‏ Isaiah 42:1-4

Garbicha Waaqayyoo

1“Tajaajilaan koo inni ani utubee dhaabu,
filatamaan koo kan ani itti gammadu isa kana;
ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa;
inni sabootaaf murtii qajeelaa ni kenna.
2Inni hin wacu yookaan hin iyyu;
yookaan daandii irratti sagalee isaa hin dhageessisu.
3Shambaqqoo buruqe hin cabsu;
foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu.
Inni amanamummaadhaan murtii qajeelaa ni fida;
4hamma murtii qajeelaa lafa irratti fidutti,
inni hin dadhabu; abdiis hin kutatu.
Biyyoonni bishaan gidduu seera isaa ni abdatu.”
Copyright information for GazHAHl