‏ Jeremiah 10

Waaqayyoo fi Waaqota Tolfamoo

10:12‑16 kwf – Erm 51:15‑19

1Yaa mana Israaʼel, waan Waaqayyo isiniin jedhu dhagaʼaa. 2Waaqayyo akkana jedha: “Isin karaa saboota ormaa hin baratinaa;
saboonni ormaa isaan sodaatan iyyuu
isin mallattoowwan samii hin sodaatinaa.
3Barteen uummattootaa faayidaa hin qabu;
isaan bosona keessaa muka muru;
ogeessi hojii harkaa immoo qottoodhaan bifa itti baasa.
4Isaanis meetii fi warqeedhaan miidhagsu;
akka inni hin sochooneef
burruusaa fi mismaaraan walitti qabsiisu.
5Waaqonni isaanii tolfamoon
akkuma fakkeettii ittiin waa sodaachisan
kan lafa qotiisaa buqqee keessaa sana dubbachuu hin dandaʼan;
isaan waan deemuu hin dandeenyeef baatamuu qabu.
Sababii isaan nama miidhuu
yookaan waan gaarii tokko iyyuu hojjechuu hin dandeenyeef
isaan hin sodaatinaa.”

6Yaa Waaqayyo kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru;
ati guddaa dha;
maqaan kees humna guddaa qaba.
7Yaa mootii sabootaa eenyutu si hin sodaanne?
Kun siif ni malaatii.
Ogeeyyii sabootaa hunda keessaa,
mootummoota isaanii hunda keessaas
kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru.

8Isaan hundinuu qalbii hin qaban; gowwootas;
isaan waaqota tolfamoo mukkeenii kanneen faayidaa hin qabneen qajeelfamu.
9Meetiin tumame Tarshiishii,
warqeen immoo Uufaazii fidama.
Wanni ogeessi hojii mukaatii fi tumtuun warqee hojjetan,
wanni hojjettoota ogummaa qabaniin hojjetaman hundi
halluu cuquliisaa fi diimaa dhiilgee uffifamaniiru.
10 Waaqayyo garuu Waaqa dhugaa ti;
inni Waaqa jiraataa, Mootii bara baraa ti.
Yeroo inni dheekkamutti lafti ni hollatti;
saboonnis dheekkamsa isaa dura dhaabachuu hin dandaʼan.

11“Isin waan kana isaanitti himaa; ‘Waaqonni samii fi lafa hin uumin kunneen lafa irraa fi samii jalaa ni barbadaaʼu.’ ” 12Waaqni garuu humna isaatiin lafa uume;
ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse;
hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse.
13Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu;
inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha.
Inni bokkaa wajjin balaqqee ni erga;
mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.

14Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha;
tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama.
Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti;
isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.
15Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti.
Yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
16Inni Qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti;
inni Uumaa waan hundumaa ti,
Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti;
maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.

Badiisa Dhufaa Jiru

17Ati kan marfamtee jirtu,
biyyattii keessaa baʼuuf qabeenya kee

walitti qabadhu.
18 Waaqayyo akkana jedhaatii;
“Kunoo, ani amma warra biyyattii keessa jiraatan
furguggisee nan baasa;
akka isaan dhiphataniifis
rakkina isaanitti nan fida.”

19Waan ani miidhameef anaaf wayyoo!
Madaan koo kan hin fayyinee dha!
Taʼus ani ofii kootiin,
“Kun dhukkuba koo ti; anis isa obsuun qaba” nan jedhe.
20Dunkaanni koo diigameera;
funyoon isaa hundis cicciteera.
Ilmaan koo na dhiisanii sokkaniiru;
isaan hin jiran; namni dunkaana naa dhaabu,
yookaan golgaa naa hidhu tokko iyyuu hin jiru.
21Tiksoonni qalbii hin qaban;
Waaqayyonis hin barbaaddatan;
kanaafuu isaan hin milkaaʼan;
bushaayeen isaanii hundinuus bittinnaaʼaniiru.
22Kunoo, oduun, raafamni guddaan tokko
biyya kaabaatii dhufaa jira!
Innis magaalaawwan Yihuudaa onsee
iddoo waangoonni jiraatan godha.

Kadhannaa Ermiyaas

23Yaa Waaqayyo, ani akka jireenyi namaa

kan mataa isaa hin taʼin nan beeka;
namni adeemsa isaa ofumaan qajeelfachuu dandaʼu hin jiru.
24Yaa Waaqayyo dheekkamsa keetiin utuu hin taʼin,
murtii qajeelaadhaan na sirreessi;
yoo kanaa achii ati na balleessitaatii.
25Saboota si hin beeknetti
uummata maqaa kee hin waammannetti
dheekkamsa kee dhangalaasi.
Isaan Yaaqoobin nyaataniiruutii;
guutumaan guutuuttis isa nyaatanii;
iddoo jireenya isaa illee barbadeessaniiru.
Copyright information for GazHAHl