‏ Isaiah 57

1Namni qajeelaan ni duʼa;
kan waan kana yaadatti qabatu tokko iyyuu hin jiru;
warri Waaqaaf of kennan ni fudhatamu;
akka qajeeltonni
waan hamaa jalaa baraaramuuf fudhataman
namni tokko iyyuu hin hubatu.
2Namni qajeelummaadhaan jiraatu,
gara nagaa seena;
isaan siree isaanii irra boqotu.

3“Isin garuu yaa ilmaan falfaltittii,
isin sanyiin ejjituutii fi sagaagaltuu as kottaa!
4Isin eenyutti qoostu?
Eenyutti afaan banattu?
Eenyuttis arraba baaftu?
Isin ilmaan finciltootaa,
sanyii sobdootaa mitii?
5Isin mukkeen qilxuu gidduutti,
mukkeen dagaagan hunda jalatti hawwii hamaadhaan gubattan;
sululoota keessatti,
holqa kattaa keessattis ijoollee keessan qaltan.
6Dhagaawwan cululuqoon sulula keessaa qooda kee ti;
dhugumaan carraan kee isaanuma.
Ati dhibaayyuu isaaniif dhangalaafte;
aarsaa midhaanii isaaniif dhiʼeessiteerta.
Ani wantoota kanneen calʼisee nan ilaalaa?
7Ati siree kee tulluu guddaa fi ol dheeraa irra dhaabbatteerta;
aarsaa kee dhiʼeeffachuufis achi ol baate.
8Ati cufaa keetii fi michichila cufaa keetii duubaan,
yaadannoo kee fannifatteerta.
Ana dhiiftee siree kee saaqqatte;
yaabdees balʼiftee banattee keessa seente;
ati warra siree isaanii jaallatte
wajjin walii galte sana qullaa isaanii ilaalte.
9Ati zayitii ejersaa fudhattee gara Moolek dhaqxe;
shittoo kee illee ni baayʼifatte.
Ergamoota kee biyya fagootti ergite;
siiʼoolittis gad ergite!
10Dheerina karaa keetiitiin dadhabdee turte;
ati garuu, ‘Wanni kun faayidaa hin qabu’ hin jenne.
Jabina haaromfame argatte;
kanaafuu ati hin dadhabne.

11“Ati akka na sobduuf
akka na hin yaadanneef,
yookaan akka waan kana garaatti hin qabanneef,
eenyuun sodaattee akkas naate?
Ati sababii ani yeroo dheeraa calʼiseef,
na sodaachuu dhiifte mitii?
12Ani qajeelummaa keetii fi hojii kee ifatti nan baasa;
isaan garuu si hin fayyadan.
13Yeroo ati gargaarsaaf iyyitutti,
mee waaqonni tolfamoon ati walitti qabatte sun si haa baasan!
Bubbeen hunda isaanii fudhatee bada;
hafuurri baafatan iyyuu afuufee isaan balleessa.
Namni daʼannoo isaa ana godhatu garuu

biyyattii ni dhaala;
tulluu koo qulqulluu sana illee ni dhuunfata.”

Abdii Warra Gad Qabamaniif Kenname

14Akkanas ni jedhama: “Tolchaa; tolchaa; daandii qopheessaa!
Karaa saba kootii irraa gufuuwwan bubuqqisaa.”
15Inni guddaanii fi ol ol jedhe,
kan bara baraan jiraatuu fi

kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha:
“Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha;
hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf,
garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi
kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.
16Ani bara baraan namatti hin falmu;
yookaan yeroo hunda hin dheekkamu;
yoo akkas taʼe hafuurri namaa,
hafuurri namni ani uume baafatu ni citaatii.
17Ani dharraa isaa kan cubbuun guutame sanattan dheekkame;
isa adabees aariidhaan fuula koo isa duraa nan dhokfadhe;
inni garuu karuma fedhii isaatiin itti fufe.
18Ani karaa isaa argeera; garuu isa nan fayyisa;
ani isa nan qajeelcha; deebisees nan jajjabeessa;
19arraba boossuuwwan Israaʼel keessa jiraatanii irrattis

galata nan uuma.
Warra fagoo jiraataniif nagaan, warra dhiʼoo jiraataniifis nagaan haa taʼu.
Anis isaan nan fayyisa” jedha Waaqayyo.
20Namoonni hamoon garuu akkuma galaana olii gadi daddarbatamu,
kan boqochuu hin dandeenye,
kan dambaliin isaa laaqii fi dhoqqee tufuu ti.
21“Namoota hamoof nagaan hin jiru” jedha Waaqni koo.
Copyright information for GazHAHl