Isaiah 51
Fayyina Bara baraa Xiyooniif
1“Isin warri qajeelummaa duukaa buutan,warri Waaqayyoon barbaaddan na dhaggeeffadhaa:
Isin kattaa irraa argamtan,
boolla keessaa baafamtan sana ilaalaa.
2Abbaa keessan Abrahaamii fi
Saaraa ishee isin deesse sana ilaalaa.
Yeroo ani isa waametti, inni tokkicha ture;
ani isa nan eebbise; nan baayʼises.
3 Waaqayyo dhugumaan Xiyoonin ni jajjabeessa;
diigama ishee hundas gara laafinaan ni ilaala;
inni gammoojjii ishee goggogaa akka Eeden,
lafa onaa ishees akka iddoo biqiltuu Waaqayyoo ni godha.
Ililchuu fi gammaduun,
galannii fi sagaleen faarfannaa ishee keessatti argama.
4“Yaa uummata koo na dhaggeeffadhaa;
yaa saba koo na dhagaʼaa;
seerri na biraa baʼa;
murtiin koos sabootaaf ifa taʼa.
5Qajeelummaan koo dafee dhiʼaata;
fayyisuun koos dhufaa jira;
irreen koo moototaaf murtii qajeelaa fida;
biyyoonni bishaan gidduu na eeggatu;
irree koos ni abdatu.
6Ija keessan gara samiiwwaniitti ol qabadhaa;
lafas gad ilaalaa;
samiiwwan akkuma aaraa ni badu;
lafti akkuma wayyaa moofofti.
Jiraattonni ishees akkuma tisiisaa ni duʼan.
Fayyisuun koo garuu bara baraan jiraata;
qajeelummaan koos hin badu.
7“Isin warri waan qajeelaa beektan
namoonni seera koo garaa keessaa qabdan na dhagaʼaa;
tuffii namootaa hin sodaatinaa;
yookaan arrabsoo isaaniitiin hin raafaminaa.
8Biliin akka wayyaatti isaan nyaatti;
raammoonis akkuma rifeensa hoolaatti isaan fixxi.
Garuu qajeelummaan koo bara baraan,
fayyisuun koos dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.”
9Yaa irree Waaqayyoo, kaʼi; kaʼi! Jabina uffadhu;
akkuma baroota darbanii,
akkuma dhaloota durii keessatti taʼe sana kaʼi.
Kan Raʼaabin kukkute,
kan jawwee galaanaa waraane sun suma mitii?
10Inni akka warri furaman ceʼaniif, galaanicha,
bishaan tuujuba guddichaa gogse,
kan dhidhima galaanaa keessaan karaa baase suma mitii?
11Warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu.
Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu;
gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata.
Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu;
gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
12“Kan isin jajjabeessu ana; anuma.
Yoos maaliif namoota duʼa hin oolle,
ilmaan namaa kanneen akkuma margaa taʼan sodaattu ree?
13Ati kan Waaqayyo Tolchaa kee,
isa samiiwwan diriirsee
hundee lafaa buuse sana dagattu eenyu?
Ati kan sababii dheekkamsa cunqursaa
waa balleessuuf qophaaʼe sanaatiif
utuu gargar hin kutin guyyaa guyyaan sodaattu eenyu?
Yoos dheekkamsi cunqursaa sanaa meerree?
14Boojiʼamtoonni hidhaman ariitiidhaan gad dhiifamu;
isaan boolla itti hidhaman keessatti hin duʼan
yookaan buddeena hin dhaban.
15Ani Waaqayyo Waaqa kee,
kan akka dhaʼaan bishaanii huursuuf galaana raasuu dha;
maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
16Ani kan samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe,
kan hundee lafaa hundeessee
Xiyooniin, ‘Ati saba koo ti’ jedhe sun,
dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera;
gaaddidduu harka kootiinis si haguugeera.”
Xoofoo Dheekkamsa Waaqayyoo
17Yaa Yerusaalem, ati kan harka Waaqayyoo irraa,xoofoo dheekkamsa isaa keessaa dhugde,
ati kan xoofoo dhugaatii nama gatantarsuu keessaa
siicoo isaa xuruurfattee dhugde,
dammaqi, dammaqi! Ol kaʼi.
18Ilmaan isheen deesse hunda keessaa,
kan ishee qajeelchu tokko iyyuu hin turre;
ilmaan isheen guddifte hunda keessaas,
kan harka ishee qabu tokko iyyuu hin turre.
19Balaawwan kunneen dachaadhaan sitti dhufaniiru;
egaa eenyutu si jajjabeessuu dandaʼa?
Diigamnii fi badiisni, beellii fi goraadeen sitti dhufaniiru;
eegaa eenyutu si jajjabeessuu dandaʼa?
20Ijoolleen kee gaggabaniiru;
akkuma borofa kiyyoon qabame tokkoo,
roga karaa irra ciciisu.
Isaan dheekkamsa Waaqayyootiin,
ifata Waaqa keetiinis guutamaniiru.
21Kanaafuu yaa ishee miidhamte,
kan utuu daadhii wayinii hin dhugin machoofte, waan kana dhagaʼi.
22 Waaqayyo Gooftaan kee,
Waaqni kee inni saba isaa eegu akkana jedha:
“Kunoo ani xoofoo dhugaatii nama gatantarsu
harka keetii fuudheera;
ati siʼachi xoofoo dheekkamsa koo
keessaa deebitee hin dhugdu.
23Anis xoofoo sana harka warra si dhiphisan
kanneen, ‘Akka nu sirra yaanuuf, lafa irra diriirfami’
siin jedhan sanaa keessa nan kaaʼa.
Ati immoo dugda kee akkuma lafaa,
akkuma daandii namni irra deemuu goote.”
Copyright information for
GazHAHl