‏ Jeremiah 12

Gungummii Ermiyaas

1Yaa Waaqayyo yommuu ani iyyata koo fuula kee duratti dhiʼeeffadhutti
ati yeroo hunda qajeelaa dha.
Taʼu iyyuu ani waaʼee qajeelummaa keetii nan dubbadha;
karaan jalʼootaa maaliif milkaaʼa?
Warri hin amanamne hundi maaliif nagaan jiraatu?
2Ati isaan dhaabde; isaanis hidda gad fageeffataniiru;
ni guddatu; ijas ni naqatu.
Ati yeroo hunda afaan isaaniitii hin buutu;
garaa isaanii irraa garuu fagoo jirta.
3Taʼus yaa Waaqayyo ati na beekta;
na ilaaltees yaada ani siif qabu ni qorta.
Akka hoolaa qalamuuf deemuutti

harkisii isaan geessi!
Guyyaa qalmaatiifis kophaatti isaan baasi!
4Biyyattiin hamma yoomiitti boossee
margi dirree hundis goga?
Sababii hammina warra biyyattii
keessa jiraataniitii fi sababii namoonni,
“Inni waan nurra gaʼaa jiru hin argu” jedhaniif
horii fi simbirroonni dhumaniiru.

Deebii Waaqayyoo

5“Ati namoota lafoo wajjin fiigdee erga
isaan si dadhabsiisanii,
fardeen wajjin akkamitti dorgomuu dandeessa ree?
Ati biyya nagaa keessatti erga gufatte,
bosona Yordaanos keessatti akkam taata ree?
6Obboloonni kee, maatiin abbaa keetii,
isaan iyyuu si gananiiru;
isaan sagalee ol fudhatanii sitti iyyu.
Yoo isaan afaan nagaa sitti dubbatan iyyuu,
ati isaan hin amanin.

7“Ani mana koo dhiiseera;
handhuuraa koos gateera;
ani ishee garaan koo jaallatu sana
harka diinota isheetti dabarsee kenneera.
8Handhuuraan koo
akkuma leenca bosonaa natti taateerti.
Isheen natti aadde;
kanaafuu ani ishee jibbeera.
9Handhuuraan koo akka allaattii burree
kan allaattiiwwan biraa marsanii miidhan
tokkoo natti hin taanee?
Dhaqaatii bineensota bosonaa hunda walitti qabaa;
akka ishee nyaataniifis isaan fidaa.
10Tiksoonni hedduun
iddoo dhaabaa wayinii kootii ni balleessu;
qooda koos ni dhidhiitu;
qooda natti tolus ni onsu.
11Isaan isa onsu;
inni onee gara kootti iyya;
namni dhimma isaa qabus
waan hin jirreef lafti guutuun onee hafa.
12Lafa ol kaʼaa qullaa gammoojjii
keessaa hunda irra balleessitoonni ni raamʼisu;
goraadeen Waaqayyoo

moggaa biyyattii tokko irraa
hamma moggaa kaaniitti ni fixaatii;
namni tokko iyyuu hin hafu.
13Isaan qamadii facaasu garuu qoraatii haammatu;
ni dhamaʼu garuu homaa hin argatan.
Sababii dheekkamsa Waaqayyoo isa cimaa sanaatiif
midhaan galfatanitti ni qaanaʼu.”

14 Waaqayyo akkana jedha; “Ani olloota koo hamoo kanneen handhuuraa ani saba koo Israaʼeliif kenne qabatan hunda biyya isaanii keessaa nan buqqisa; mana Yihuudaas isaan gidduudhaa nan buqqisa. 15Ani ergan isaan buqqisee booddee deebiʼee naʼeefii tokkoo tokkoo isaanii gara handhuuraa isaaniitii fi gara biyya ofii isaaniitti nan deebisa. 16Yoo isaan haala jireenya saba koo akka gaarii baratanii akkuma duraan saba koo Baʼaaliin kakachuu barsiisan sana, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jechuudhaan maqaa kootiin kakatan, isaan saba koo gidduutti ni hundeeffamu. 17Garuu yoo sabni kam iyyuu naa ajajamuu dide, ani guutumaan guutuutti isa nan buqqisa; nan balleessas” jedha Waaqayyo.
Copyright information for GazHAHl