‏ Isaiah 45

1Waaqayyo dibamaa isaa Qiiros,
kan ani saboota isa jalatti bulchuu fi
hidhannaa moototaa hiiksisuuf jedhee
harka isaa mirgaa qabee
akka karrawwan hin cufamneef,
balbalawwan banuuf sanaan akkana jedha:
2Ani fuula kee dura deemee
tulluuwwan wal nan qixxeessa;
karrawwan naasii nan caccabsa;
danqaraawwan sibiilaas nan kukkuta.
3Ati akka ani Waaqayyo
Waaqa Israaʼel isa maqaa keetiin si waamu taʼe akka beektuuf,
ani badhaadhummaa dukkana keessaa,
qabeenya lafa dhoksaatti kuufames siif nan kenna.
4Ati na beekuu baattu iyyuu,
ani garbicha koo Yaaqoobiif,
Israaʼel filatamaa kootiif jedhee
maqaa keetiin si waameera;
maqaa ulfinaas siif kenneera.
5Ani Waaqayyo; ana malee kan biraa hin jiru;
ana malee Waaqni tokko iyyuu hin jiru.
Ati na beekuu baattu iyyuu, ani sin jabeessa;
6Kunis akka namoonni baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti,
ana malee kan biraa akka hin jirre beekaniif.
Ani Waaqayyo; ana malee
tokko iyyuu hin jiru.
7Ani ifa nan tolcha; dukkanas nan uuma;
badhaadhummaa nan fida; balaas nan uuma;
ani Waaqayyo wantoota kanneen hunda nan godha.

8“Yaa samiiwwan, isin ol gubbaadhaa qajeelummaa roobsaa;
duumessoonnis gad coccobsaa.
Lafti haa banamtu;
fayyinni haa biqilu;
qajeelummaanis isa wajjin haa guddatu;
ani Waaqayyo waan kana uumeera.

9“Qiraacii qiraaciidhuma lafaa taʼee
Uumaa isaatiin wal loluuf wayyoo.
Supheen, suphee dhooftuudhaan,
‘Ati maal hojjechaa jirta?’ jedhaa?
Hojiin ati hojjettus,
‘Inni harka hin qabu’ siin jedhaa?
10Nama Abbaadhaan, ‘Ati maal dhalchite?’
yookaan haadhaan, ‘Ati maal deesse?’ jedhuuf wayyoo.

11Waaqayyo, Qulqullichi Israaʼel
Uumaan ishee sun akkana jedha:
Isin waaʼee wantoota dhufuuf jiranii jechuunis,
‘Waaʼee ijoollee koo na gaafadhaa;
yookaan waaʼee hojii harka koo na ajajaa.’
12Kan lafa tolchee namas ishee irratti uume ana.
Harki koo samiiwwan diriirseera;
raayyaa isaanii hundas ajajeera.
13Ani qajeelummaa kootiin Qiirosin ol nan kaasa:
Karaa isaa hundas wal nan qixxeessa.
Inni magaalaa koo deebisee ijaara;
boojiʼamtoota koos bilisa baasa;
garuu gatiidhaan yookaan badhaasaan miti,
jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.”

14 Waaqayyo akkana jedha: “Qabeenyi Gibxii fi daldalli Itoophiyaa,
namoonni dhedheeroon Saabaa,
gara kee ni dhufu;
kan kees ni taʼu;
isaan foncaadhaan hidhamanii
dugda duubaan si duukaa buʼu.
Fuula kee durattis gad jedhanii
‘Dhugumaan Waaqni si wajjin jira;

isa malees tokko iyyuu hin jiru;
isa malees Waaqni biraa hin jiru’
jedhanii si kadhatu.”

15Yaa Waaqi, Fayyisaa Israaʼel,
ati dhugumaan Waaqa of dhoksituu dha.
16Warri waaqota tolfamoo tolchan hundinuu ni qaanaʼu; ni salphatu;
walii wajjinis salphina keessa buʼu.
17Israaʼel garuu fayyina bara baraatiin
Waaqayyo ni fayyifama;
isin bara baraan hin qaanoftan;
yookaan hin salphattan.

18 Waaqayyo akkana jedha;
kan samiiwwan uume, inni Waaqa;
inni lafa miidhagsee tolchee ishee hundeesse;
inni akka isheen iddoo jireenyaa taatuuf ishee uume malee
akka isheen ona taatuuf ishee hin uumne;
inni akkana jedha;
“Ani Waaqayyo; ana malee kan biraa hin jiru.
19Ani biyya dukkanaa keessaa
dhoksaadhaan hin dubbanne;
ani sanyiiwwan Yaaqoobiin,
‘Akkasumaan na barbaadaa’ hin jenne.
Ani Waaqayyo dhugaa nan dubbadha;
waan qajeelaas nan labsa.

20“Walitti qabamaa kottaa;
isin baqattoonni sabootaa wal gaʼaa.
Warri waaqa tolfamaa muka irraa hojjetame baatan,
kanneen waaqota fayyisuu hin dandeenye kadhatan

homaa beekumsa hin qaban.
21Waanan taʼuu qabu dubbadhaa; dhiʼeeffadhaas;
isaanis walii wajjin haa mariʼatan.
Eenyutu waan kana duraan dursee bara dheeraan dura hime?
Duruma iyyuu eenyutu labse?
Anuma Waaqayyo mitii?
Ana malee Waaqni qajeelaa fi
Fayyisaan tokko iyyuu hin jiru;
ana malee tokko illee hin jiru.

22“Isin warri handaara lafaa hundi,
gara kootti deebiʼaatii fayyaa;
ani Waaqa; ana malee kan biraa hin jiruutii.
23Ani mataa kootiin kakadheera;
afaan koos akkana jedhee qajeelummaadhaan
dubbii hin geeddaramne dubbateera;
‘Jilbi hundi fuula koo duratti ni jilbeenfata;
arrabni hundis anaan kakata.’
24Isaanis, ‘Qajeelummaa fi jabinni Waaqayyo qofaan argama’
jedhanii waaʼee koo ni dubbatu.”
Warri aariidhaan isatti kaʼan hundi,
gara isaa dhufanii ni qaanaʼu.
25Sanyiin Israaʼel hundi garuu,
Waaqayyoon qajeeltota taasifamu;
ni kabajamus.
Copyright information for GazHAHl