‏ James 1

Nagaa Gaafachuu

1Yaaqoob garbicha Waaqaatii fi kan Yesuus Kiristoos Gooftichaa irraa,

Gara gosoota kudha lamaan bibittinnaaʼaniitti:

Nagaan isiniif haa taʼu.

Qorumsaa fi Dhiibbaa

2Yaa obboloota ko, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼutti akka gammachuu guutuutti fudhadhaa; 3amantiin keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii. 4Akka isin bilchaatoo fi guutuu, warra hirʼina tokko iyyuu hin qabne taataniif obsi hojii isaa haa raawwatu. 5Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Waaqa utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama. 6Inni garuu yommuu kadhatu amantiin haa kadhatu; hin shakkinis; namni shakku akka dambalii galaanaa kan bubbeen dhaʼamee oofamuu ti. 7Namni sun waan tokko illee Gooftaa biraa nan argadha jedhee hin eeggatin; 8inni nama yaada lamaa ti; iddoo tokkos hin dhaabatu.

9Obboleessi gad qabame ol qabamuu isaatiin of haa jaju. 10Sooressi garuu gad qabamuu isaatti of haa jaju; inni akkuma daraaraa margaa ni harcaʼaatii. 11Aduun hoʼa gubuun baatee marga gogsitiitii; daraaraan biqiltuu sanaas ni harcaʼa; miidhaginni isaas ni bada. Sooressis utuma hojii isaatiif olii gad fiiguu bada.

12Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.

13Namni kam iyyuu yommuu qoramutti, “Waaqatu na qoraa jira” hin jedhin. Waaqni hamaadhaan hin qoramuutii; innis nama tokko illee hin qoru; 14tokkoon tokkoon namaa garuu yommuu hawwii ofii isaa hamaa sanaan harkifamee gowwoomfamutti qorama. 15Hawwiinis yommuu ulfooftetti cubbuu dhalti; cubbuun immoo yommuu guutumaan guutuutti guddattetti duʼa dhalti.

16Yaa obboloota koo jaallatamoo, hin dogoggorinaa. 17Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa. 18Innis akka nu uumama isaa hundumaaf gosa hangafa taanuuf akkuma fedhii isaatti dubbii dhugaatiin nu dhalche.

Dhagaʼuu fi Hojii Irra Oolchuu

19Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu; 20aariin namaa qajeelummaa Waaqaa hin hojjetuutii. 21Kanaaf xuraaʼummaa hundaa fi hammina isin keessa jiraatu hunda of irraa fageessaa; dubbii lubbuu keessan fayyisuu dandaʼu kan isin keessatti facaafame sana garraamummaan fudhadhaa.

22Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa. 23Namni dubbicha dhagaʼee hojii irra hin oolchine kam iyyuu nama of-ilaalee keessatti fuula isaa ilaallatu fakkaata; 24innis erga of ilaalee booddee ni deema; yommusuma maal akka fakkaatu ni irraanfata. 25Garuu namni seera bilisaa kan hirʼina hin qabne sana hubatee ilaalu, kan akka seera sanaattis jiraatu, kan waan dhagaʼes hojii irra oolchuu malee hin irraanfanne sun waan hojjetu keessatti ni eebbifama.

26Namni waan amantaa qabu of seʼu, kan garuu arraba isaa hin luugamanne yoo jiraate inni of gowwoomsa; amantaan isaas faayidaa hin qabu. 27Amantaan Waaqa Abbaa keenya duratti qulqulluu taʼee fi kan mudaa hin qabne isa kana: kunis ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi haadhota hiyyeessaa rakkina isaanii keessatti kunuunsuu fi xuraaʼummaa addunyaa irraa of eeggachuu dha.
Copyright information for GazHAHl