‏ Isaiah 40

Sabni Waaqaa Jajjabeeffame

1Jajjabeessaa; saba koo jajjabeessaa;
jedha Waaqni keessan.
2Garaa Yerusaalemitti dubbadhaa;
hojiin garbummaa ishee akka dhume,
gatiin cubbuu ishee akka baafameef,
isheen cubbuu ishee hundaaf
harka Waaqayyootii adabbii dachaa
akka fudhatte isheetti labsaa.

3Sagalee akkana jedhee iyyu tokko:
“Gammoojjii keessatti
Waaqayyoof karaa qopheessaa;
gammoojjii keessatti Waaqa keenyaaf
karaa guddicha qajeelchaa.
4Sululli hundi ni guutama;
tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifama;
lafti wal caalu, wal qixxeeffama;
lafti buʼaa baʼiinis dirree taʼa.
5Ulfinni Waaqayyoo ni mulʼata;
sanyiin namaa hundinuus tokkummaadhaan ni arga.
Afaan Waaqayyoo dubbateeraatii.”

6Sagaleen tokko “Iyyi” jedha.
Anis, “Maal jedheen iyya?” nan jedhe.

“Namni hundi akkuma margaa ti;
ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa dirree ti.
7Sababii hafuurri Waaqayyo baafatu isaanitti bubbisuuf margi
ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa.
Dhugumaan namni marguma.
8Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
dubbiin Waaqa keenyaa garuu bara baraan ni jiraata.”

9Ati kan Xiyooniif oduu gaarii fiddu,
tulluu dheeraatti ol baʼi.
Ati kan Yerusaalemiif oduu gaarii fiddu,
sagalee kee ol fudhuutii iyyi;
ol fudhadhuu iyyi; hin sodaatin;
magaalaawwan Yihuudaatiinis,
“Waaqni keessan kunoo ti!” jedhi.
10Kunoo, Waaqayyo Gooftaan humnaan ni dhufa;
irreen isaa jabaadhaanis ni bulcha.
Kunoo, gatiin isaa isa wajjin jira;
gatiin inni namaaf kennu isuma harka jira.
11Inni akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa tikfata;
xobbaallaawwan hoolaas irree isaatiin walitti qaba;
ofitti qabees qoma isaatti hammata;
haadhota hoolotaa warra hoosisanis suutuma oofa.

12Bishaanota konyee isaatiin kan safare
yookaan samiiwwan taakkuu isaatiin kan safare eenyu?
Biyyoo lafaa safartuudhaan walitti kan qabe
yookaan tulluuwwan madaaliidhaan
gaarran immoo madaaliidhaan kan madaale eenyu?
13Eenyutu Hafuura Waaqayyoo qajeelchuu dandaʼe?
Yookaan namni gorsaa isaa taʼee isa barsiise eenyu?
14 Waaqayyo hubannaa argachuuf eenyun gorsa gaafate?
Daandii qajeelaas eenyutu isa barsiise?
Eenyutu beekumsa isaaf kennee
yookaan daandii hubannaa isa argisiise?

15Dhugumaan saboonni akkuma copha baaldii keessaa ti;
isaan akkuma awwaara madaalii irra jiruutti ilaalamu;
inni biyyoota bishaan gidduu illee akkuma biyyoo bullaaʼaatti madaala.
16Libaanoon qoraan iddoo aarsaatiif gaʼu hin qabdu,
yookaan horiin ishee aarsaa gubamuuf hin gaʼan.
17Fuula isaa duratti saboonni hundinuu wayittuu hin lakkaaʼaman;
isaan akka ilaalcha isaatti homaattuu hin hedaman;
gatiis hin qaban.

18Yoos Waaqa eenyutti fakkeessitu?
Fakkii kam wajjin isa wal bira qabdu?
19Waaqa tolfamaa tumtuu sibiilaatu baqsee tolcha;
tumtuun warqees warqee itti uffisa;
foncaa meetiitiinis ni miidhagsa.
20Hiyyeessi aarsaa akkasii dhiʼeessuu
hin dandeenye tokko muka hin tortorre filata.
Waaqa tolfamaa hin jigne dhaabuufis
nama ogummaa hojii harkaa qabu barbaaddata.

21Isin hin beektanii?
Isin hin dhageenyee?
Wanni kun jalqabumaa kaasee isinitti hin himamnee?
Isin erga lafti hundeeffamtee jalqabee hin hubannee?
22Inni geengoo lafaatii ol taaʼa;
uummanni lafaas akkuma korophisaa ti.
Inni samiiwwan akkuma golgaatti diriirsa;
akka dunkaana keessa jiraataniittis isaan diriirsa.
23Inni ilmaan moototaa faayidaa dhabsiisa;
bulchitoota addunyaas harka duwwaa hambisa.
24Akkuma isaan dhaabamaniin,
akkuma isaan facaafamaniin,
akkuma isaan lafa keessatti hidda yaafataniin,

inni isaanitti bubbise;
isaanis ni coollagan;
obombolettiinis akkuma habaqiitti isaan haxaaʼe.

25“Isin eenyutti na fakkeessitu?
Yookaan eenyutu anaan qixxaata?” jedha Qulqullichi.
26Ija keessan ol fudhadhaatii samiiwwan ilaalaa:
Eenyutu kanneen hunda uume?
Isa tuuta urjiiwwanii tokko tokkoon fidee
tokkoo tokkoo isaanii maqaa maqaadhaan waamu sanaa dha.
Sababii humna isaa cimaa sanaatii fi jabina isaa guddaa sanaatiif
isaan keessaa tokko iyyuu hin dhabamu.

27Yaa Yaaqoob, yaa Israaʼel, ati maaliif,
“Karaan koo Waaqayyo duraa dhokateera;
haajaan koos fuula Waaqa koo duratti
tuffatameera” jettee guungumta?
28Ati hin beektuu?
Ati hin dhageenyee?
Waaqayyo Waaqa bara baraa ti;
inni Uumaa handaara lafaa ti.
Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu;
hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.
29Inni dadhabdootaaf jabina kenna;
nama laafaaf immoo humna dabala.
30Ijoolleen iyyuu ni dadhabu; ni bututus;
dargaggoonnis gufatanii kufu;
31Warri Waaqayyoon abdatan garuu
humna isaanii ni haaromfatu.
Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;
ni fiigu; hin dadhaban;
ni deemu; hin bututan.
Copyright information for GazHAHl