‏ Jeremiah 31:31-34

31“Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin,
mana Yihuudaa wajjinis
kakuu haaraa galu ni dhufa,”
jedha Waaqayyo.
32“Kakuun kunis kakuu ani,
yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee
harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale,
kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruu
isaan cabsan sanaan tokko miti”
jedha Waaqayyo.
33“Kakuun ani yeroo sana booddee
mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha” jedha Waaqayyo.
“Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa;
garaa isaanii keessattis nan barreessa.
Ani Waaqa isaanii nan taʼa;
isaanis saba koo taʼu.
34Sababii hundi isaanii,
xinnaa hamma guddaatti na beekaniif,
siʼachi namni kam iyyuu, ‘Waaqayyoon beeki’ jedhee
ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu”
jedha Waaqayyo.
“Ani yakka isaanii nan dhiisaaf;
cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
Copyright information for GazHAHl