Isaiah 40:6-8
6Sagaleen tokko “Iyyi” jedha.Anis, “Maal jedheen iyya?” nan jedhe.
“Namni hundi akkuma margaa ti;
ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa dirree ti.
7Sababii hafuurri Waaqayyo baafatu isaanitti bubbisuuf margi
ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa.
Dhugumaan namni marguma.
8Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
dubbiin Waaqa keenyaa garuu bara baraan ni jiraata.”
Copyright information for
GazHAHl