Jeremiah 22
Murtii Mootota Hamootti Murame
1 Waaqayyo akkana jedha: “Gara masaraa Mootii Yihuudaatti gad buʼiitii akkana jedhii ergaa kana achitti labsi; 2‘Yaa Mootii Yihuudaa, ati kan teessoo Daawit irra teessu, ati, qondaaltonni keetii fi sabni kee warri karra kanaan ol galtan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. 3Waaqayyo akkana jedha: Waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjedhaa. Nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa. Alagaatti, ijoollee abbaa hin qabnetti yookaan haadha hiyyeessaatti daba yookaan jalʼina hin hojjetinaa; dhiiga nama balleessaa hin qabnees iddoo kanatti hin dhangalaasinaa. 4Yoo isin ajajawwan kanneen sirriitti eegdan mootonni teessoo Daawit irra taaʼan, qondaaltotaa fi saba isaanii wajjin gaarii moototaatii fi fardeen yaabbatanii karrawwan masaraa mootummaa kanaan ol galu. 5Yoo isin ajajawwan kanneen eeguu baattan garuu akka masaraan mootummaa kun barbadeeffamu ani maqaa kootiin kakadheera, jedha Waaqayyo.’ ” 6 Waaqayyo waaʼee masaraa mootii Yihuudaa akkana jedhaatii: “Ati akka Giliʼaad,akka fiixee Libaanoon naaf taate iyyuu,
ani dhugumaan akka gammoojjii,
akka magaalaawwan namni keessa hin jiraannee sin taasisa.
7Ani balleessitoota tokkoon tokkoon isaanii
miʼa lolaa qabatan, sitti nan erga;
isaanis birbirsa kee filatamaa ni ciru;
ibiddattis ni naqu.
8“Namoonni biyya hedduus yommuu magaalaa kana biraan darbanitti, ‘Waaqayyo maaliif magaalaa guddaa kanatti waan akkanaa fide?’ jedhanii wal gaafatu. 9Isaanis, ‘Sababii isaan kakuu Waaqayyo Waaqa isaanii dhiisanii waaqota biraa waaqeffatanii tajaajilaniifii dha’ jedhanii deebisu.” 10Isin nama duʼeef hin booʼinaa yookaan hin gaddinaa;
qooda kanaa nama boojiʼameef hiqqifadhaa booʼaa;
inni lammata hin deebiʼu
yookaan biyya itti dhalate hin arguutii.
11 Waaqayyo waaʼee Shaluum ilma Yosiyaas kan qooda abbaa isaa mootii Yihuudaa taʼee garuu iddoo kanaa deeme sanaa akkana jedhaatii: “Inni gonkumaa hin deebiʼu. 12Inni iddoo boojiʼamee itti geeffame sanatti duʼa; biyya kanas lammaffaa hin argu.” 13“Nama ollaa isaa utuu gatii humna isaa hin kenniniif
akkasumaan hojjechiifachuudhaan
mana isaa karaa qajeelaa hin taʼiniin,
kutaa isaa kan mana gubbaa immoo karaa sirrii hin taʼiniin ijaarratuuf wayyoo.
14Inni, ‘Ani masaraa guddaa tokko,
kutaa mana gubbaa balʼaa isaa wajjin ofii kootiif nan ijaarradha’ jedha.
Kanaafuu inni foddaawwan itti baasee
muka birbirsaatiin bareechee
halluu diimaadhaan miidhagsa.
15“Birbirsa hedduu qabaachuun kee mootii si taasisaa?
Abbaan kee nyaataa dhugaatii hin qabu turee?
Inni waan qajeelaa fi haqa hojjete;
kanaafuu wanni hundinuu ni qajeeleef.
16Inni hiyyeeyyii fi rakkattootaaf ni falme;
kanaafuu wanni hundi ni qajeeleef.
Na beekuu jechuun kanuma mitii?”
jedha Waaqayyo.
17Iji keetii fi garaan kee garuu
buʼaa karaa hin maliniin argamu irra,
dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu irra,
cunqursaa fi goolii kaasuu qofa irra buʼeera.
18Kanaafuu Waaqayyo waaʼee Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa, ilma Yosiyaas akkana jedha: “Isaan, ‘Anaaf wayyoo, yaa obboleessa koo!
Anaaf wayyoo, yaa obboleettii koo!’ jedhanii hin booʼaniif.
Isaan, ‘Anaaf wayyoo, yaa gooftaa koo!
Anaaf wayyoo yaa ulfina isaa!’ jedhanii hin booʼaniif.
19Inni awwaala harree argata,
jechuunis lafa irra harkifamee
karrawwan Yerusaalem keessaa gad baafamee gatama.”
20“Libaanoonitti ol baʼii iyyi;
sagaleen kee Baashaan keessatti haa dhagaʼamu;
Abaariim keessaas iyyi;
michoonni kee hundi barbadeeffamaniiruutii.
21Ani yeroo ati nagaa qabdutti si akeekkachiiseen ture;
ati garuu, ‘Ani hin dhaggeeffadhu!’ jette.
Kun ijoollummaa keetii jalqabee amala kee ture;
ati naaf hin ajajamne.
22Tiksoota kee hunda bubbeen fudhatee sokka;
michoonni kees ni boojiʼamu.
Sababii hammina kee hundaatiif
ati ni qaanofta; ni salphattas.
23Ati kan Libaanoon keessa jiraattu,
kan muka birbirsaatiin mana ijaarrattu,
yeroo dhiphinni si qabee akkuma dubartii ciniinsifattu tokkoo
miixattutti ati akkam aadda!
24“Akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe” jedha Waaqayyo; “Yaa Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa, ilma Yehooyaaqiim, yoo ati qubeelaa chaappaa harka koo mirgaa taatee illee ani baaseen si gata. 25Ani warra lubbuu kee galaafachuu barbaadanitti, warra ati sodaattu jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonii fi Baabilonotatti dabarsee sin kenna. 26Ani siʼii fi haadha si deesse biyya biraatti, biyya tokkoon keessan iyyuu itti hin dhalatinitti isin nan darbadhaa; isin lachuu achitti duutu. 27Isin biyya itti deebiʼuu hawwitanitti gonkumaa hin deebitan.” 28Yehooyaakiin kun nama akkuma okkotee cabaa tuffatame,
miʼa namni tokko iyyuu hin barbaanneedhaa?
Ijoolleen isaatii fi inni maaliif
darbatamanii biyya hin beeknetti gatamani?
29Yaa lafaa, yaa lafaa, yaa lafaa,
dubbii Waaqayyoo dhagaʼi!
30 Waaqayyo akkana jedha:
“Namicha kana akka nama ijoollee hin qabne tokkootti,
akka nama bara jireenya isaa keessa hin milkoofne tokkootti galmeessaa;
sanyii isaa keessaa namni tokko iyyuu hin milkaaʼu,
namni tokko iyyuu teessoo Daawit irra hin taaʼu,
yookaan siʼachi Yihuudaa hin bulchuutii.”
Copyright information for
GazHAHl