‏ Isaiah 52

1Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi;
jabina kee uffadhu!
Yaa Yerusaalem, yaa magaalaa qulqullittii,
wayyaa kee miidhagaa sana uffadhu.
Namoonni dhagna hin qabaminii fi
xuraaʼonni lammaffaa sitti hin seenan.
2Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa dhadhaʼadhu;
kaʼiitii teessoo irra taaʼi.
Yaa intala Xiyoon boojiʼamtittii,
foncaa morma keetii of irraa hiiki.

3 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Isin gatii malee gurguramtanii turtan;
amma immoo maallaqa malee furamtan.”

4 Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “Jalqabatti sabni koo jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe;
ergasii Asoor sababii malee isaan cunqurse.

5“Yoos ani amma maalan asii qaba?” jedha Waaqayyo. “Sabni koo sababii malee fudhatameera;
warri isaan bulchanis ni qoosu” jedha Waaqayyo.
“Guyyaa guutuus,
maqaan koo ittuma fufee arrabsama.
6Kanaafuu sabni koo maqaa koo ni beeka;
kanaafuu isaan gaafas kan duraan dursee waan sana dubbate
akka ana taʼe ni beeku.
Eeyyee, inni anuma.”

7Miilli warra wangeela fidanii,
kan nagaa labsanii,
kan oduu gammachiisaa fidanii,
kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin,
“Waaqni kee moʼeera!” jedhanii
tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!
8Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru;
isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu.
Yeroo Waaqayyo Xiyoonitti deebiʼutti,
isaan ijuma isaaniitiin ni argu.
9Yaa diigamtoota Yerusaalem
tokkummaadhaan faarfannaa gammachuu faarfadhaa;
Waaqayyo uummata isaa jajjabeessee
Yerusaaleminis fureeraa.
10 Waaqayyo fuula saboota hundaa duratti,
irree isaa qulqulluu sana ni mulʼisa;
handaarri lafaa hundis
fayyisuu Waaqa keenyaa ni argu.

11Isin warri miʼa Waaqayyoo baattan, addaan baʼaa;
addaan baʼaa; achii fagaadhaa!
Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa!
Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa.
12Isin garuu ariitiidhaan achii hin baatan;
yookaan baqattanii hin deemtan;
Waaqayyo fuula keessan dura deemaatii;
Waaqni Israaʼel dugda duubaan isin eega.

Dhiphinaa fi Ulfina Garbicha Sanaa

13Kunoo, garbichi koo ogummaadhaan hojjeta;
inni ni kabajama; ol kaafama; ulfina guddaas ni argata.
14Namoonni baayʼeen waaʼee isaa hamma naʼanitti,
fuulli isaa nama hundumaa caalaa golgolaaʼeera;
bifti isaas nama hundumaa caalaa badeera;
15akkasiinis inni saboota hedduu dinqisiifachiisa;
mootonni sababii isaatiif afaan isaanii qabatu.
Isaan waan isaanitti hin himamin arguutii;
waan hin dhagaʼinis ni hubatu.
Copyright information for GazHAHl