Jeremiah 15
1Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yoo Musee fi Saamuʼeel fuula koo dura dhaabatan iyyuu garaan koo gara saba kanaatti hin deebiʼu. Fuula koo duraa isaan ariʼi! Isaan haa deeman! 2Yoo isaan, ‘Eessa dhaqna?’ jedhanii si gaafatan immoo akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Namni duʼaaf ramadame gara duʼaa,namni goraadeedhaaf ramadame gara goraadee,
namni beelaaf ramadame gara beelaa,
namni boojuudhaaf ramadame immoo gara boojuu dhaqa.’
3“Ani waan isaan balleessu gosa afur isaanitti nan erga” jedha Waaqayyo. “Akka isaan ajjeesuuf goraadee, akka isaan harkisaniif saroota, akka isaan nyaatanii fixaniif immoo allaattiiwwan samiitii fi bineensota lafaa isaanitti nan erga. 4Ani sababii Minaaseen ilmi Hisqiyaas mootichi Yihuudaa Yerusaalem keessatti hojjete waan sanaatiif fuula mootummoota lafa irraa hunda duratti jibbamtoota isaan nan godha. 5“Yaa Yerusaalem, eenyutu garaa siif laafa?
Eenyutu siif booʼa?
Eenyutu si dubbisuuf sitti gora?
6Ati na dhiifteerta;
ittuma fuftees duubatti deebiʼaa jirta”
jedha Waaqayyo.
“Kanaafuu ani harka koo sitti hiixadhee sin balleessa;
ani siʼachi siif naʼuu hin dandaʼu.
7Ani karrawwan magaalaa biyyattii duratti,
qorbiidhaan qilleensatti isaan nan kenna.
Ani saba kootti gaddaa fi badiisa nan fida;
isaan karaa isaanii irraa hin deebineetii.
8Ani haadhota hiyyeessaa isaanii
cirracha galaanaa caalaa nan baayʼisa.
Ani haadhota dargaggoota isaaniitti,
guyyuma saafaadhaan waan isaan balleessu tokko nan fida;
ani goolii fi naasuu
akkuma tasaa isaanitti nan gadhiisa.
9Haati ilmaan torbaa gaggabdee
hafuura dhumaa baafatti.
Aduun ishee guyyuma adiidhaan dhiiti;
isheenis salphattee namaa gad taati.
Ani hambaawwan isaanii fuula diinota isaanii duratti
goraadeef dabarsee nan kenna”
jedha Waaqayyo.
10Wayyoo yaa haadha ko,
kan ana nama biyyattii guutuu loluu fi falmu deesse?
Ani hin liqeessine yookaan hin liqeeffanne;
namni hundi garuu na abaara.
11 Waaqayyo akkana jedhe; “Ani dhugumaan kaayyoo gaariidhaaf sin baraara;
Ani dhugumaan yeroo rakkinaatii fi gidiraatti,
akka diinonni kee si kadhatan nan godha.
12“Namni kam iyyuu sibiila,
sibiila kaabaa dhufe yookaan naasii cabsuu ni dandaʼaa?
13“Sababii cubbuu kee hunda
kan biyya kee guutuu keessa jiru sanaatiif
ani badhaadhummaa keetii fi
qabeenya kee toluma boojuuf nan kenna.
14Sababii dheekkamsi koo
ibidda ishee gubu qabsiisuuf,
ani biyya ati hin beekne keessatti
diinota keetiif sin garboomsa.”
15Yaa Waaqayyo situ beeka;
na yaadadhu; na tiksis.
Warra na ariʼatan haaloo naaf baʼi.
Ati obsa guddaa qabdaatii na hin balleessin;
akka ani siif jedhee tuffatamu beeki.
16Dubbiin kee ni argame; anis nan nyaadhe;
innis na gammachiise; gammachuu garaa kootiis taʼe;
yaa Waaqayyo, Gooftaa Waan Hunda Dandeessu,
ani maqaa keetiin nan waamamaatii.
17Ani gonkumaa tuuta fandalaltootaa wajjin hin teenye;
gonkumaa isaan wajjin hin gammanne;
sababii harki kee narra turee fi
sababii ati aariidhaan na guutteef ani kophaa koo nan taaʼe.
18Rakkinni koo maaliif dhuma dhabe?
Madaan koos maaliif fayyuu dide?
Ati akka laga nama gowwoomsuu
akka burqaa goguus natti taataa?
19Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Yoo ati qalbii jijjiirratte,
ani akka ati na tajaajiltuuf deebisee sin dhaaba;
Ati yoo dubbii faayidaa hin qabne
dhiiftee dubbii faayidaa qabu dubbatte afaan naaf taata.
Sabni kun gara keetti haa deebiʼuu malee
ati gara isaaniitti deebiʼuu hin qabdu.
20Ani saba kanaaf dallaa dhagaa,
dallaa naasii kan jabeeffamee ijaarame sin taasisa;
isaan si lolu;
garuu si hin moʼatan;
ani si baraaruu fi si baasuuf si wajjin jiraatii”
jedha Waaqayyo.
21“Ani harka namoota hamoo jalaa sin baasa;
harka warra gara jabeeyyii jalaas sin fura.”
Copyright information for
GazHAHl