James 5
Sooreyyii Nama Cunqursaniif Akeekkachiisa Kennuu
1Isin yaa sooreyyii, sababii dhiphinni isinitti dhufuuf jiruutiif booʼaa; wawwaadhaas. 2Qabeenyi keessan tortoreera; biliinis uffata keessan nyaateera. 3Warqee fi meetiin keessan sameera. Dandaaʼuun isaaniis isinitti dhugaa baʼa; akkuma ibiddaattis foon keessan nyaata. Isin bara dhumaatiif qabeenya walitti qabattaniirtu. 4Kunoo, mindaan isin warra midhaan keessan haaman dhowwattan sun ni iyya. Iyyi warra midhaan keessan walitti qabaniis gurra Gooftaa Waan Hunda Dandaʼu sanaa seeneera. 5Isin qananii fi gammachuun lafa irra jiraattaniirtu. Guyyaa qalmaatiifis of gabbiftaniirtu. 6Nama qajeelaa isiniin hin morminetti murtanii ajjeeftu.Dhiphina Keessatti Obsa Qabaachuu
7Kanaafuu yaa obboloota, hamma dhufaatii Gooftaatti obsaa. Qonnaan bulaan tokko lafa irraa midhaan gaarii argachuuf hammam akka eeggatu, bokkaa duraatii fi kan dhumaa hamma argattuttis hammam akka obsu hubadhaa. 8Isinis akkasuma obsaa; jabaadhaa dhaabadhaas; dhufaatiin Gooftaa dhiʼaateeraatii. 9Yaa obboloota, akka isinitti hin muramneef walitti hin guunguminaa. Kunoo, Abbaan Murtii balbala dura dhaabateera. 10Yaa obboloota, raajota maqaa Gooftaatiin dubbachaa turan sana akka fakkeenya dhiphinaa fi obsaatti fudhadhaa. 11Kunoo, nu warra obsaan jabaattanii dhaabatan sanaan eebbifamoo jenna; Iyyoob obsuu isaa dhageessaniirtu; waan Gooftaan dhuma irratti isaaf godhes argitaniirtu. Gooftaan gara laafinaa fi araaraan kan guutamee dha. 12Hundumaa caalaa immoo yaa obboloota ko, hin kakatinaa; samiin yookaan lafaan yookaan waan biraa tokkoon illee hin kakatinaa. Wanni isin jechuu qabdan, “Eeyyee” yookaan “waawuu” haa taʼu. Yoo kanaa achii isinitti murama.Kadhannaa Amantii
13Isin keessaa namni dhiphachaa jiru jiraa? Inni haa kadhatu. Namni gammadu jiraa? Inni faarfannaa galataa haa faarfatu. 14Isin keessaa namni dhukkubsatu jiraa? Inni jaarsolii waldaa kiristaanaa haa waamsifatu; isaanis maqaa Gooftaatiin zayitii isa dibanii haa kadhataniif. 15Kadhannaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf. 16Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii walii kadhadhaa. Kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta. 17Eeliyaas namuma akka keenyaa ture. Innis akka bokkaan hin roobneef jabeessee kadhate; bokkaanis waggaa sadii fi jiʼa jaʼa lafa irratti hin roobne. 18Ammas deebiʼee kadhate; samiin bokkaa kenne; laftis midhaan baafte. 19Yaa obboloota ko, isin keessaa namni tokko yoo dhugaa irraa fagaate, namni biraa immoo yoo isa deebise, 20inni nama cubbamaa karaa jalʼaa irraa deebisu lubbuu namicha sanaa akka duʼa jalaa baasu, cubbuu baayʼees akka dhoksu haa beeku.
Copyright information for
GazHAHl