‏ Isaiah 61

Bara Tola Waaqayyoo

1Sababii Waaqayyo akka ani
hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef,
Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira.
Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf,
akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa,
warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;
2akka ani bara tola Waaqayyootii fi
guyyaa haaloo baʼuu Waaqa keenyaa labsuuf,
akka ani warra booʼan hunda jajjabeessuuf,
3akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee,
qooda daaraa miidhagina,
qooda booʼichaa, zayitii gammachuu,
qooda abdii kutachuu immoo,
wayyaa galataa kennuuf na erge.
Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu Waaqayyo,
kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman.

4Isaan waan dur diigame deebisanii ijaaru;
iddoowwan bara dheeraan dura onanii turanis

akka duraatti deebisu;
magaalaawwan diigaman,
kanneen dhaloota hedduun dura onanii turan ni haaromsu.
5Alagoonni bushaayee keessan ni tiksu;
ormoonnis lafa qotiisaa fi

iddoo dhaabaa wayinii keessanii keessa ni hojjetu.
6Isin luboota Waaqayyoo jedhamtanii ni waamamtu;
tajaajiltoota Waaqa keenyaa jedhamtaniis ni moggaafamtu.
Isin qabeenya sabootaa ni nyaattu;
badhaadhummaa isaaniitiin illee ni boontu.

7Qooda qaanii keessanii hiree dachaa ni argattu;
qooda salphinaa isin dhaala keessanitti ni gammaddu;
kanaafuu isin biyya keessan keessatti hiree dachaa ni dhaaltu;
gammachuun bara baraas kan keessan.

8“Ani Waaqayyo murtii qajeelaa nan jaalladhaatii;
saamichaa fi yakka nan jibba.
Ani amanamummaa kootiin isaan nan badhaasa;
kakuu bara baraas isaan wajjin nan gala.
9Sanyiin isaanii saboota gidduutti,
ijoolleen isaanii immoo uummata gidduutti ni beekamu.
Warri isaan argan hundi,
akka isaan saba Waaqayyo eebbise taʼan ni beeku.”

10Ani Waaqayyo itti guddaa nan gammada;
lubbuun koos akka malee Waaqa kootti gammaddi.
Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu,
misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana,
wayyaa fayyinaa natti uffiseera
uffata qajeelummaa narra buuseeraatii.
11Akkuma lafti biqiltuu biqilchitee
iddoon biqiltuu immoo akka sanyiin guddattu godhu sana
Waaqayyo Gooftaan akka qajeelummaa fi
galanni fuula saboota hundaa duratti biqilan ni godha.
Copyright information for GazHAHl