‏ Jeremiah 20

Ermiyaasii fi Phaashihuur

1Phaashihuur lubichi, ilmi Imeerii inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti bulchaa hangafa ture sun yommuu Ermiyaasii waan kana raaju dhagaʼetti, 2akka Ermiyaas raajichi tumamee Karra Beniyaam isa ol aanu kan mana Waaqayyoo biratti argamu sana keessatti miilli isaa jirma lama gidduu galee hidhamu godhe. 3Ermiyaasis guyyaa itti aanu yeroo Phaashihuur jirma lamaan gidduudhaa isa baasetti akkana jedheen; “Maqaan Waaqayyo siif baase Maagormiisaabiib malee Phaashihuur miti. 4Waaqayyo akkana jedhaatii; ‘Ani akka ati ofii keetii fi michoota keetti sodaachisaa taatu sin godha; yeroo isaan goraadee diinota isaaniitiin dhuman ijuma keetiin argita. Ani Yihuudaa hunda dabarsee mootii Baabiloniitti nan kenna; innis Baabilonitti isaan geessa yookaan goraadeedhaan isaan fixa. 5Ani qabeenya magaalaa kanaa hunda jechuunis oomisha ishee hunda, waan gatii guddaa qabu hundaa fi badhaadhummaa mootota Yihuudaa hunda dabarsee diinota isaaniitti nan kenna. Isaanis boojiʼanii fudhatanii Baabilonitti isaan geessan. 6Yaa Phaashihuur ati, warri mana kee jiraatan hundis boojiʼamtanii Baabilonitti geeffamtu. Atii fi michoota kee warri ati raajii sobaa dubbatteef hundi achitti duutanii awwaalamtu.’ ”

Gungummii Ermiyaas

7Yaa Waaqayyo, ati na gowwoomsite;

anis nan gowwoomfame;
ati humnaan na caaltee na moʼatte.
Ani guyyaa guutuu waan kolfaa nan taʼe;
namni hundis natti qoosa.
8Ani yeroon dubbadhu hunda nan iyya;
“Goolii, badiisa” jedhees nan labsa.
Kanaafuu dubbiin Waaqayyo
guyyaa guutuu arrabsoo fi tuffii natti fide.
9Garuu yoo ani, “Ani maqaa isaa hin dhaʼu
yookaan siʼachi maqaa isaatiin hin dubbadhu” jedhe,
dubbiin isaa onnee koo keessatti akka ibiddaa,
akkuma ibidda lafee koo keessatti ukkaamsameera.
Ani of keessatti isa qabachuu nan dadhabe;
dhuguma iyyuu ani hin dandaʼu.
10Ani hasaasa, “Karaa hundaan sodaa!
Isa balaaleffadhaa! Isa haa balaaleffannu!”
jedhu hedduu nan dhagaʼa.
Michoonni koo hundi,
“Inni ni gowwoomfama taʼa;
nus ergasii isa ni moʼanna;
haaloo keenya illee ni baafanna” jechaa
kufaatii koo eeggatu.

11 Waaqayyo garuu akkuma goota humna qabeessa tokkootti

na wajjin jira;
kanaafuu warri na adamsan ni gufatu malee hin moʼatan.
Isaan baayʼee qaaneffaman; hin milkaaʼaniitii;
salphinni isaanii gonkumaa hin irraanfatamu.
12Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu,
kan nama qajeelaa qortu,
kan garaa fi yaada namaa keessa argitu,
ani falmii koo sitti kennadheeraatii
ati yeroo isaanitti haaloo baatu na argisiisi.

13 Waaqayyoof faarfadhaa!
Waaqayyoon galateeffadhaa!
Inni lubbuu namoota hiyyeeyyii
harka hamootaatii ni baasa.

14Guyyaan ani dhaladhe haa abaaramu!
Guyyaan haati koo na deesse sunis hin eebbifamin!
15Namichi, “Daaʼimni tokko jechuunis
ilmi siif dhalatee jira!” jedhee abbaa kootiif oduu fidee
akka malee isa gammachiise sun haa abaaramu!
16Namichi sun akkuma magaalaawwan
Waaqayyo gara laafina malee garagalchee haa taʼu.
Inni ganamaan wawwaannaa,
saafaan immoo iyya waraanaa haa dhagaʼu.
17Akka haati koo awwaala naa taatuuf,
akka gadameessi ishees iddoo jireenya bara baraa naaf taʼuuf
inni utuu ani gadameessa keessaa hin baʼin na hin ajjeefneetii.
18Ani maaliifan rakkinaa fi gadda arguuf
jireenya koos qaaniin fixuuf
gadameessa keessaa baʼe?
Copyright information for GazHAHl