Isaiah 9
Mucaan Nuuf Dhalateera
1Warri rakkina guddaa keessa turan garuu siʼachi gadda keessa hin jiraatan. Inni duraan biyya Zebuuloonii fi biyya Niftaalem gad deebise; gara fuulduraatti garuu Galiilaa Namoota Ormaa kan Yordaanosiin gama, qarqara Daandii Galaanaa irra jiran sana ni kabaja. 2Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa argeera;warra biyya dukkana limixii keessa jiraataniifis ifni baʼeera.
3Ati saba baayʼiftee
gammachuu isaanii illee guddifteerta;
isaan akkuma uummanni yeroo
midhaan haamamutti gammadu sana,
akkuma namoonni yeroo boojuu qooddatanitti
gammadan sana fuula kee duratti ni ililchu.
4Ati akkuma bara Midiyaanin moʼatame sanaa,
waanjoo isaanitti ulfaate
somaa gatiittii isaanii irraa
ulee cunqursaa isaanii illee caccabsiteerta.
5Kopheen loltuun ittiin duulte hundi,
uffanni dhiiga keessa cuuphame hundi
ibiddaan gubama;
qoraan ibiddaas taʼa.
6Mucaan nuuf dhalateera;
ilmi nuuf kennameera;
mootummaan gatiittii isaa irra jiraata.
Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa,
Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa
jedhamee ni waamama.
7Babalʼinni mootummaa isaatii fi
nagaan isaa dhuma hin qabu.
Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan
hundeessee jabeessee dhaabuudhaan
yeroo sanaa jalqabee bara baraan
teessoo Daawit irra taaʼee mootummaa isaa bulcha.
Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuus
waan kana ni raawwata.
Waaqayyo Israaʼelitti Dheekkame
8Gooftaan dhaamsa tokko Yaaqoobitti ergeera;kunis Israaʼel irra buʼa.
9Uummanni hundi,
Efreemii fi jiraattonni Samaariyaa waan kana ni beeku;
isaanis of tuuluu fi garaa of jajuun akkana jedhu;
10“Xuubiiwwan diigamaniiru;
nu garuu dhagaa soofameen deebisnee ijaarra;
mukkeen harbuu murmuramaniiru;
nu garuu birbirsa iddoo buusna.”
11Kanaafuu Waaqayyo amajaajota Reziin isaanitti jabeesse;
diinota isaanii illee isaanitti kakaase.
12Warri Sooriyaa gama baʼaatiin, Filisxeemonni immoo gama lixaatiin
afaan banatanii Israaʼelin liqimsan.
Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;
harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
13Sabni sun garuu gara isa isaan dhaʼe sanaatti hin deebine
yookaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu hin barbaaddanne.
14Kanaafuu Waaqayyo Israaʼel irraa mataa fi eegee kuta;
damee meexxiitii fi shambaqqoo guyyuma tokkoon balleessa;
15maanguddoonnii fi kabajamoonni mataa dha;
raajonni soba barsiisan immoo eegee dha.
16Namoonni saba kana qajeelchan isaan dogoggorsu;
warri isaaniin qajeelfamanis karaa irraa badu.
17Kanaafuu Gooftaan dargaggootatti hin gammadu
yookaan ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif hin naʼu;
namni hundinuu kan Waaqa hin sodaannee fi hamaadhaatii;
afaan hundinuus hamaa dubbata.
Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;
harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
18Hamminni dhugumaan akka ibiddaa bobaʼa;
inni sokorruu fi qoraattii illee gubee balleessa,
bosona gobbuus ni qabata;
akkuma aara ol baʼuuttis ol baʼa.
19Dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin lafti ni gubatti;
namoonnis qoraan ibiddaa taʼu;
namni kam iyyuu obboleessa isaa oolchuu hin dandaʼu.
20Karaa mirgaatiin ni butatu;
garuu beela hin baʼan;
karaa bitaatiin ni nyaatu;
garuu hin quufan.
Tokkoon tokkoon isaanii foon aantee isaa nyaata;
21Minaaseen Efreemin nyaata; Efreemis Minaasee nyaata;
isaan tokkummaadhaan Yihuudaatti garagalu.
Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;
harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
Copyright information for
GazHAHl