Isaiah 5
Faarfannaa Iddoo Dhaaba Wayinii
1Ani naman jaalladhu sanaaf,faarfannaa waaʼee iddoo dhaabaa wayinii isaa nan faarfadha:
Michuun koo gaara gabbataa irraa
iddoo dhaabaa wayinii qaba.
2Innis lafa sana qotee isa irraa dhagaa balleessee
wayinii filatamaa isa irra dhaabe.
Qooxii eegumsaa isa keessatti ijaaree
boolla wayinii itti cuunfan illee qote.
Ergasii akka lafti qotiisaa sun ija gaarii kennu eeggate;
inni garuu ija hamaa qofa kenne.
3“Yaa jiraattota Yerusaalemii fi saba Yihuudaa,
mee dubbii anaa fi iddoo dhaabaa wayinii koo gidduu jiruuf murtii kennaa.
4Waan ani godheef kana caalaa
wanni iddoo dhaabaa wayinii kootiif godhamuu malu maali?
Yeroo ani ija wayinii gaarii barbaadetti
inni maaliif ija hadhaaʼaa qofa naqate?
5Ani amma waanan iddoo dhaabaa wayinii koo gochuuf jiru
isinitti nan hima;
ani dallaa isaa nan diiga;
innis ni bada;
dallaa isaa dhagaa nan jigsa;
innis gad dhidhiitama.
6Ani isa nan onsa;
mukni wayinii isaas hin qoramu yookaan lafti isaa hin qotamu.
Sokorruu fi qoraattiin achi keessatti guddata.
Ani akka bokkaan itti hin roobneef duumessa nan ajaja.”
7Iddoon dhaabaa wayinii
Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu mana Israaʼel;
namoonni Yihuudaa immoo
iddoo biqiltuu inni itti gammaduu dha.
Inni murtii qajeelaa barbaade;
garuu dhiiga dhangalaafamu arge;
qajeelummaa barbaade;
garuu iyya warra miidhamee dhagaʼe.
Wayyoo fi Murtii
8Isin warra hamma iddoontokko iyyuu hin hafnetti mana irratti mana,
lafa qotiisaa irratti lafa qotiisaa dabalattanii
kophuma keessan biyya keessa jiraattaniif wayyoo!
9 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu utumaa ani dhagaʼuu akkana jedhee dubbate: “Dhugumaan manneen hedduun ni onu;
manneen gurguddaanii fi babbareedoon nama keessa jiraatu dhabu.
10Iddoo dhaabaa wayinii cimdii kudhan irraa daadhii wayinii baadoosii tokko qofatu galfama;
sanyii qoroosii tokkoo irraa midhaan iifii tokkoo qofatu galfama.”
11Warra dhugaatii barbaachaaf ganamaan kaʼan,
kanneen hamma daadhii wayiniitiin machaaʼanitti
halkan dheereffataniif wayyoo.
12Isaan cidha isaanii irratti baganaa, kiraaraa fi dibbee,
ulullee fi daadhii wayinii qabu;
garuu hojii Waaqayyootiif dhimma hin qaban;
hojii harka isaatiifis ulfina hin kennan.
13Kanaafuu sabni koo
sababii hubannaa dhabeef boojiʼama;
namoonni isaanii bebbeekamoon beelaan,
uummanni isaaniis dheebuudhaan dhumu.
14Kanaafuu Siiʼool garaa isaa balʼifatee
afaan ofii isaa illee hamma malee banata;
namoonni isaanii bebbeekamoonii fi uummanni isaanii
warri wacanii fi warri gammadan hundis achi keessa buʼu.
15Kanaafuu namni gad qabama;
ilmaan namaa gad deebifamu;
iji of tuultotaas lafa ilaala.
16 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu garuu
murtii qajeelaa ofii isaatiin ol ol jedha;
Waaqni qulqulluun qajeelummaa ofii isaatiin
akka qulqulluu taʼe of argisiisa.
17Yeroo sanatti hoolonni akkuma waan lafa dheeda isaanii keessa jiraniitti ni dheedu;
xobbaallaawwan hoolaas iddoo sooreyyiin itti barbadaaʼan keessa dheedu.
18Warra funyoo gowwoomsaatiin cubbuu,
funyoo gaariitiinis hammina harkisan,
19kanneen, “Waaqni haa ariifatu;
akka nu arginuuf inni hojii ofii isaa haa saffisiisu,
wanni kun haa dhiʼaatu;
akka nu beeknuufis
karoorri Qulqullicha Israaʼel haa dhufu” jedhaniif wayyoo.
20Warra hamaadhaan gaarii,
gaariidhaan immoo hamaa jedhaniif,
kanneen ifaan dukkana,
dukkanaan immoo ifa jedhaniif,
warra miʼaawaadhaan hadhaaʼaa,
hadhaaʼaadhaan immoo miʼaawaa jedhaniif wayyoo.
21Warra akka yaada isaaniitti ogeeyyii,
akka ilaalcha isaaniitti immoo abshaala of seʼaniif wayyoo.
22Warra daadhii wayinii dhuguutti jabaa,
dhugaatii walitti makuuttis goota taʼaniif,
23warra mattaʼaa fudhatanii yakkamaa gad lakkisaniif,
murtii nama balleessaa hin qabnee immoo jalʼisaniif wayyoo.
24Kanaafuu akkuma arrabni ibiddaa cidii lafa irraa arraabu,
akkuma okaan ibiddaan gubatee badu sana hiddi isaanii ni tortora;
daraaraan isaaniis akkuma awwaaraa bittinnaaʼee bada;
isaan seera Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu didanii
dubbii Qulqullicha Israaʼel tuffataniiruutii.
25Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo saba isaatti ni bobaʼa;
harki isaa ol kaʼee isaan rukuta.
Tulluuwwan ni raafamu;
reeffi isaaniis akkuma kosii daandii irratti gatamee taʼa.
Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;
harki isaas akkuma ol kaafametti jira.
26Inni saboota fagoo jiraniif faajjii ol qaba;
warra moggaa lafaa jiranitti ni siiqsa.
Isaanis kunoo ariifatanii dafanii dhufu.
27Isaan keessaa namni tokko iyyuu hin dadhabu yookaan hin gufatu;
namni tokko iyyuu hin mugu yookaan hin rafu;
sabbanni mudhii isaanii hin laafu;
hidhaan kophee isaaniis hin citu.
28Xiyyi isaanii qaramaa dha;
iddaan isaanii hundi qopheeffameera;
kotteen fardeen isaanii akkuma dhagaa qara qabuu ti;
gommaan gaarii isaaniis akkuma bubbee hamaa ti.
29Aaduun isaanii akkuma aaduu leencaa ti;
isaan akkuma saafela leencaa aadu;
yeroo waan adamsatan qabatanitti ni gururiʼu;
isaan waan qabatan fudhatanii deemu;
namni isaan harkaa buusuu dandaʼus hin jiru.
30Gaafas isaan akkuma huursaa galaanaa
waan sana irraa huursu.
Namni tokko yoo biyya sana ilaale,
inni dukkanaa fi rakkina arga;
aduunis duumessaan dukkaneeffama.
Copyright information for
GazHAHl