‏ Isaiah 56

Fayyina Warra Kaaniif Kenname

1 Waaqayyo akkana jedha: Sababii fayyisuun koo dhiʼaatee fi
qajeelummaan koo dafee mulʼatuuf,
“Murtii qajeelaa eegaa;
waan qajeelaas hojjedhaa.
2Namni waan kana hojjetu,
kan waan kanattis cimu,
kan Sanbata utuu hin xureessin

eeguu fi waan hamaa kam iyyuu
hojjechuu irraa harka isaa eeggatu eebbifamaa dha.”

3Alagaan Waaqayyotti cichee tokko,
Waaqayyo dhugumaan

saba isaa irraa addaan na baasa” hin jedhin.
Xuʼaashiin kam iyyuus,
“Ani mukuma gogaadha” ofiin hin jedhin.

4 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Xuʼaashiiwwan Sanbatoota koo eegan,
kanneen waan na gammachiisu
filatanii fi kakuu koo jabeessanii eeganiif,
5ani mana qulqullummaa kootii fi
dallaa isaa keessatti yaadannoo fi maqaa
ilmaanii fi intallan caalu tokko nan kennaaf;
ani maqaa bara baraa
kan hin haqamne isaaniif nan kenna.
6Alagoota isa tajaajiluuf,
maqaa Waaqayyoo jaallachuuf,
isa waaqeffachuuf
Waaqayyotti cichan
kanneen Sanbata utuu hin xureessin eeganii fi
kakuu koos cimsanii eegan hunda,
7ani gara tulluu koo qulqulluutti isaan nan fida;
mana kadhannaa koo keessattis gammachuu isaaniif nan kenna.
Aarsaan isaanii kan gubamuu fi qalmi,
iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argata;
manni koo saboota hundaaf,
mana sagadaa jedhamee waamamaatii.”
8 Waaqayyo Gooftaan,
inni Israaʼeloota bittinnaaʼan walitti qabu sun akkana jedha:
“Ani warra duraan walitti qabaman biratti,
warra kaanis gara isaaniitti walitti nan qaba.”

Waaqni Dura Buʼoota Israaʼel himate

9Bineensonni dirree hundi,
bineensonni bosonaa hundis kottaatii itti gaggabaa nyaadhaa!
10Eegdonni Israaʼel jaamota,
isaan hundi beekumsa hin qaban;
hundi isaanii saroota duudaa dha;
dutuus hin dandaʼan;
isaan ciisanii abjootu;
rafuus ni jaallatu.
11Isaan saroota albaadheyyii dha;
nyaataniis hin quufan.
Isaan tiksoota hubannaa hin qabnee dha;
hundi isaanii daandii ofii isaanii irra deemu;
tokkoon tokkoon isaanii faayidaa ofii isaanii barbaadu.
12Tokkoon tokkoon isaanii akkana jedhu;

“Kottaa daadhii wayinii dhugnaa!
Kottaa dhugaatii cimaa dhugnee quufnaa!
Guyyaan borii akkuma harʼaa taʼa;
yookaan caaluu iyyuu ni dandaʼa.”
Copyright information for GazHAHl