‏ Isaiah 64

1Akka tulluuwwan fuula kee duratti raafamaniif,
maaloo ati utuu samiiwwan tarsaaftee gad buutee!
2Akkuma ibiddi hanxaxii gubee, bishaan danfisu sana,
akka maqaan kee diinota kee biratti beekamuuf
gad buʼiitii akka saboonni fuula kee
duratti hollatan godhi!
3Ati yeroo waan sodaachisaa nu hin yaadin hojjettetti gad buute;
tulluuwwanis fuula kee duratti hollatan.
4Si malee Waaqa warra isa abdataniif dhaabatu,
bara duriitii jalqabee namni tokko iyyuu hin dhageenye;
yookaan gurri tokko iyyuu hin qalbeeffanne;
iji tokko iyyuu hin argine.
5Ati warra gammachuudhaan waan tolaa hojjetan
kanneen karaa kee yaadatan gargaaruuf ni dhufta.
Garuu yommuu nu ittuma fufnee
cubbuu hojjennetti ati ni dheekkamte.
Yoos nu akkamitti fayyuu dandeenya ree?
6Hundi keenya akka nama qulqullina hin qabnee taaneerra;
hojiin qajeelummaa keenyaa hundis akka huccuu xuraaʼummaa ti;
hundi keenya akkuma baalaa coollagne;
cubbuun keenyas akkuma bubbee haxaaʼee nu fudhate.
7Namni maqaa kee waammatu tokko iyyuu hin jiru;
yookaan namni si qabachuuf carraaqu hin jiru;
ati fuula kee nu dhokfattee
sababii cubbuu keenyaatiifis nu fixxeertaatii.

8Taʼus yaa Waaqayyo, ati Abbaa keenya.
Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti;
hundi keenya hojii harka keetii ti.
9Yaa Waaqayyo, ati akka malee hin dheekkamin;
cubbuu keenyas bara baraan hin yaadatin.
Maaloo si kadhannaa, fuula kee nuuf deebisi;
nu hundinuu saba keetii.
10Magaalaawwan kee qulqulloonni onaniiru;
Xiyoon iyyuu onteerti; Yerusaalemis duwwaa hafteerti.
11Manni qulqullummaa keenya qulqullichii fi ulfina qabeessi,
iddoon abbootiin keenya itti si galateeffatan sun ibiddaan gubameera;
wanni nu itti gammannu hundis barbadeeffameera.
12Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen hunda

calʼuma jettee ilaaltaa?
Ati calʼistee akka malee nu adabdaa?
Copyright information for GazHAHl