Isaiah 40:3-5
3Sagalee akkana jedhee iyyu tokko:“Gammoojjii keessatti
Waaqayyoof karaa qopheessaa;
gammoojjii keessatti Waaqa keenyaaf
karaa guddicha qajeelchaa.
4Sululli hundi ni guutama;
tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifama;
lafti wal caalu, wal qixxeeffama;
lafti buʼaa baʼiinis dirree taʼa.
5Ulfinni Waaqayyoo ni mulʼata;
sanyiin namaa hundinuus tokkummaadhaan ni arga.
Afaan Waaqayyoo dubbateeraatii.”
Copyright information for
GazHAHl