi hunda gogseera.’

26“Ati waan kana hin dhageenyee?
Bara dheeraan dura anatu waan kana hojjete.
Ani bara durii keessa waan kana nan karoorfadhe;
amma immoo hojii irra oolfadheera;
kunis akka ati magaalaawwan
dallaa jabaa qaban diigdee tuullaa dhagaa gootuu dha.
27Namoonni isaanii humna dhabanii
abdii kutataniis qaanaʼan.
Isaan akkuma biqiltuu diidaa,
akkuma biqiltuu kichuu tokkoo,
akkuma marga mana gubbaatti biqilu
kan utuu hin guddatin gubatee ti.

28“Ani garuu lafa ati jirtu,
yoom akka dhuftuu fi yoom akka deemtu,
akka ati akka malee natti aartu illee nan beeka.
29Sababii ati akka malee natti aartee
of tuulummaan kees gurra koo seeneef,
ani funyaan keetti hokkoo koo,
afaan keetti immoo luugama koo kaaʼee
akka ati karuma dhufte sanaan deebitu sin godha.

30“Yaa Hisqiyaas kun mallattoo siif taʼa: “Isin waggaa kana waan ofumaan biqilu,
waggaa lammaffaatti immoo waanuma isa irraa latu nyaattu.
Waggaa sadaffaatti garuu facaafadhaa galfadhaa;
muka wayiniis dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
31Ammas hambaan mootummaa Yihuudaa tokko,
jalaan hidda baafatee gubbaan immoo ija naqata.
32Yerusaalem keessaa hambaan tokko,
Tulluu Xiyooniitii immoo

gareen warra badiisa jalaa baʼe tokkoo ni dhufa.
Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu
waan kana ni raawwata.

33“Kanaafuu Waaqayyo waaʼee mooticha Asoor akkana jedha: “Inni magaalaa kana hin seenu,
yookaan xiyya tokko illee asitti hin darbatu.
Inni gaachana qabatee fuula isaa duratti hin dhiʼaatu
yookaan tuullaa biyyoo itti hin marsu.
34Inni karuma dhufe sanaan ni deebiʼa;
magaalaa kanas hin seenu”
jedha Waaqayyo.
35“Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee
magaalaa kana nan eega; nan oolchas!”

36Ergasii ergamaan Waaqayyoo gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture. 37Kanaafuu Senaaheriib mootichi Asoor qubata sana keessaa baʼee baqate; Nanawweetti deebiʼees achi jiraate.

38Gaaf tokko utuu inni mana sagadaa Waaqa isaa Nisrook jedhamuu keessatti waaqeffachaa jiruu ilmaan isaa Adramelekii fi Sharezer goraadeedhaan isa ajjeesanii gara biyya Araaraatitti baqatan. Ilmi isaa Eesarhadoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for GazHAHl