Jeremiah 2
Israaʼel Waaqa Gante
1Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe; 2“Dhaqiitii gurra Yerusaalemiitti akkana jedhii labsi:“Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Ani amanamummaa kee kan yeroo dargaggummaa,akka ati akkuma misirrittiitti na jaallattee
lafa gammoojjii keessa,
lafa midhaan itti hin facaafamin keessa na duukaa buute nan yaadadha.
3Israaʼel kan Waaqayyoof qulqulloofte sun,
mataa midhaan isaa turte;
warri ishee nyaatan hundis
akka nama yakka hojjeteetti ilaalamu ture;
badiisnis isaanitti dhufe’ ” jedha Waaqayyo.
4Yaa mana Yaaqoob,
isin maatiiwwan mana Israaʼel hundinuus dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
5 Waaqayyo akkana jedha: “Abbootiin keessan kan akkas narraa fagaatan
balleessaa maalii narratti arganiitii?
Isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne faana buʼanii
isaanumtuu warra faayidaa hin qabne taʼan.
6Isaanis, ‘Waaqayyo inni Gibxii nu baasee,
gammoojjii homtuu keessa hin jirre keessaan,
lafa gammoojjii fi dhooqaa keessaan
lafa hongee fi dukkanaa,
biyya namni tokko iyyuu keessa hin dabarree fi
keessa hin jiraanne keessaan dabarsee
nu fide sun eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne.
7Ani akka isin ija ishee nyaattanii midhaan isheetti gammaddaniif
gara lafa gabbataatti isin fideera.
Isin garuu dhuftanii biyya koo xureessitan;
handhuuraa koos akka jibbamu gootan.
8Luboonnis, ‘Waaqayyo eessa jira?’
jedhanii hin gaafanne.
Warri seera wajjin oolanis na hin beekne;
bulchitoonni natti fincilan;
raajonnis waaqota faayidaa hin qabne duukaa buʼanii
maqaa Baʼaaliin raajii dubbatan.
9“Kanaafuu ani amma iyyuu isin wajjin falmii qaba”
jedha Waaqayyo.
“Ijoollee ijoollee keessanii wajjinis falmii nan qabaadha.
10Mee gara qarqara Kitiimitti ceʼaatii ilaalaa;
gara Qeedaarittis nama ergaatii qalbiidhaan qoradhaa;
yoo duraan wanni akkasii taʼee jiraates ilaalaa.
11Yoo isaan waaqota taʼuu baatan iyyuu
sabni tokko takkumaa waaqota isaa geeddaree beekaa?
Uummanni koo garuu
ulfina isaa waaqota tolfamoo faayidaa hin qabneen geeddareera.
12Yaa samiiwwan, waan kana dinqifadhaa;
naasuu guddaadhaanis holladhaa”
jedha Waaqayyo.
13“Uummanni koo cubbuu lama hojjete:
Isaan ana burqaa bishaan jireenyaa dhiisanii
boolla bishaanii ofii isaanii,
boolla bishaanii baqaqaa
bishaan qabachuu hin dandeenye qotataniiru.
14Israaʼel garbaa? Inni garbicha manatti dhalatee?
Yoos inni maaliif boojiʼame ree?
15Leenconni aadaniiru;
isattis gururiʼaniiru.
Isaan biyya isaa onsaniiru;
magaalaawwan isaas gubamanii duwwaa hafaniiru.
16Akkasumas namoonni Memfiisii fi
Tahiphaanhees mataa kee buruqsaniiru.
17Ati yeroo inni karaa irra si qajeelchetti,
Waaqayyoon Waaqa kee dhiisuudhaan
waan kana ofitti fiddeerta mitii?
18Egaa ati maaliif Shihoorii bishaan dhuguuf jettee
biyya Gibxi dhaqxa?
Maaliifis bishaan laga Efraaxiis
dhuguuf jettee Asoor dhaqxa?
19Hamminni kee si adaba;
duubatti deebiʼuun kees si ifata.
Ati Waaqayyoon Waaqa kee dhiiftee
na sodaachuu diduun kee
hammam hamaa fi hadhaaʼaa akka sitti taʼe ilaalii hubadhu”
jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
20“Ani bara dheeraan dura waanjoo kee sirraa cabseera;
hidhaa kees sirraa kukkuteera.
Ati garuu, ‘Ani si hin tajaajilu’ jette!
Ati garuu akkuma sagaagaltuu tokkootti
tulluuwwan dhedheeroo hunda irraa fi
mukkeen lalisoo hunda jala ciifte.
21Ani garuu muka wayinii filatamaa,
kan sanyiin isaa guutumaan guutuutti qulqulluu taʼe godhee si dhaabbadheen ture.
Yoos ati akkamitti wayinii diidaa
taatee natti geeddaramte ree?
22Ati yoo daaraadhaan dhiqattee
saamunaa hedduutti fayyadamte iyyuu,
xuriin yakka keetii amma illee fuula koo dura jira”
jedha Waaqayyo Gooftaan.
23“Ati akkamitti, ‘Ani hin xuroofne;
Baʼaal duukaas hin buune’ jechuu dandeessa?
Waan sulula keessatti taʼaa turte yaadadhu;
waan hojjechaa turtes qalbeeffadhu.
Ati gaala dhalaa asii fi
achi fiigduu dha;
24harree diidaa kan gammoojjii barattee
fedhii kormaatiin qilleensa suufattu tokko,
maaltu fedhii ishee irraa ishee deebisuu dandaʼa?
Kormi ishee barbaadu kam iyyuu ishee argachuuf hin rakkatu;
inni yeroo gaanaatti ishee argata.
25Miilla kee kophee malee deemuu irraa,
laagaa kee immoo dheebuu irraa eeggadhu.
Ati garuu, ‘Kun waan abdii hin qabnee dha!
Ani waaqota ormaa nan jaalladha;
isaan faanas nan buʼa’ jette.
26“Akkuma hattuun yeroo qabamtu salphifamtu sana
manni Israaʼel ni salphifama;
isaan, mootonni isaaniitii fi qondaaltonni isaanii,
luboonni isaaniitii fi raajonni isaanii ni salphifamu.
27Isaan mukaan, ‘Ati abbaa koo ti,’
dhagaadhaan immoo, ‘Situ na dhale’ jedhu.
Isaan dugda isaanii malee
fuula isaanii natti hin deebifanneetii;
taʼus isaan yeroo rakkatanitti,
‘Kottuu nu baasi!’ jedhu.
28Waaqonni ati ofiif tolfatte sun eessa jiru?
Isaan yoo si baasuu dandaʼan
mee yeroo ati rakkina keessa jirtutti haa dhufan!
Yaa Yihuudaa, ati akkuma magaalaa hedduu qabdu sana
waaqota hedduu qabdaatii.
29“Isin maaliif na himattu?
Isin hundinuu natti finciltaniirtu”
jedha Waaqayyo.
30“Ani akkasumaanan ijoollee keessan adabe;
isaan sirreeffama fudhachuu didan.
Goraadeen keessan akkuma
leenca beelaʼe tokkootti raajota keessan fixxe.
31“Isin dhaloonni ammaa dubbii Waaqayyoo qalbeeffadhaa: “Ani Israaʼeliif gammoojjii
yookaan biyya dukkana hamaan turee?
Sabni koo maaliif, ‘Nu asii fi achi jooruu ni dandeenya;
siʼachi gara kee hin dhufnu’ jedha?
32Durbi tokko faaya ishee,
misirrittiin tokko immoo miʼa ittiin heerumtu ni irraanfattii?
Sabni koo garuu,
guyyaa hamma hin qabne na irraanfateera.
33Ati jaalala adamsuutti akkam ogeettii dha!
Dubartoota akka malee hamoo taʼan iyyuu amala kee barsiifteerta.
34Ati utuu isaan cabsanii seenanuu isaan qabuu baattu iyyuu,
dhiigni hiyyeeyyii balleessaa hin qabnee
wayyaa kee irratti ni argama.
Utuma wanni kun hundi taʼee jiruu
35ati, ‘Ani balleessaa hin qabu;
inni natti hin dheekkamu’ jetta.
Ani garuu sababii ati, ‘Ani cubbuu
hin hojjenne’ jettuuf, sitti nan mura.
36Ati maaliif karaa kee geeddaruudhaan,
asii fi achi deemuu baayʼifta?
Akkuma Asoor si qaanessite sana
Gibxis si qaanessiti.
37Ati mataa kee qabattee,
iddoo sanaa baata;
Waaqayyo warra ati itti irkatte tuffateeraatii;
ati isaaniin hin milkooftu.
Copyright information for
GazHAHl